YouVersion logo
Dugme za pretraživanje

WANGEELA YOHANNIS 5

5
Yesus Bishaan Betzataa Bukkeetti Dhukkubsataa Fayyisuu Isaa
1Yeroo kana booddee ayyaanni warra Yihudootaa ture, Yesusis Yerusaalemitti ol ba'e*. 2?Karra hoolaa? isa jedhamu isa masaraa mandara Yerusaalemitti galchu bukkeedhaan bishaan kuufamaan, afaan Ibraayisxiitti ?Betzataa?#Yoh 5:2 Betzataa kaan immoo ?Betsayidaa? jedhu. jedhamu tokko ture; bishaan sana bira godoo babbal'aa shantu ture*. 3Namoonni dhukkubsatan baay'een, warri jaaman, warri naafatan, warri dhagni isaanii gar tokko du'es godoota sana keessa ciisanii, [raafamuu bishaanichaa in eeggatu turan. 4Ergamaan Waaqayyoo yeroo yerootti golba bishaanichaa keessa lixee isa in raasa; raafamuu isaa booddee, namni dura bishaanicha keessa lixe dhukkuba isa kamittii iyyuu in fayya ture.]#1 6:4 2 Nah 3:1,32; 12:39
5Namni waggaa soddomii saddeet dhukkubsate tokko achi ture. 6Yesus yommuu namicha dhukkubsatee ciisu sana arge, yeroo dheeraa hammana ga'u dhukkubsachuu isaa erga beekee, ?Fayyuu barbaaddaa?? jedhee isa gaafate. 7Namichi dhukkubsataan sun, ?Gooftaa, bishaanichi yommuu raafamu kuufama bishaanichaa keessa nama na buusu hin qabu; ofii kootii immoo utuu ani itti rakkadhuu, namni biraa na dura keessa lixa? jedhee deebiseef. 8Yesus immoo, ?Ka'i, siree kee fudhadhuutii adeemi!? ittiin jedhe*. 9Namichis achumaan fayyee, siree isaa fudhatee achii adeeme; guyyaan namichi kun fayye guyyaa Sanbataa ture*.#8 Mat 9:6; Mar 2:11; Luq 5:24; HoE 9:34 9 9:14; Luq 6:6-9
10Yommus warri Yihudootaa namicha fayye sanaan, ?Har'i Sanbata, siree baachuu seerri si dhowwa? jedhan*. 11Inni garuu deebisee, ?Namicha isa ana fayyisetu, ?Siree kee fudhadhuutii adeemi!? anaan jedhe? isaaniin jedhe. 12Isaan immoo, ?Eenyu namichi, ?Siree kee fudhadhuutii adeemi? jedhee sitti hime?? jedhanii isa gaafatan*. 13Namichi fayye sun garuu eenyu akka isa fayyise hin beekne; Yesus immoo namoonni iddoo sanatti waan tuuta'aniif achii adeeme ture. 14Ergasii Yesus namicha fayye sana mana qulqullummaatti argatee, ?Kunoo, amma fayyiteetta; egaa kan kana irra caalu akka sitti hin dhufnetti, si'achi cubbuu hin hojjetin!? ittiin jedhe*. 15Namichi yommus dhaqee, kan isa fayyise Yesus akka ta'e warra Yihudootaatti hime*. 16Yihudoonni kana irratti, Yesus hojii akkasii guyyaa Sanbataatti waan hojjeteef, isa ari'achuutti ka'an*. 17Yesus garuu, ?Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha? jedhee isaanitti dubbate*. 18Kana dhageenyaan Yihudoonni, Yesus seera Sanbataa kan cabse duwwaa utuu hin ta'in, Waaqayyo abbaadhuma koo ti jechuu isaatiin immoo ofii isaa Waaqayyotti qixxeesseera jedhanii isa ajjeesuudhaaf caalchisanii yaadan*.#10 Nah 13:19; Er 17:21; Mat 12:2; Luq 6:2; Yoh 7:23; 9:16 12 Mat 21:10; Mar 4:41; Luq 5:21; 7:49 14 8:11; Mat 12:45 15 9:11 16 9:16; 5:10,18; Mat 12:9-14 17 9:4 18 7:1,30; 10:30-33; Mat 26:4; Mar 14:1
Yesus Gooftummaa Qabaachuu Isaa
19Yesus itti fufee, ?Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in hojjeta*. 20Abbaan ilma in jaallata, ofii isaatii kan hojjetu hundumaa ilmatti in argisiisa; isin akka dinqifattaniif inni hojii kana irra caalu iyyuu isatti argisiisuuf jedha*. 21Abbaan warra du'an kaasee akkuma isaan jiraachisu, ilmis immoo warra barbaadu in jiraachisa*. 22Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee*. 23Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu*.#19 3:11,32; 5:30; 8:28 20 1:50; 3:35; 10:17; 14:12 21 Kes 32:39; Yoh 11:25; Rom 4:17; 8:11; Efe 2:5 22 Dan 7:13-14; Mat 25:32; Yoh 5:27; 9:39; HoE 10:42; 17:31 23 Luq 10:16; Filp 2:10-11; 1Yoh 2:23
24?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu*. 25Dhuguma, dhuguman isinitti hima, yerichi warri du'an sagalee ilma Waaqayyoo itti dhaga'an dhufuuf jira, ammuma iyyuu dhufeera; warri isa dhaga'anis in jiraatu*. 26Abbaan ofuma isaatii burqaa jireenyaa akka ta'e, akkuma kanatti ilmi isaas immoo burqaa jireenyaa akka ta'uuf isaaf kenneera*. 27Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef, abbaan isaa firdii akka inni faraduuf gooftummaa kenneeraaf*. 28Waa'ee kanaa hin dinqifatinaa; warri du'anii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhaga'an in dhufa*. 29Isaan awwaala keessaa in ba'u, warri waan gaarii hojjetan jireenya argachuudhaaf in ka'u, warri waan hamaa hojjetan immoo firdiitti dhi'aachuudhaaf in ka'u? jedhe*.#24 3:16,18; 6:47; 8:51; 11:25-26; 12:44; 1Yoh 3:14 25 5:28; 11:43; Mar 5:41; Luq 7:14; Efe 2:5-6; 5:14 26 1:1-4; 1Yoh 5:20 27 5:22; 9:39; Mat 25:31; Dan 7:10,13-14; HoE 10:42; 17:31 28 HoE 24:15; 1Tas 4:16; 1Qor 15:52 29 Dan 12:2; Mat 16:27; 25:31-46; Yoh 6:40; HoE 24:15; Rom 2:6-10; 2Qor 5:10
Yesusiif Kan Dhugaa Ba'an
30Yesus itti dabalee, ?Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee*. 31Ofii kootiif dhugaa nan ba'a yoon ta'e, dhugaa ba'uun koo hin fudhatamu*. 32Garuu anaaf kan dhugaa ba'u kan biraa tokko jira, dhugaan inni anaaf ba'us amanamaa akka ta'e ani beeka*. 33Isin Yohannis cuuphaatti namoota ergitan; inni dubbii amanamaa sanaaf dhugaa ba'eera*. 34Isin akka fayyitaniifan kana jedha malee, anoo dhugaa ba'uu namaa hin fudhadhu. 35Yohannis akka ibsaa boba'etti kan ibsu ture; isin garuu hamma yerootti ifa isaatti gammaduu barbaaddan. 36Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a*. 37Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf dhugaa ba'eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan*. 38Isin isa abbaan ergetti hin amantan; kanaaf dubbiin isaa garaa keessan keessa hin turu*. 39Caaffata qullaa'oo keessaa jireenya bara baraa qabna jettanii waan yaaddaniif, caaffatoota in qortu; caaffatoonni sunis immoo anaaf dhugaa in ba'u*. 40Haa ta'u iyyuu malee, jireenya akka qabaattaniif gara koo dhufuu hin barbaaddan*.#30 5:19; 6:38 31 8:13-14 32 5:36-37; 1Yoh 5:6-9 33 1:19-27; 3:27-30; Luq 3:15-17 36 1:33; 3:2; 10:25,37-38; 14:10-11 37 8:18; Mat 3:17; Mar 1:11; Luq 3:22 38 6:29; 10:26; 1Yoh 2:14 39 Isa 34:16; Luq 24:27,44; HoE 13:27; 2Xim 3:15-17; 1Phe 1:10-11 40 Mat 23:37
41?Ani nama biraa ulfina hin fudhadhu*. 42Akka isin Waaqayyoon hin jaallanne, anoo hubadheera*. 43Ani maqaa abbaa kootiin nan dhufe, isin garuu ana hin simanne; kan biraa maqaa ofii isaatiitiin yoo dhufe, isa immoo in simattu*. 44Isin walii walii keessan irraa ulfina fudhattu malee, ulfina isa Waaqayyo tokkicha biraa dhufu hin barbaaddan; egaa, attamitti amanuu dandeessu ree*? 45Ani fuula abbaa koo duratti kanan isin hadheessu, isinitti hin fakkaatin; kan isin hadheessu jira, innis Musee isa isin abdattanii dha*. 46Utuu isa Museen caafetti amantan ta'ee, anattis immoo in amantu turtan; Museen waa'ee koo caafeera*. 47Isa Museen caafe isiniif kenne erga hin amantan ta'ee, attamitti isa ani afaan kootiin isinitti dubbadhu amantu ree?? jedhe*.#41 12:43; 1Tas 2:6 42 Luq 11:42; 1Yoh 3:17 43 7:28; Mat 24:5 44 5:41; 17:3; Rom 2:29; 1Xim 1:17 45 Kes 31:26-27; Rom 2:17-23 46 Kes 18:15; Luq 24:27,44 47 Luq 16:29-31

Trenutno izabrano:

WANGEELA YOHANNIS 5: MacQul

Istaknuto

Podijeli

Kopiraj

None

Želiš li da tvoje istaknuto bude sačuvano na svim tvojim uređajima? Kreiraj nalog ili se prijavi