Logo YouVersion
Ikona Hľadať

Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 23

23
Yesuus Philaaxoosiin Afo'otti Dhiyeeffame
(Mat. 27:1-2,11-14; Mar. 15:1-5; Yoh. 18:28-38)
1Isaan maruu wolii galanii ka'anii gara Philaaxoosii isa fidanii, 2#20:21-26 «Kun gumii keenna dogoggorsa'aa, Qeesaarii fi mootii worra Rooma'aatii gibira akka hin kaffallee yoo dhooggu, akkasuma Ani Kiristoosii mooti'i yoo jedhu dhageenne» jedhanii himachuu jalqaban. 3#Xim. 1ffaa 6:13 Philaaxoos, «Ati mootii Yihuudi'iitii?» jedhee isa gaafate.
Innillee deebisee, «Maarre atuu jettee» jedheen. 4Philaaxoos, bulchoota gadootaatii fi gumi'iin, «Ani nama kana irratti yakka tokkollee hin argine» jedhe. 5#Hu. Er. 10:36-38 Isaan ammo jabeessanii, «Galiila'aa jalqabee haga Yihuuda'aa maraa keessatti barsiisa'aa gumii booreessa» jedhan.
Yesuusiin Heroodisiin Afo'otti Dhiyeessan
6Philaaxoos ammo Galiilaa hennaa jedhan dhagayee, «Inni nama Galiila'aatii?» jedhee gaafate. 7#3:1 Philaaxoos akka Yesuus bulchiinsa Heroodisii keessa ta'uu beeke; hennaa san Heroodis waan Yerusaalemiin keessa tureef gara isaa erge. 8#9:9; Mat. 14:1-2 Heroodis hennaa hedduu waan Yesuusiin arguu barbaaduuf hennaa isa arge guddisee gammade. Waan isaa waan dhagayee tureef hennaa inni baasa hojjatu argu'uuf hawwa'aa ture.
9 # Yoh. 19:10 Kanaaf gaafii heddu isa gaafate. Inni ammo waa tokkollee isaa hin deebifne. 10Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee jabeessanii isa himachu'uuf achi dhaabatanii turan. 11Heroodisillee loltoota ufii woliin tuffatee isatti balde. Uffata qandhafaa itti uwwisee, deebisee gara Philaaxoosii erge. 12#Hu. Er. 4:27 Heroodisii fi Philaaxoos gaafas jaalalloo ta'an. Duraan edduu isaanii lolatu ture.
Yesuusitti Du'a Murteessan
(Mat. 27:15-26; Mar. 15:6-15; Yoh. 18:39—19:16)
13Kanaan maayessa Philaaxoos bulchoota gadootaa, aango qabeeyyi'ii fi banii wolitti waamee akkana isaaniin jedhe. 14Isin, «Namichi kun gumii dogoggorsa jettanii nama kana gara kiyya fiddan, kunoo afoo keessanitti qoradhee waan isin isa himattaniif yakka tokkollee nama kana irratti hin argine. 15Heroodis ammo womaa irratti waan hin argineef gara keenna deebiseera; waan isa ajjeesisu womaa hin goone. 16Eegasuu adabee isa hiika.» 17[Hennaa ayyaanaa nama hidhame tokko hiikuun aadaa isaanii waan ta'eef.]
18Isaan maruu wol ta'anii, «Namicha kana balleessi Baarbaaniin nuu hiiki!» jedha'aa wocan. 19Inni waan qachaa booreessee namallee ajjeeseef mana hidha'aatitti hidhamee ture. 20Philaaxoos Yesuusiin hiikuu barbaadee deebi'ee isaanitti dubbate. 21Haa ta'uu ammo isaan «fannis! Fannis» jedhaa wocan. 22Hennaa sadeesso'oof, «Badiin inni godhe maali'i? yakka du'aaf isa geessu isa irratti hin argine. Kanaafuu adabee hiika» isaaniin jedhe.
23Isaan ammo, «Fannisi» jedha'aa laagaa gudda'aan wocan; laagaan woca bani'iitii fi bulchoota gadootaa ka maraatuu caale. 24Waan isaaniitiif dubbiin bulchoota gadootaallee jabaatee jennaan, Philaaxoos akka kadhaan isaanii ta'uuf isatti murteesse. 25#Hu. Er. 3:13-14 Namicha qachaa booreessee nama ajjeesee mana hidha'atitti hidhamee ture san waan kadhataniif gad isaanii dhiise. Yesuusiin ammo fedhii isaaniitiif dabarsee kenne.
Yesuus Fannifame
(Mat. 27:32-44; Mar. 15:21-32; Yoh. 19:16-27)
26Hennaa Yesuusiin achi geessan namichi biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko hennaa baadiyya'aa dhufu Yesuusiin faana fannoo baatee akka deemu itti baachisan. 27Banii san keessaa dubartoonni hedduu booya'aa boochisa'aa isa faanaa deeman. 28Yesuus ammo gara isaanii midhatee akkana jedhe, «Isin dubartoonni Yerusaalemii! ufii fi ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a. 29#21:23; Mat. 24:19 Haa ta'uu ammo, ‹Dhabduun, gadaamessi sirimaa hin deennee fi harmi hin hoosifne ammo ka eebbifame› hennaan jedhamu kunoo hin dhufa. 30#Hose. 10:8; Mudh. Yoh. 6:16 Hennaa san gaarraniin ‹nu irratti jigaa'a› tullootaan ammo ‹nu dhossaa› jechuu jalqaban. 31#Phex. 1ffaa 4:17-18 Isaan eega muka jiidhaa irratti ka akkana godhan ta'e, muka gogaa ammo attam godhinnu laata? 32Worra yakka hojjatan lamaan akkasuma isa woliin ajjeesu'uuf achi geessan. 33#Isa. 53:12 Hennaa hulee Qaraaniyoo jedhamu gayan achitti isaa fi worra yakka hojjatan lamaan, tokko mirgaan; ka lammeesso'oo bitaa isaatiin fannisan. 34#Mat. 5:44; Hu. Er. 3:17; 7:60; Far. 22:18 Yesuusillee, «Aabbaa'a! isaan waan godha'aaranuu waan hin beenneef isaanii dhiisi!» jedhe. 35#Far. 22:7-8 Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedha'aa isatti balda'aa turan. 36#Far. 69:21 Loltoonni ammo gara isaa dhiyaatanii waan dhangagga'aa kennaniif. 37«Ati yoo mootii Yihuudi'ii taate uf oolchi!» jedha'aa isatti balda'aa turan. 38Jechi, «Kun Mootii Yihuudotaati» jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi Ibraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira. 39Hammeeyyii yakkaaf fannifaman keessaa tokko, «Ati Kiristoosii mii? Ufillee nullee oolchi!» jedhee isa arrabse. 40Ka lammeesso'oo ammo, «Ati uduu murtee akkanaa irra jirtu, Rabbumallee hin sodaattuu?» 41Nu waan gooneef murtii keenna arganna, murtiin nu irratti murtaaye murtii dhuga'aati. Inni ammo dhara woyiituu hin hojjanne jedhee isa teedeffate. 42#Mat. 16:28 Yesuusiin, «Gooftaa kiyya! hennaa mootummaa keetiin dhuftu na qaabadhu!» jedhe.
43 # Yoh. 5:24; Qor. 2ffaa 12:4; Mudh. Yoh. 14:13; Isa. 53:11-12 Yesuus deebisee, «Dhugamaan siin jedha, adha na woliin jeennata galta» jedheen.
Du'uu Yesuusii
(Mat. 27:45-56; Mar. 15:33-41; Yoh. 19:28-30)
44 # Amo. 8:9 Sa'aatii jaha irraa jalqabee dukkanti haga sa'aatii sagalii biyya lafaa maratuu ta'e. 45Aduunillee hin dukkanoofte; golgaan mana woyyu'uu gubba'aa haga gadii tarsa'e. 46#Far. 31:5; Hu. Er. 7:59 Yesuus laagaa gudda'aan iyyee, «Abbaa lubbuu tiyya harka keetitti yaboo dabarsee kenna!» jedhe. Kana jedhee lubbuu ufii dabarsee kenne. 47Ajajaan loltuu dhibbaa hennaa waan ta'e san arge, «Namni kun dhugamaan balcha'a!» jedhee Rabbiin kabajje. 48#18:13 Worri kana argu'uuf wol gaye maruu waan ta'e san hennaa argan laphee ufii tuma'aa deebi'an. 49#8:2-3 Worri isa beekan maruu, dubartoonni Galiila'aa isa faanaa dhufan maruu fagoo dhaabatanii waan kana laala'aa turan.
Yesuus Awwaalame
(Mat. 27:57-61; Mar. 15:42-47; Yoh. 19:38-42)
50Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Inni nama misha'aa fi qajeela'a. 51#2:25,38 Inni mari'ii fi hujii isaanii keessa hin jiru. Yooseef qachaa Yihuuda'aa ta Armaatiyaas jedhamtuu dhufe, Inni akkasuma jeennata Rabbii eeggata'aa ture. 52Namichi kun gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. 53#19:30 Fannoo irraa buusee qoolaan kafanee awwaala dhagaa irraa bocame ka namni biraa haga ammaa itti hin awwaalamne keessa kaaye. 54Guyyaan sun guyyaa qophi'ii ture; Sambannillee seenuu gayeera. 55Dubartoonni Yesuusiin woliin Galiila'aa dhufanillee isa faana deemanii hulee awwaalaatii fi reeffallee attamitti akka kaayan argan. 56#Ser. Ba'u. 20:10; Kes. Deb. 5:14; Mar. 16:1 Achii deebi'anii beensoo, ansha'aa fi waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa hara baafatan.

Zvýraznenie

Zdieľať

Kopírovať

None

Chceš mať svoje zvýraznenia uložené vo všetkých zariadeniach? Zaregistruj sa alebo sa prihlás