Wongeela Maatewoosii 20
20
Mammaassa Hojjattoota Fichaa Woyni'ii
1“Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa woyni'ii qabu, ka barii halkaniin addee woynii ifiitiif hojjattoota qaxaru'uuf baye tokko fakkaatti. 2Beesee mindaa guyyaa tokkootiin hojjattootaan wolii galeen duuba, gara fichaa woynii ifiititti isaan erge. 3Gara sa'aatii sadiititti inni yennaa gad bawu, worra dhibii addee dikko'oo hujii malee dhaabbatiisatti jiranu dhagge; 4innille isaaniin, ‘Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a; anille kaffaltii malte isinii kaffala’ jedheen. 5Maarre isaanille dhaqane. Gara sa'aatii jaatii fi gara sa'aatii sagaliille'etti inni bayee akkasuma godhe. 6Gara sa'aatii kudhanii tokkoolle'etti inni bayee worra dhibii adaala san dhaabbateeruun dhaggee, ‘Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabbattan?’ jedheen. 7Isaanille, ‘Nama nu qaxaru waan dhanneef as dhaabbanna’ jedhaneen. Inni, ‘Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a’ jedheen. 8Yennaa galgalootte, abbaan fichaa woyni'ii towataa hojjattootaatiin, ‘Hojjattoota waamiitii, worra duubarra qaxarameen jalqabii haga worra dursee qaxarameetitti, kaffaltii isaanii kenniif’ jedheen. 9Worri gara sa'aatii kudhanii tokkootitti qaxaramane dhufanee, tokko tokkoon isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatane. 10Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane. 11Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni'ii irratti gungumanee, 12‘Hojjattooti duubarra qaxaramane sa'aatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu'utti woxalamaa guyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite’ jedhane. 13Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan, ‘Jaali, ani womaa si hin balleessine; ati guyya'atti mindaa guyyaa tokkootiin motii ka anaan wolii galte? 14Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si'iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha. 15Beesee tiyyaan waan fedhe godhuu hin dande'uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaattaa?’ jedhe.
16Achiin duuba Yesuus, “Worri duubaa dura, worri duraa duuba hin te'an#20:16 woraabbiin durii durii gariin, “Worra heddu'utti waamame, ammoo worra diqqa'atti filame” ka jedhu itti dabalan ” jedhe. #Mat 19:30; Mar 10:31; Luq 13:30
Yesuus Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Sadeessoo Dubbate
(Mar 10:32-34; Luq 18:31-34)
17Yesuus gara Yerusaalemii ol deemisatti jiruun, barattoota kudhanii lamaa qofiitti fudhee, 18“Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa mootota hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du'aa isatti murane. 19Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe.
Kadhaa Haadha Ilmaan Zabdewoosii
(Mar 10:35-45)
20Achiin duuba haati ilmaan Zabdewoosii ilmaan ifii woliin gara Yesuusii dhuttee, isa duratti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa kadhatte.
21Innille isi'iin, “Ati maan barbaadda?” jedhe.
Isiille isaan, “Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee'anu naa godhi” jetteen.
22Yesuus ammoo deebisee, “Isin waan kadhatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko'oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii?#20:22 woraabbiin durii durii gariin, “Cuuphama ani cuuphamaaru isin cuuphamuu hin dandeettanii?’ ka jedhu itti dabalan” isaaniin jedhe.
Isaanille, “Nuuti hin dandeenna” isaan jedhane.
23Innille, “Isin dhugumaan muduunuu rakko'oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessiisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti.
24Barattooti kudhan marroo waan kanaa yennaa dhage'ane, obboleeyyan lamaan sanitti aarane. 25Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, “Bulchitooti worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan. 26Odduu teessanitti akkas hin teetu; eennulle isin keessaa nami guddaa te'uu fedhu tajaajilaa keessan te'uu ti; 27akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te'uu fedhu garbicha keessan te'uu ti; 28Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu'uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne” jedhe.
Yesuus Ballaa Lamaan Fayyise
(Mar 10:46-52; Luq 18:35-43)
29Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko'oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte. 30Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee'anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage'ane, iyyanee, “Gootta'a, Ilma Daawwitii, nuu marar!” jedhaa iyyane.
31Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittumaa caalchisanee qoonqoo guddo'oon, “Gootta'a, Ilma Daawwitii, nuu marar!” jedhaa iyyane.
32Yesuus dhaabbatee isaan waamee, “Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?” jedheen.
33Isaan deebisanee, “Gootta'a, ilti teenna akka banantu barbaanna” jedhaneen.
34Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.
Aktualisht i përzgjedhur:
Wongeela Maatewoosii 20: GAXNT
Thekso
Ndaje
Copy
A doni që theksimet tuaja të jenë të ruajtura në të gjitha pajisjet që keni? Regjistrohu ose hyr
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.