Wongeela Maatewoosii 13
13
Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu
(Mar 4:1-9; Luq 8:4-8)
1Guyyuma san Yesuus manaa bayee dhaqee abbaayaa Galiila'aa bira tee'e. 2Gumiin hedduun isa biratti wolitti qabannaan, inni hoboloo takka keessa seenee barsiisiisaaf tee'e; kolbaan hedduulle qarqara abbaaya'aa dhaabbatteertiiyyu. #Luq 5:1-3 3Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti humu'utti ka'ee, “Caqasa'a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye. 4Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. 5Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago'oo waan hin qanneef ariifattee muute. 6Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde. 7Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii hute. 8Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddama buutte. 9Nami gurra qabu dhage'uu ti!” jedhe.
Mammaassi Maaf Akka Barbaachise
(Mar 4:10-12; Luq 8:9-10)
10Achiin duuba barattooti gara Yesuusii dhufanee, “Ati maaf mammaassaan kolba'atti dubbatta?” jedhane gaafatane. 11Yesuus deebisee, “Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne. 12Ka qabuuf, itti dabalantee hin kennantiif, bacaalle hin qabaata; ka wo hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatanti. #Mat 25:29; Mar 4:25; Luq 8:18; 19:26 13Wonni ani mammaassaan isaanitti dubbadhuuf, isaan adoo ilaalaanuu hin dhagge'anu, adoo caqasanuu hin dhage'anu, yookiin hin hubatanu. 14Maarre raagi Isaayaas dubbatte isaan irratti muumoweera; wonni raagamelle,
‘Isin hin caqattan hin caqattan, ammoo hin hubattanu,
hin ilaaltan hin ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu,
15qalbiin isaanii waan sigiddeef,
gurri isaanii hin dhage'u,
ilti isaanii dunuunfatteerti,
maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu,
gurra isaaniille'een hin caqasanu,
qalbii isaani'iitille'een hin hubatanu, hin deebi'anulle'e,
anille silaa isaan hin fayyisaayyu’ jedhe.
16Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane. 17Ani dhugaa isinitti hima, raagoti heddu'uu fi kolbaan balchooti hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf halchanee, ammoo hin dhaggine, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo hin dhageenne.
Hiikkaa Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu
(Mar 4:13-20; Luq 8:11-15)
18Yesuus itti dabalee, “Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maan akka te'e dhage'a'a. 19Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata. 20Sanyiin lafa dhakittii irratti facaafante, nama jecha dhage'ee yoosuma gammadaan fudhatu; 21Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata. 22Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu. 23Sanyiin biyyee dansaa irra buute ammoo, sun nama jecha dhage'ee hubatu, ka dhugumaan midhaan buusu, tokkochi midhaan dhibba, ka dhibiin midhaan jaatama, ka dhibiille midhaan soddoma buusan.
Mammaassa Jigida'aa
24Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, “Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti. 25Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi'iititti jigidaa facaasee deeme. 26Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate. 27Tajaajiltooti abbaa ficha'aalle dhufanee, ‘Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?’ jedhaneen. 28Inni deebisee, ‘Kana ka godhe diina’ jedhe. Tajaajiltooti deebisanee, ‘Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?’ jedhaneen. 29Inni ammoo deebisee, ‘Waawwo'o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. 30Haga yennaa haamma'aatitti jigida'aa fi qamadiille wolumaan guddatanuuti; yennaa haamma'aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa'aatii jigidaa buqqisa'aa laddee ladde'een hidha'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha'a’ jedhaan” jedhe.
Mammaassa Midhaan Sanaaficci'ii
(Mar 4:30-32; Luq 13:18-19)
31Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, “Mootummaan Waaqaa midhaan sanaaficci'ii ka nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti; 32midhaan isi'ii midhaan mara caalaa diqqaata, yennaa guddatte ammoo waan ficha'atti facaame mara caaltee muka teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii keessatti mana ifii ijaarratti” jedhe.
Mammaassa Uuko'oo
(Luq 13:20-21)
33Yesuus ammalle mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, “Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee bullaa safartuu sadiin wolitti mattee, bullaa san mara bukeessitu fakkaatti” jedhe.
Mammaassi Maaf Akka Mammaakame
(Mar 4:33-34)
34Yesuus mammaassaan waan kana mara gumi'itti dubbate; mammaassaan male waan tokkolle isaanitti hin dubbanne. 35Wonni raagaan,
“Mammaassaan afaan saaqadha;
dadama biyya lafaatii jalqabee waan dhokate dubbadha” jedhe tanaan muumotte.
Yesuus Mammaassa Marroo Jigida'aa Hiike
36Achiin duuba Yesuus gumii lakkisee mana seene. Barattooti isaalle gara isaa dhikaatanee, “Mammaassa jigidaa fichaa qamadi'ii keessaa nuu hiiki” jedhaneen.
37Yesuus deebisee, “Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti; 38fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; 39diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti. 40Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti. 41Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu'uu te'ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee, 42addee isaan booyaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan. 43Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti!
Mammaassa Karra Dhokateertuu
44Yesuus, “Mootummaan ol-gubba'aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate.
45“Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; 46daldaltichi dooqa gatii gudda'aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate.
47“Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa caccoo#13:47 caccoo: tiyyoo qurxummi'iin qabanu qurxummi'ii ta abbaaya'atti afanee qurxummii adda addaa duudii qadde fakkaatti; 48caccoon yennaa guutte, isaan gara cina'aa harkisanee, gad tee'anee, qurxummii dadansaa saaxaraa keessa keyatanee, babadduu ammoo gatane. 49Yennaa muummee biyya lafaalle akkasuma hin teeti. Ergantooti Waaqaa dhuttee worra hamoota worra balchoota irraa gargar baattee, 50addee isaan booyaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti hin qolaansan” jedhe.
51Yesuus, “Kana mara hubattaneertanii?” jedhee isaan gaafate.
Isaan deebisanee, “Ee” jedhane. 52Innille isaaniin, “Tanaaf barsiisaan Seeraa ka mootummaa ol-gubba'aatiif leenji'e, abbaa manaa ka meya mana ifii keessaa waan haareyaa fi waan dullattii gad baasu fakkaata” jedhe.
Yesuus Naaziretitti Tuffatame
(Mar 6:1-6; Luq 4:16-30)
53Yesuus yennaa mammaassa kana fixate, addee san lakkisee deeme.
54Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, “Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaas kunille maan?” jedhane. 55Kun ilma namicha muka bocuutii motii? Haati isaa Maariyaam jedhantii motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihuda'aa motii? 56Obboleettoti isaalle martinuu nu woliin jiranii motii? Inni waan kana mara eessaa dhaggate? 57Tanaaf isaan isa tuffatane. Yesuus ammoo isaaniin, “Raagaan tokko addee dhibi'itti malee, biyya ifiitii fi mana ifii keessatti ulfinna hin dhaggattu” jedhe. #Yoh 4:44 58Sababa dhugeeffatiisa dhaba isaaniitiif, inni bilbaasota hedduu achitti hin hojjanne.
നിലവിൽ തിരഞ്ഞെടുത്തിരിക്കുന്നു:
Wongeela Maatewoosii 13: GAXNT
ഹൈലൈറ്റ് ചെയ്യുക
പങ്ക് വെക്കു
പകർത്തുക
നിങ്ങളുടെ എല്ലാ ഉപകരണങ്ങളിലും ഹൈലൈറ്റുകൾ സംരക്ഷിക്കാൻ ആഗ്രഹിക്കുന്നുണ്ടോ? സൈൻ അപ്പ് ചെയ്യുക അല്ലെങ്കിൽ സൈൻ ഇൻ ചെയ്യുക
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: