Hujii Ergamittootaa 2
2
Hafuurri Qulqulluun Barattoota Isaa Irratti Bu'uu Isaa
1Ayyaanni Pheenxeqosxe'ee yeroo gayetti barattoonni isaa marrinuu bakka tokkotti tokkuma'aan woligayanii ni turan, 2dimmaa qooniqqiti honbololattiin bubbee cimttu'uu fakkaatu samii ni dhufe, mana keessa turan'llee ni guute. 3Wonittoonni arraba ibiddaa fakkaatan isaantti ni muldhatan, adda qoodamanii'llee tokkoo tokkoo isaanii irra ni taa'an. 4Marrinuu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, Hafuura Qulqullu'uun akka dubbataniif haga dandeettii isaanii kenneetiin'llee, afaanota bira'aatiin dubbachuu jala ni qaban.
5Biyyoota lafaa mara irraa'llee ka dhufa, Yihudonni kadhanna'aan jabaatan, Yerusaalemiin ni jiran turan. 6Qooniqqa kana'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een wol ni gayan, afaan isaaniitiin'llee wolitti yoo dubbatan waan isaan dhagayaniif, ni dinqisiifatan. 7Maalalffachu'uu fi dinqisiiffachuun'llee akkana ni jedhan, «Kunniin worri akkana dubbatan marrinuu, namoota Galiilaatii mitii? 8Eegaa nu afaan biyya isaanii ka dhalootaatiin yoo dubbatan ka isaan dhageennu, attamitti? 9Nu Phaartee, Meedii, Elaam, Mosophotaamiyatti, Yihudaatti, Qephidooqiyaa, Phanxoos fi Asiaatti, 10Firgiyaa, Phamfiliyaatti, Gibxitti, Qareenaa biratti ka jiran, konyaawwan Liibiyaa worra jiraannu, Yihudonni Roomaa dhufnnee fi gara Yihudaa ka galle'llee, ni argaminna, 11akkuma kanaan namoonni Qarxees fi namoonni Arabaa'llee ni argaman, kunoo kunniin marrinuu hujii Waaqaa ol aanaa afaan isaaniitiin yoo dubbatan, ni dhageenna!» 12Kanaaf marrinuu maalalffatanii waan jedhan dhabanii, «Wonitti kun maal ta'inna laata?» woliin ni jedhan.
13Tokko tokko garuu, «Dhaadhii woyinni'ii haarawa dhuganii machaayanii jiran!» jedha'aa isaantti ni baldan.
Haasaya Phexirosii
14Yeroo sanitti Phexiros kudha lamaan woliin dhaabatee qooniqqa isaa ol fuudhee, akkana jechuun ummatatti ni dubbate, isin namoonni biyya Yihuda'aatii fi jiraattonni Yerusaalemii marrinuu, waan ta'e kana beekuuf haasaya kiyya kana dhageeffadhaa, 15ganama keessaa kunoo saa'aatii sadihi waan ta'eef akka isin yaaddanitti, namoonni kunniin hin machoofnne. 16Garuu kun ka ta'e nabiyyichi Iyyuu'eeliin akkana jechu'uun jechi dubbate akka raawwatamuuf,
17Waaqinni guyyaa muummee titti akkana ni ta'a jedha,
hafuura kiyya nama maraa irratti ni jissa.
Ijoolleen kiyya ta dhiiraatiif ta durbbaa'llee raagaa ni dubbatan,
gayeeyyiin keessan'llee, mulidhata ni argan,
Jaarsotiin'llee ebjju'uun ni eebjotan.
18Akkuma kana guyyoota sanniinitti tajaajiltoota kiyya ka
dhiiraatii fi ka dubarttoota irratti'llee,
Hafuura kiyya ni jissa,
isaan'llee raaga ni dubbatan.
19Ol sami'itti wonittoota maalale'ee,
gad lafatti'llee baasota ni muldhisa,
Dhiiga, ibidda, aarri qayyootaa'llee ni muldhata.
20Ol aana'aa fi maalalchiisaa,
guyyaan Goofta'aa dhufu'uun duranatti,
aduun ni dukkanooftti,
jiin'llee dhiiga ni fakkaatti.
21«Ka maqaa Gooftaa waamu marrinuu ni fayya.»
22«Isin yaa namoota Israa'eelii! Dubbii kana dhageeffadhaa, isin mataan keessanuu akkuma beekittan eennummaan Yesusii Naazireetii, Waaqinni isin jiddu'utti karaa hujiiwwan isaa ol aanaa raawwateetiin, baasotaa fi malikatootaatiin mirkanaayee jira.» 23#Mat 27:35; Mar 15:24; Luq 23:33; Yoh 19:18.Inni mataan isaatuu akkaatama Waaqinni duraan durssee karoorssee fi hujimaata beekeetiin isiniif dabarffamee ni kenname, isin'llee harka hamaaleyyi'ii titti akka fannifamuu fi akka du'u ni taasfttaniin. 24#Mat 28:5, 6; Mar 16:6; Luq 24:5.Waaqinni garuu huminna du'aa balleessee du'aa ni kaaseen, kanaaf duuti qabddee isa hanbbisuunii hin dandeenne. 25Daawiit'llee waayee isaa akkana ni jedha,
Gooftaa yeroo maraa ufi durana kiyyatti ni argaan,
akka hin raaffamineef'llee inni mirga kiyyaan jira.
26Kanaaf onneen kiyya ni gammade,
afaan kiyya'llee gammachu'uun ni guuttame,
akkuma kana foon kiyya ka du'aa ta'e'llee abddi'iin ni jiraata,
27lubbuu kiyya siioolitti hin dhiifttuun,
Qulqulluu kee'llee awwaala keessatti, shamee akka hafu hin taasfttu.
28Karaa jireennaa'llee ana ni beekisiftte,
anaan woliin ta'uu keetiin'llee, gammachuun kiyya muda maleessa ni ta'a.
29«Yaa obboleeyyan kiyya! Abbootii duraanii keessaa tokko ka ta'e Daawiiti akka du'ee fi akkuma awwaalame, awwaalli isaa'llee haga adhaa titti akkuma nu bira jiru, ifaan isinitti haa himu. 30Garuu Daawiiti kana ka dubbate nabiyyii waan turee fi Waaqinni, ‹fiixaa kee keessaa tokko teessoo kee irra siif ni kaayaan› jechu'uun, kaku'uun ka kenneef, dubbii abddi'ii ni beeka waan tureef, 31Sababa kanaan'llee, Masihiin siioolitti akka hin hafinnee fi foon isaa'llee shamee awwaala keessatti akka hin hafinne, durssee argee waan tureef ni dubbate.
32Yesusii kana'llee Waaqinni du'aa ni kaaseen, nu marri keennaa waan kanaaf ragoota. 33Mirga Waaqaatiin taa'uuf ol yeroo jedhee fi abddii Hafuura Qulqullu'uu'llee Waaqa Abbaa irraa yeroo fudhatetti, kana ka argitanii fi ka dhagaya'aa jirttan kana ni dhangalaase.» 34Eegaa gara samii Daawiitiin ol baye waan hin ta'iniif, Daawiitiin mataan isaatuu akkana jechu'uun dubbatee jira, 35Gooftaa Gooftaa kiyya (Masihichaaf)
diinota kee aangoo kee jala haga si taasisutti,
mirga kiyyaan taa'i
jedheenii jira.
36«Eegaa kana ka isin fannifttan Yesusiin, Waaqa Goofta'aa fi Masihicha akka isa taasiseen, ummanni Israa'eelii marrinuu qajeelatti haa beeku!»
37«Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti onneen isaanii gaddaan tuqamttee Phexiros fi ergamittoota kaanniiniin'llee, Yaa obboleeyyan! Egaa maal haa taasfnnu?» isaaniin jedhan.
38Phexiros'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Waaqaa titti deebi'aa, cubbuun keessan'llee isiniif akka dhiifamu, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositiin cuuphamaa, kennaa Waaqaa ka ta'e Hafuura Qulqulluu'llee ni fudhattan, 39dubbiin abddii isaa isinii fi ijoollee keessaniif, Waaqinni Gooftaan keenna gara ufii worra isaan waamuuf, fagoo worra jiran maraaf'lle'e.»
40Ka biraa'llee dubbii baayi'e'een ragaa baya'aa, «Dhaloota hamaa kana irratti balaa dhufu jalaa, mataa keessan baasaa!» jechuun isaan ni gorsse. 41Isaan keessaa baayi'eewwan dubbii isaa fudhatanii ni cuuphaman, guyyaa sanitti amanittoonni kuma sadihi ka gayan ni dabalaman. 42Isaan'llee barsiisa ergamittootaa dhagayu'uun, tokkumma'aan jiraachu'uun, nyaata'llee woliin nyachu'uu fi kadhanna'aan ni jabaatan turan.
Obbooleeyyumaa Amantootaatii fi Jireenna Tokkumma'aa
43Yeroo sanitti harka ergamittootaa titti baasonni baayi'ee fi wonittoonni maalale'ee'llee ni raawwataman waan tureef, mara isaanii irraa sodaan ni bule. 44#HuE 4:32-35.Amanttoonni marrinuu tokkummaan woliin ni jiraatan turan, wonitti qaban marri'llee ka woliin qaban ture. 45Lafa isaanii ka qonnaatii fi qabeenna isaanii gurgura'aa, qarshii tokko tokkoo isaaniitiif akka barbaachisutti, ni qoodaniif ture. 46Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture, 47Gooftaan'llee ni galateeffatan turan, naminni marri'llee isaan ni kabaja ture, Waaqinni'llee namoota fayyan guyyama guyya'aan, gara miseenssa isaanii ni dabala ture.
Aktuálne označené:
Hujii Ergamittootaa 2: ArsiDNT
Zvýraznenie
Zdieľať
Kopírovať
Chceš mať svoje zvýraznenia uložené vo všetkých zariadeniach? Zaregistruj sa alebo sa prihlás