Wongeela Yohaannis 2
2
Yesus Qaanaa Galiila'atti Afeerrii Cidhaa Irratti Argamuu Isaa
1Guyyaa sadaffaa titti, arddii Galiila'aa titti ta argamittu magaalaa Qaanaa jedhamttutti, aciin ni jira ture, haati Yesusii'llee achi ni jirtti ture. 2Yesusii fi barttoonni isaa'llee gara cidha sanii waamamanii jiran ture. 3Afeerrii cidha kanaa irratti daadhiin woyinni'ii yeroo dhumumetti haati Yesusii Yesusiin, «Dhaadhiin woyinni'ii isaan jalaa dhumatee jiraa bee!» jetteen. 4Yesus'llee, «Yaa haadha tiyya! Si'iin woliin maal qaba? Yeroon kiyya amma'llee hin geenne» ni jedheen.
5Yeroo sanitti haati isaa tajaajilttoota achi turaniif, «Waan inni isiniin jedhu raawwadhaa!» isaaniin jette.
6Yihudonni naamusa qulqullaayinnaa ni qaban waan turaniif, waabota dhaga'aa jaha achi ni turan, tokko tokkoon isaa'llee bishaan waabaa lamaa yookiin sadihii qabu'uuf ni danda'an turan. 7Yesus tajaajilttoota isaatiin, «Waabotatti bishaan guutaa!» isaaniin jedhe, isaan'llee haga afaan isaanii titti ni guutan. 8Kanaan duubatti Yesus tajaajilttoota isaatiin, «Jedhaa amma woraaba'aatii itti gaafatamaa afeerriitiif kennaa!» isaaniin ni jedhe, isaan'llee fidanii ni kennaniif. 9Itti gaafatamaan afeerri'ii'llee bishaan gara daadhii woyinni'ii titti jijjiirame yeroo afaaniin qabetti, eessaa akka dhufe hin beekinne, tajaajilttoonni bishaan woraabanii garuu ni beekan ture, kanaaf itti gaafatamaan afeerri'ii, ka fuudhu waamee akkana ni jedheen, 10«Naminni marrinuu durssee ka dhiyeessu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e, afeeramitoonni eega dhuganiin duubatti daadhii laafaa ta'e ni dhiyeessa, ati garuu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e haga ammaa ni tursiiftte» jedheen.
11Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan.
12 #
Mat 4:13. Kanaan dubbatti Yesus haadha, obboleeyyan isaa, barattoota isaa woliin'llee gara Qifirnaahoomii ni bu'an, achi'llee guyyoota muraasaaf ni taa'an.
Yesus Worra Mana Waaqeffanna'aa Titti Wol Gabayatan Baasuu Isaa
(Mat 21:12-13; Mar 11:15-17; Luq 19:45-46)
13Ayyaanni Faasiikaa Yihudotaa dhiyaatee waan jira tureef Yesus gara Yerusaalemii ni deeme, 14Mana Waaqeffanna'aa titti'llee qotiyyoota, hoolotaa fi handariiwwan worri gurguranii fi qarshii jijjiirttonni ta'anii yoo wol gabayatan isaan ni argate. 15Yeroo sanitti giraafii haada irraa hojjateeti namoota maraa, hoolotaa fi qotiyyootaan woliin Mana Waaqeffanna'aatii isaan ni baase, qarshii worra qarshii jijjiirttotaa'llee ni bittinneese, minjaalota isaanii'llee ni garagalche. 16Namoota handarii gurguraniin'llee, «Kana maraa garas fudhadhaa! Mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin taasisina'aanii!» isaaniin jedhe. 17Yeroo kanatti barattoonni isaa, «Hinaaffaan waayee mana keetiitiif qabuu akka ibiddaa titti ana ni gube» jedhamee, akka barreeffame ni yaadatan.
18Kanaan duubatti namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa Yesusiin, «Ati kana raawwachu'uuf aangoo akka qabddu, baasa maal nutti muldhiftta?» jedhaniin.
19 #
Mat 26:61; 27:40; Mar 14:58; 15:29. Yesus'llee, «Mana Waaqeffanna'aa kana diiga'aatii ani guyyaa sadihitti deebisee ni ijaaraan» isaaniin jedhe.
20Isaan'llee, «Mana Waaqeffanna'aa kana ijaaru'uuf woggaa afurtamii jahaa fixee jira, eegaa ati guyyaa sadihii keessatti ni ijaarittaa ree?» jedhaniin.
21Yesus garuu, «Mana Waaqeffanna'aa» jedhee ka dubbate, waayee qaama isaa ni ture. 22Kanaaf Yesus du'aa yeroo ka'etti barattoonni isaa kana dubbatee akka ture ni yaadatan, sababa kanaan kitaaba Qulqulluu keessatti ka barreeffamee fi dubbii Yesus dubbatte'llee ni amanan.
23Yesus yeroo Ayyaana Faasiika'aa titti Yerusaalemiin uduma jiru baasota inni raawwate arguu isaaniitiin, namoonni baayi'een isatti ni amanan. 24Yesus garuu namoota maraa ni beeka waan tureef, isaan hin amanne, 25inni waan onnee namaa keessa jiru maraa ni beeka waan tureef, waayee namaa eennu'llee akka isatti himuuf hin barbaachifnne ture.
Aktuálne označené:
Wongeela Yohaannis 2: ArsiDNT
Zvýraznenie
Zdieľať
Kopírovať
Chceš mať svoje zvýraznenia uložené vo všetkých zariadeniach? Zaregistruj sa alebo sa prihlás