Wongeela Yohaannis 4
4
Yesusii Fi Dubarttii Samaariya'aa Takka
1Yeroo sanitti Yesus Yohaannisiin caala'aatti namoota baayi'ee barattoota isaa akka taasisuu'uu fi akka cuuphu Farisoonni ni dhagayan, 2Ta'u'llee ni cuuphan ka turan barattoota isaati malee, inni mataan isaa hin cuuphu ture. 3Waayee isaatiif waan jedhame Farisoonni akka dhagayan yeroo beeketti Yesus, arddii Yihuda'aa dhiisee gara Galiila'aa deebi'ee ni deeme. 4Garasi'llee yoo deemu karaa Samaariya'aatiin dabrruu qabu ture.
5Kanaaf bakka Yaaqoob ilma isaa Yooseefii kenne biraan gara bakka argamittu, Sikaar jedhamttee gara bakka waamamittuu gara magaalaa Samariya'aa ni dhufe. 6Achi'llee boollaa bishaanii ta Yaaqoobiititu jira ture, Yesus karaa deemuu irraa ka ka'een waan dadhabeef, boolla bira ni taa'e, yero'oon'llee gara saa'aatii jahaa ni ta'a ture.
7Yeroo sanitti dubarttiin biyya Samaariya'aa takka bishaan woraabu'uuf gara boollaa ni dhufitte, Yesus'llee, «Bishaan ana obaasi» ni jedheen. 8Yeroo sanitti'llee barattoonni isaa waan nyaataa bitu'uuf, gara magaala'aa deemanii jiran ture. 9Dubarttiin Samaariyittin tun'llee Yesusiin, «Ati gara worra Yihudotaatii taatee uduu jirttu, attamitti ana Samaariyitti'iin, ‹bishaan ana obaasi!› jettee ana gaafatta?» jetteen, kana jechuun isi'ii, Yihudonni Samaariyotaan woliin woliigaltee waan hin qabnneef ture.
10Yesus'llee, «Kennaa Waaqaatii fi ‹bishaan ana obaasi!› ka siin jedhu eennuun akka ta'e uduu ka isa beekittu ta'ee, isa kadhachuun ka sirraa malu si ture, inni'llee bishaan jireennaa siif ni kennaa ture» jedheen.
11Isiin'llee akkana jechu'uun ni deebifitte, «Yaa Gooftaa! Ati waan woraabdduun hin qabddu, boollitti'llee gad fago'o, eegaa, bishaan jireennaa eessaa argatta ree? 12Ati boolla kana ka nu'uuf kenne abbaa keenna Yaaqoobiin ni caaltta moo? Isaa fi ijoolleen isaa, horiin isaa'llee boolla kana keessaa dhuganii jiran.»
13Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Bishaan kana irraa ka dhugu marrinuu deebi'ee ni dheebota, 14bishaan ani kennu irraa ka dhugu garuu bara baraaf gonkumaa hin dheebotu, bishaan ani kennu nama dhuguuf, jireenna bara baraatiif ka burqqu, burqqaa bishaan jireennaa ni ta'a.»
15Dubarttiin'llee, «Yaa Gooftaa! Ammaa achitti bishaan akka hin dheebonnee fi garana'llee woraabu'uuf akka hin dhufinne yabo'oo bishaan akka kana naaf kenni» jetteen.
16Yesus'llee, «Deemiitii abbaa worraa kee waamiitii deebi'i!» jedheen. 17Dubarttiin'llee, «Abbaa worraa hin qabu» jechu'uun ni deebifitte, yeroo kanatti Yesus akkana isi'iin jedhe, «Abbaa worraa hin qabu jechuun kee sirri'i, 18abbootii worraa shan ni qabdda turtte, naminni amma si woliin jiru abbaa worraa keetii miti, kanaaf dhugaa dubbattee jirta.» 19Dubarttiin'llee akkana jetteen, «Yaa Gooftaa! akka ati nabiyyii taate amma beekee jira, 20abbootiin teenna gaara kana irratti ni sagadan, isin garuu, ‹namoonni ka sagaduun isaan irraa malu Yerusaalemitti› jettan.»
21Yesus'llee akkana isi'iin ni jedhe, «Dubarttii nana! Gaara kana irratti yookiin Yerusaalemtti, Waaqa Abba'aaf yeroon isin itti hin sagadinne akka dhufu amani, 22isin Waaqa hin beekinneef ni sagadinna, nu'u garuu fayyinni ka dhufu Yihudotaa irraa waan ta'eef, Waaqa beekinnuuf ni sagadinna. 23Garuu dhuga'aan ka sagadan, Waaqa Abba'aa fi dhuga'aa fi Hafuuraan dhuga'aan yeroon itti sagadan ni dhufa, gonkumaa ammaa dhufee jira, Waaqinni abbaan'llee ka barbaadu worra karaa kanaan isaaf sagadan. 24Waaqinni Hafuura, worri isaa sagadan'llee Hafuuraa fi dhuga'aan, isaa sagaduun isaaniin irra ni mala.»
25Dubarttiin'llee, «Kristos ka jedhamu Masihiin akka dhufu ni beeka, inni yoo dhufe waan maraa nu'utti ni hima» jetteen.
26Yesus'llee, «Kunoo! Ani ka ammaa si haasofsiisa'aa jiru isa» ni jedheen.
27Kanaan duubatti barattoonni isaa bakka dhaqanii deebi'anii ni dhufan, Yesus dubarttii woliin haasayuu isaatiin ni maalalan, haa ta'u malee, «Maal barbaadda? Yookiin isii woliin maali'iif haasoftta?» jedhee ka isa gaafate, eennu'llee hin turre.
28Kanaan duubatti dubarttiin waabaa isi'ii dhiifittee gara magaala'aa deemtteeti, namootaan akkana ni jette, 29«Waan hojjadhe maraa nama natti hime koota'aatii laalaa! Yookiin inni Masihii ta'innaa laata?» 30Namoonni'llee magaala'aa bayanii gara Yesusii ni dhaqan.
31Yeroo sanitti barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisa! Waan nyaataa woyii nyaadhu!» jechu'uun, ni kadhataniin.
32Inni garuu, «Isin ka hin beekinne ani ka nyaadhu nyaata ni qaba» isaaniin jedhe. 33Kanaaf barattoonni isaa, «Naminni woyii waan nyaataa fideefii jira ta'innaa?» woliin ni jedhan. 34Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Nyaanni kiyya fedhii ka ana ergee taasisu'uu fi hujii isaa'llee raawwachu'u. 35Isin, ‹ufi durana ji'iin afurrii hafee jira, saniin duubatti'llee yeroo calla'aa ni ta'a› jettanii mitii ree? Ani garuu, ‹ol jedha'aatii bakki qonnootaa yeroo calla'aatiif akka gayan, laalaa!› isiniin jedha. 36Ka haamu mindaa isaa ni fudhata, jireenna bara baraatiif firii ta'u'llee wolitti ni qaba, kanaaf ka facaasu'llee, ka haamu'llee, woliin ni gammadan. 37Sababaa kanaan, ‹tokko in facaasa, kuun ammoo ni haama› jechi jedhame, dhuga'a. 38Ani'llee ka isin itti hin dadhabbiin akka haamittaniif isin ni erge, kuunniin huji'iin ni dadhaban, isin garuu firii dadhabbii isaaniitiin ni fayyadamittan.»
39Dubarttiin, «Waan hojjadhe maraa ka natti ni hime» jettee akkaataa ragaa baateen, magaalaa sanii namoonni baayi'een Samaariya'aa, ni amanan. 40Kanaaf namoonni Samaariya'aa gara Yesusii yeroo dhufanitti, isa woliin akka turaniif ni kadhataniin, inni'llee guyyaa lamaaf achi ni ture.
41Sababa dubbii isaatiin'llee namoonni bira'aa baayi'een'llee, isatti ni amanan. 42Dubarttiin'llee, «Ammaa achitti isa ka amannuun dubbii ati nutti himtte qofaan uduu hin ta'in, nu mataan keennaa waan isa dheeeffannee fi dhugamaanuu inni Fayyisaa biyya lafaa akka ta'e waan beekinneef» isi'iin jedhan.
Yesus Ilmi Nama Aangoo Qabuu Tokkoo Akka Fayyise
43Yesus Samaariya'atti guyyaa lamaa eega tureen duubatti, gara Galiila'aa ni deeme. 44#Mat 13:57; Mar 6:4; Luq 4:24.Inni mataan isaa, «Nabiyyiin biyya mataa isaa titti hin kabajamu» jedhee, dubbatee ture. 45#Yoh 2:23.Garuu gara Galiila'aa yeroo gayetti namoonni Galiila'aa haala misha'aan ufitti ni fudhataniin, kun'llee ka ta'e Ayyaana Faasiika'aatiif gara Yerusaalemii deemanii yeroo turetti, waan inni achitti raawwate mara, arganii jiran waan tureef.
46 #
Yoh 2:1-11. Kanaan duubatti Yesus gara bakka bishaan gara daadhii woyinni'ii itti jijjiire gara bakka arddii Galiila'aa titti argamittuu, gara magaalaa Qaana'aa lammaffaa ni deebi'e, yeroo san Qifirnaahoomitti ilmi isaa ka jalaa dhukkubisate, namichi muudamaan mana mootumma'aa tokko ni jira ture. 47Inni'llee Yesus arddii Yihuda'aatii gara Galiila'aa dhufuu isaa dhagayee gara isaa ni dhaqe, gara Qifirnaahoomii akka bu'uu fi haalaan dhukkubsatee du'u'uuf ka dhiyaate ilma isaa akka fayyisuuf, Yesusiin ni kadhateen. 48Yesus'llee, «Isin baasaa fi maalalee yoo argitan malee, womaa hin amanttan!» jedheen.
49Muudamaan'llee, «Yaa Gooftaa! Ilmi kiyya du'u'uun duranatti, yabo'oo dafii bu'i» jedheen. 50Yesus'llee, «Gara mana keetii deemi! Ilmi kee lubbu'uun ni jiraataa» jedheen.
Namichi'llee dubbii Yesus dubbate amannee, gara mana isaa ni deeme. 51Yoo deemu'llee tajaajilttoonni karaa irratti argataniinii, «Ilmi kee fayyee jira!» jedhanii, itti ni himan.
52Inni'llee yeroon ilmi isaa itti woyyate isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Kaleessa saa'aatii torba irratti holataan #4:52 Holataan:- Oo'i qaamaa yookiin gubiitiin qaama isi'ii gad ni dhiiseen» jedhaniin. 53Abbaan'llee Yesus, «Ilmi kee lubbu'uun ni jiraata» ka jedhe yeroma sanitti akka ta'e ni beeke, kanaaf guyyaa sanii jalaqabee isaa fi maatiin isaa marrinuu, Yesusitti ni amanan. 54Baafinni kun Yesus Yihuda'aa gara Galiila'aa dhufee ka raawwate, baasa lamaffaat.
Atualmente selecionado:
Wongeela Yohaannis 4: ArsiDNT
Destaque
Partilhar
Copiar
Quer salvar os seus destaques em todos os seus dispositivos? Faça o seu registo ou inicie sessão

: