YouVersion logo
Dugme za pretraživanje

WANGEELA YOHANNIS 6

6
Yesus Namoota Kuma Shan Nyaachisuu Isaa
(Mat 14:13-21; Mar 6:30-44; Luq 9:10-17)
1Kana booddee Yesus bishaan ciisaa Galiilaa, isa bishaan Xiberiyaas jedhamu ce'e. 2Namoonni danuun, warra dhukkubsatan fayyisuu isaatiin milikkita inni godhe waan arganiif, isa duukaa bu'an*. 3Yesus gaafas bartoota isaa wajjin gara dirree gaara tokkotti ol ba'ee taa'e*. 4Yeroo sana Faasiikaan, ayyaanni warra Yihudootaa dhi'aatee ture*. 5Yesus achi taa'ee asii fi achi ilaalee, namoonni danuun gara isaa akka dhufan arge; kana irratti, ?Buddeena jarri kun nyaatan eessaa binna?? jedhee Filiphosin gaafate*. 6Kana immoo waan Filiphos jedhu ilaaluuf itti dubbate, Yesus ofii isaatii waan gochuuf jedhe beeka ture'o. 7Kana irratti Filiphos deebisee, ?Buddeenni meetii dhibba lamaa iyyuu tokkon tokkon isaanii xinnoo xinnoo illee wal hin ga'u? jedheen. 8Indriiyaas obboleessi Simoon Phexros, bartoota isaa keessaa tokko kan ture, Yesusitti dubbatee, 9?Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko as jira; garuu namoota baay'ee kanaaf kun maal godha?? jedhe*.#2 2:23; 6:14 3 6:15; Mat 5:1 4 Lew 23:5-14; Yoh 2:13; 11:55 5 1:43 9 2Mot 4:42-44; Yoh 21:9-13
10Yesus immoo, ?Namoota teessisaa!? jedhee abboome. Achi margi baay'een jira ture; namoonni akka kuma shanii ta'anis marga sana irra taa'an. 11Kana booddee Yesus buddeenan sana fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, warra taa'aniifis hire; qurxummicha irraas akkasuma hamma isaan barbaadan hireef. 12Namoonni erga nyaatanii quufanii, Yesus, ?Waan tokko illee akka hin badnetti, hurraa isa hafe walitti qabaa!? jedhee bartoota isaatti hime. 13Hurraa buddeenan garbuu shanan jarri nyaatan irraa hafes gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. 14Namoonni sun milikkita Yesus argisiise kana yommuu argan, ?Kun dhuguma raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana? jedhan*. 15Yesus namoonni kun dhufanii humnaan isa qabanii, mootii isa godhachuudhaaf abbaluutti akka jiran hubatee, kophaa isaa ammas gara gaaraatti jalaa sokke*.#14 Kes 18:15; Yoh 7:40 15 12:13; 18:36
Yesus Bishaan Gubbaa Adeemuu Isaa
(Mat 14:22-27; Mar 6:45-52)
16Yeroo galgalaa'es, bartoonni isaa gara bishaan ciisaa sanaatti gad bu'an. 17Erga dukkanaa'ee immoo, Yesus amma illee gara isaanii hin dhufne iyyuu, bidiruu yaabbatanii gama Qifirnaahomitti ce'uuf ka'an. 18Qilleensi jabaan qilleensofnaan bishaanichi raafame*. 19Kiiloo metrii shanii hamma ja'aatti bidiruudhaan erga adeemanii, Yesus bishaan gubbaa adeemee gara bidirichaatti utuu dhi'aatuu arganii sodaatan. 20Yesus garuu, ?Hin sodaatinaa, innoo ana? isaaniin jedhe. 21Isaan gara bidirichaatti isa fudhachuu barbaadan; bidirichi garuu achumaan qarqara bishaanichaa iddoo itti adeemaa turan ga'e.#18 Mat 8:24
Namoonni Yesusin Barbaaduu Isaanii
22Borumtaas namoonni bishaanicha gamatti hafan sun, kaleessumtii bidiruun tokkichi duwwaan akka achi ture, Yesus immoo bartoota isaa wajjin bidiricha akka hin yaabbatin, bartoonni kophaa isaanii bidirichaan akka adeeman baran. 23Haa ta'u iyyuu malee, bidiroonni kan biraa Xiberiyaasii gara iddoo sanaa dhufaniiru; iddoon sun immoo lafa itti gooftaan galata galche, namoonni buddeena nyaatan sanatti dhi'oo ture*. 24Namoonni sun, Yesus, bartoonni isaas akka achi hin jirre baranii, bidiroota yaabbatanii, Yesusin barbaacha gara Qifirnaahomitti ce'an.#23 6:11
Yesus Buddeena Jireenyaa Ta'uu Isaa
25Yommus jarri Yesusin bishaanicha gamatti argatanii, ?Yaa barsiisaa! Yoom as geesse?? ittiin jedhan. 26Yesus immoo deebisee, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, isin milikkita waan argitaniif utuu hin ta'in, buddeena nyaattanii waan quuftaniif na barbaaddu*. 27Nyaata baduuf hin dhama'inaa! Nyaata jireenya bara baraatiif argamuuf dhama'aa malee! Ilmi namaa inni Waaqayyo abbaan mallattoo itti godhe, nyaata kana isiniif kennuuf jira? isaaniin jedhe*. 28Isaan immoo, ?Egaa hojii Waaqayyoof akka dhamaanuuf maal gochuutu nuuf ta'a?? jedhanii isa gaafatan. 29Yesus deebisee, ?Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu? jedheen*. 30Kana irratti isaanis, ?Arginee akka sitti amannuuf, milikkita maalii argisiifta? Maalis hojjetta ree*? 31Macaafni ?Buddeena akka nyaataniif waaqa irraa isaaniif kenne? akkuma jedhu, abaabiliin keenya lafa onaatti nyaata ?Maannaa? jedhamu nyaataniiru? jedhaniin*. 32Yesus immoo deebisee, ?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, Museen buddeena waaqa irraa isiniif hin kennine; abbaan koo buddeena isa dhugaa waaqa irraa isiniif in kenna. 33Buddeenni Waaqayyoo isa waaqa irraa gad dhufu, biyya lafaatiifis isa jireenya kennuu dha? jedheen*.#26 6:11-12 27 4:14; 5:36 29 1Yoh 3:23; 1Tas 1:3 30 2:18; Mat 12:38; Mar 8:11 31 6:49,58; Bau 16:4,13-15; Far 78:24 33 6:41,51
34Isaan immoo, ?Gooftaa, buddeena kana yeroo hundumaa nuuf kenni? jedhaniin*; 35yommus Yesus, ?Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu*. 36Akkuma ani isinitti hime, isin ana argitaniittu, garuu hin amantan. 37Abbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari'u*. 38Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee*. 39Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du'aa akkan isaan kaasu fedha malee*. 40Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du'aa isa nan kaasa*.#34 4:15 35 6:48,51; 4:14; 7:37 37 17:2,6-9,24; Mat 11:28 38 4:34; 5:30; Mat 26:39; Ibr 10:9 39 10:28-29; 17:12 40 3:14-16; 6:44,54; 11:24
41?Warri Yihudootaa, waan inni, ?Ani buddeena isa waaqa irraa gad bu'ee dha? ofiin jedheef, isa irratti in guunguman*?. 42Isaan, ?Kun Yesus ilma Yoseef isa abbaa isaa fi haadha isaa beeknu mitii? Amma attamitti ?Waaqaraan gad bu'e? jedha ree?? jedhan*. 43Yesus deebisee, ?Walii keessanitti hin guunguminaa! 44Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u; isa gara koo dhufu immoo ani guyyaa isa dhumaatti du'aa nan kaasa*. 45Macaafa raajotaa keessatti, ?Hundumti isaanii warra Waaqayyo isaan barsiise in ta'u? jedhamee caafameera; abbaa koo irraa kan dhaga'ee fi kan bare hundinuu immoo gara koo in dhufa*. 46Kanaanis namni tokko illee abbaa argeera jechuu koo miti, isa Waaqayyo biraa dhufe sana duwwaatu abbaa arge malee*. 47Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni amanu jireenya bara baraa qaba*. 48Ana buddeenni jireenyaa*. 49Abaabiliin keessan lafa onaatti nyaata ?Maannaa? jedhamu nyaatan, haa ta'u iyyuu malee in du'an*. 50Buddeenni waaqa irraa gad bu'u garuu akkas miti, namni isa nyaatu hin du'u. 51Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon koo ti? isaaniin jedhe*.#41 6:33,35,51,58 42 Mat 13:55; Luq 4:22 44 6:65; 6:39-40; Mat 16:17 45 Isa 54:13; Er 31:33-34; 1Tas 4:9; Filp 3:15; 1Yoh 2:27; Mat 11:25-29 46 1:18; 1Xim 6:16 47 3:15-16,36; 5:24 48 6:35,51 49 6:31,58; 1Qor 10:3-5 51 6:33; Luq 22:19; Ibr 10:10
52Kana irratti Yihudoonni, ?Namichi kun attamitti foon isaa akka nyaannuuf nuuf kennuu danda'a?? jedhanii waliin morkatan*. 53Yesus immoo, ?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhabaattan, jireenya of keessaa hin qabdan*. 54Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du'aa isa nan kaasa*. 55Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatii dha. 56Foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa in jiraata, anis isa keessa nan jiraadha*. 57Abbaan inni jiraataan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkuman jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif in jiraata*. 58Isa kana buddeenni, inni waaqa irraa gad bu'e; akka isa abaabiliin keessan nyaatanii, booddee immoo du'anii miti; buddeena kana kan nyaatu bara baraan in jiraata? jedhe. 59Yesus Qifirnaahomitti yeroo barsiise mana sagadaa keessatti kana hundumaa dubbate.#52 6:60; 9:16 53 4:14; 5:26; 6:27; Mat 26:26-28 54 6:39-40,44; 11:24 56 15:4-5; 1Yoh 2:24; 3:24 57 5:26
Dubbii Jireenya Bara Baraa
60Bartoota isaa keessaa baay'een kana dhaga'anii, ?Kunoo jecha jabaa dha, eenyutu isa dhaggeeffachuu danda'a?? jedhan. 61Yesus immoo bartoonni isaa kana irratti guungumuu isaanii beekee, ?Kun isin in gufachiisaa? 62Ilmi namaa kun gara iddoo dur tureetti utuu ol ba'uu yoo argitanoo, attami ree*? 63Hafuurri in jiraachisa, foon homaa dhimma hin baasu; dubbiin ani isinitti dubbadhe kun hafuura, jireenyas*. 64Garuu isin keessa kan hin amanne jiru? jedhe. Yesus jalqabaa jalqabee eenyufaa akka hin amanne, eenyus akka dabarsee isa kennuuf jiru beekeera'o*. 65Yesus, ?Kanaafan ?Abbaa biraa yoo kennamuufii dhabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u? jedhee isinitti dubbadhe? jedhe*.#62 3:13; 20:17; Mar 16:19; Luq 24:51; HoE 1:9-11 63 2Qor 3:6 64 6:36; 2:25; 13:11 65 6:44
66Yeroo sanaa jalqabanii bartoota isaa keessaa baay'een gara booddee deebi'an; ergasiis isaa wajjin hin adeemne. 67Yesus yommus warra kudha lamaaniin, ?Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?? jedhee gaafate*. 68Simoon Phexros deebisee, ?Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba'o. 69Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras? jedhan*. 70Yesus immoo, ?Ani kudha lamaan keessan fo'adheera mitii? Isin keessaa tokko garuu, Seexana? isaaniin jedhe*. 71Kanas waa'ee Yihudaa ilma Simoon, nama biyya Keriyot sanaaf dubbate; innoo warruma kudha lamaan keessaa tokkotu, dabarsee isa kennuudhaaf jira ture*.#67 Luq 22:28 68-69 1:49; 6:63; 11:27; Mat 14:33; 16:16; Mar 1:24; 8:29; Luq 4:34; 9:20; HoE 5:20 70 13:18; 15:16; Luq 6:13 71 6:64; 12:4; 18:2

Trenutno izabrano:

WANGEELA YOHANNIS 6: MacQul

Istaknuto

Podijeli

Kopiraj

None

Želiš li da tvoje istaknuto bude sačuvano na svim tvojim uređajima? Kreiraj nalog ili se prijavi