Wongeela Yohaannisii Seensa
Seensa
Wongeelli Yohaannisii Jechi Waaqaa jiraataan akka, “Nama te'ee wodhakkaa teenna le'eetitti” Yesuus dhiyeessa. Kitaabummaan kunuu akkuma jedhu, Wongeelli kun ka barreeffame, worri isa dubbisu, fayyisaa te'ee dhufa ka jedhame Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e dhugeeffatiisaan jiruu akka qabaatanu (20:31).
Kutaan Wongeela kanaa ka qaraa Jechi Waaqaa jiraata'aa fi Yesuus tokko te'iisa isaanii akka seensaatitti dhikeesseen duuba, fayyisaan hin dhufa jedhame Yesuus, Ilma Waaqaa te'uu isaa ka mudhisu bilbaasota adda addaa dhikeessa; kanaan duuba bilbaasota kana irraa bu'aan dhaggame maan akka te'e dabarsiin hintu itti aanti. Kutuma Kitaabuma kanaa keessatti kolbaan gariin attam akka Yesuusitti dhugeeffattee worra isa hordofu teete, worri dhibiin isa mormee itti dhugeeffatiisa akka dide hinti. Fooroti 13-17 Yesuus halkan itti qabame barattoota ifii woliin lansummaa guddoo akka qabuu fi yennaa fannifamiisi isaa geette, dubbii isaan qopheessituu fi jajjabeessitu akka itti dubbate dubbatan. Fooroti dhumaa marroo qabamiisaa fi mura'aaf dhikaatiisa Yesuusii, marroo fannifamiisaa fi du'aa ka'iisa isaa, akkasuma du'aa ka'een duuba barattoota ifiititti marroo mudhatiisa isaa dubbatan.
Dabarsii dubartii gaarayyeeffattuun qabantee (8:1-11) barreeffam duriitii fi hiikkaan durii durii hedduun waan hanbisaneeranuuf, worri dhibiin addee dhibi'itti waan galchaneeranuuf dalleya keessa keyante.
Yohaannis marroo jiruu bara baraa ta karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhaggantuu ifa godhee mudhisa; jiruun bara baraa ta kennansaan dhaggantu tun jiruu ammaa tanaanuu ta jalqaddu yennaa teetu, worri jiruu tana fudhatu worra akka Yesuus karaa, dhuga'aa fi jiruu te'e mirkaneessu. Wongeela Yohaannisii wongeelota dhibii irraa ka adda godhu, dhugaa Ayyaanittittii tana himiisaaf waan le'ii teenna ta guyyaa guyya'aa keessaatti baratame waan akka bisaanii, waan akka daabbo'oo, waan akka ifaa, waan akka tisse'ee fi hoole'ee, waan akka muka woyni'iitii fi midhaan woyni'ii akka fakkeennaatitti itti gargaarama.
Haadhoo Dubbi'ii
Jalqaba 1:1-18
Yohaannisii cuupha'aa fi barattoota Yesuusii ta qaraa 1:19-51
Tajaajila Yesuusii 2:1--12:50
Guyyoota dhumaa Yerusaalem keessaa fi adaalatti 13:1--19:42
Du'aa ka'iisaa fi mudhatiisa Gootta'aa 20:1-31
Muummee Irratti: Yennaa dhibii Galiilaa keessatti mudhate 21:1-25
Kasalukuyang Napili:
Wongeela Yohaannisii Seensa: GAXNT
Haylayt
Ibahagi
Kopyahin
Gusto mo bang ma-save ang iyong mga hinaylayt sa lahat ng iyong device? Mag-sign up o mag-sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: