Wongeela Yohaannis 13
13
Yesus Miila Barattoota Isaa Miicuu Isaa
1Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate.
2Yesusii fi barattoonni isaa'llee irbaata ni nyaatan ture, Ilmi Simoonii Yihudaan naminni biyya Keriyootii garuu Yesusiin dabarssee kennu'uuf, seexanni onnee isaa keessa yaada hamaa ni buliche. 3Waaqinni Abbaan aangoo mara akka isaa kennee fi Waaqa biraa bayee akka dhufe, gara Waaqaa'llee akka deemu Yesus ni beeka ture. 4Kanaaf bakka nyaataatii ka'ee uffata isaa lafa ni kaaye, subbee ittiin sukkuumu'llee fudhee hidha isaa titti ni hidhate. 5Kanaan duubatti meeshaa irratti miicatantti bishaan buusee, miila barattootaa isaa miicuu jala ni qabe, subbee hidha isaa titti marateen'llee miila isaaniin ni susukkuume. 6Yesus gara Simoon Phexirosii yeroo dhufetti'llee Simoon Phexiros, «Yaa Gooftaa! Ati miila kiyya ni miicca ree»? jedheen. 7Yesus'llee, «Waan ani raawwadhu ati amma hin beekitu, maa'ii garuu ni hubatta» jedheen. 8Phexiros'llee, «Ati gonkumaa miila kiyya hin miicu!» jedheen. Yesus'llee, «Ani miila kee miicuu yoo dhabaadhe ati ana biraa gayaa hin qabddu» jedheen. 9Simoon Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Akkana eega ta'e ammoo miila kiyya qofa uduu hin ta'in harkaa kiyya'llee, mataa kiyya'llee naa miici!» jedheen. 10Yesus'llee, «Qaama isaa ka miicate garri inni qabu marrinuu qulqulluu waan ta'eef, miila isaa miicachu'uun alatti, ka bira'aa isa hin barbaachisu, isin'llee qulqullaayomota, garuu marri keessanuu Qulqullu'uu miti» jedheen. 11Yesus, «Isin marrinuu Qulqullu'uu miti» ka jedhe, ka dabarssee isa kennu eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef.
12 #
Luq 22:27. Miila isaanii eega miiceen duubatti uffata isaa uffateeti gara bakka isaa titti deebi'ee ni taa'e, akkana'llee isaaniin jedhe, «Maal akka isiniif raawwadhe hubattanii ree? 13Isin ‹barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettan, ani barsiisa'aa fi Gooftaa waan ta'eef ka isin jettan sirri'i. 14Eegaa ani barsiisa'aa fi Gooftaa keessan ta'ee uduu jiru miila keessan yoo miice, isin'llee ufii keessan miila keessan wolii miicuu qabddan. 15Ani isiniif akkuma raawwadhe isin'llee akka raawwattaniif, fakkeenna isinii kennee jira.» 16#Mat 10:24; Luq 6:40; Yoh 15:20.Dhugaa isiniin jedha, tajaajilaan Gooftaa isaa hin caalu, ergamaan'llee ka isa erge hin caalu. 17Waan kana uduu beekittanii fi hujii irra uduu oolichitaniinii, isin ka eebbifamttan.
18Kana ka dubbadhu waayee mara keessaniitiifii miti, ani worra isin filadhe ni beeka, garuu buddeena kiyya ka nyaate ana irratti diinumma'aan ni ka'e ka jedhu, dubbiin Kitaaba Qulqullu'uu raawwatamu qaba. 19Kun uduu hin ta'iniin duranatti amma durssee ka isinitti himu, eega raawwatameen duubatti eennummaa kiyyatti akka amanittaniif. 20#Mat 10:40; Mar 9:37; Luq 9:48; 10:16.Dhugaa isiniin jedha, ka ani ergu ka ufitti fudhatu, ana ufitti ni fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu ka ana erge ni fudhata.
Yesusiin Dabarssee Ka Isa Kennu Eennuun Akka Ta'e Durssee Dubbachuu Isaa
(Mat 26:20-25; Mar 14:17-21; Luq 22:21-23)
21Yesus kana eega jedheen duubatti hafuura isaatiin sarddameeti, dhugaa isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarssee ana ni kenna jechu'uun, ibisee ni dubbate.
22Barattoonni isaa kana waayee eennuutiif akka dubbate beekuu dhabuu isaaniitiin, ufii isaaniitii woliin ni laalan. 23Yesus ni jaalataan ka ture, barattoota isaa keessaa tokko isa biraan taa'ee jira ture. 24Simoon Phexiros isa maqaa dhayeeti, «Waayee eennuu akka dubbate, mee gaafadhu» jedheen.
25Kanaaf inni morma isaa gara Yesusii dhiyeesseeti, «Yaa Gooftaa! Dabarssee ka si kennu eennu?» jechu'uun, ni gaafateen.
26Yesus'llee, «Inni'llee buddeenna kana itto'oon tuqee ka afaan kaayuun» jedhe. Kana'llee jedhee buddeenna itto'oon tuqeeti, nama biyya Keriyootii ilma Simoonii Yihudaa afaan ni kaayeen. 27Yihudaan'llee fuudhaa eega fudhateen duubatti, bakkumatti seexanni isaa keessa ni bule, Yesus'llee Yihuda'aan, «Raawwachu'uuf waan yaadde dafiitii raawwadhu!» jedheen. 28Yesus waayee maali'iitiif kana akka jedhe worra nyaataaf taa'an keessaa eennu'llee ka galeef hin jiru. 29Yihudaan qarshii qabaa waan tureef barattoota keessa tokko tokkoon isaanii Yesus, «Waan ayyaanaaf nu barbaachisu biti yookiin hiyyeesotaaf arjjooma kenni» waan isaan jedhe, isaanitti fakkaatee ture.
30Yihudaan'llee akkuma fuudhaa fudhateen bakkumatti bayee ni lixe, yeroon'llee halkan ture.
Ajaja Haarawa
31Eega Yihudaan bayee deemeen duubatti Yesus akkana ni jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulffaatee jira, karaa isaatiin'llee Waaqinni ulffaatee jira. 32Waaqinni karaa isaatiin eega kabajame, Waaqinni'llee isa ni kabajaan, uduu hin turin'llee ni kabajaan. 33#Yoh 7:34.Yaa ijoolle, isin woliin yeroo baayi'ee hin turu, isin'llee ana barbaadan, namoota aangoo qaban worra Yihudotaatiif, ‹gara ani deemu isin dhufu'uuf hin danddeettan› akkuma isaaniin jedhe, amma'llee isiniin'llee akkuma kana ni jedha. 34#Yoh 15:12, 17; 1Yoh 3:23; 2Yoh 1:5.Ufii keessan akka wol jaalattaniif ajaja haarawa isinii ni kenna, akkuma ani isin jaaladhetti, ufii keessanii'llee wol jaaladhaa. 35Ufii keessan yoo wol jaalattan barattoota kiyya akka taatan, naminni marrinuu ni beeka.»
Phexiros Akka Waakkatuun Yesus Durssee Dubbachuu Isaa
(Mat 26:31-35; Mar 14:27-31; Luq 22:31-34)
36Kanaan duubatti Simoon Phexiros Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Garami ka deemittu?» jechu'uun, ni gaafateen.
Yesus'llee, «Gara ani deemu amma ana horddofu'uuf hin danddeettu, maa'ii garuu ana ni horddoftta» jechu'uun, ni deebiseef.
37Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Waayee maali'iitiif amma si horddofu'uuf hin danddeenne? Ani lubbuma kiyya yoo taate'llee waayee keetiif, dabarssee ni kenna!» jedheen.
38Yesus'llee, «Ati lubbuu kee waayee kiyyaaf dabarssitee ni kennita? Dhugaa siin jedha, adha lukkuun iyyu'uun duranatti, yeroo sadihii ana waakkata» jechu'uun, ni deebise.
Aktuálne označené:
Wongeela Yohaannis 13: ArsiDNT
Zvýraznenie
Zdieľať
Kopírovať
Chceš mať svoje zvýraznenia uložené vo všetkých zariadeniach? Zaregistruj sa alebo sa prihlás