Wongeela Luqaasii 10
10
Yesuus Nama Torbaatamii Lama Erge
1Kanaan duuba Goottaan nama torbaatamii lamaan dhibii filatee, gara qacha'aa fi addee ifii dhaqu'uuf jiruu mara lamaan lamaaniin ifiin dura erge. 2Inni isaaniin, “Midhaan haamamu gudda'aa, worri haamu ammoo diqqa'a; abbaan midhaanii worra haamu gara ficha'aa akka erguuf kadhadha'a. 3Amma beena'a! Kunoo ani akka ilmoolee hoole'ee yayyii odduu isin erga. 4Korojoo yookiin subba yookiin kophee hin qabatina'a; eennulle nageya fuudhiisaaf kara'atti hin dhaabbatina'a. 5Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‘Nageenni mana kanaaf te'uu!’ jedha'a. 6Yoo nami nageya jaallatu achi jiraate, nageenni keessan nama saniif te'uu ti; yoo hin jiraanne, nageenni keessan isinii deebi'a. 7Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof minddaan barbachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a! 8Yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatane maraa, waan isiniif kennanu sooradha'a; 9qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa'a; kolbaa achi jirtulle'een, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhi'aateerti’ jedha'a. 10Ammoo yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatiisa dhabane mara, kara'atti baya'aatii, 11isaaniin ‘Bukuu qachaa keessanii ka miila keennatti qabattelle ifi irraa hin haxowanna; ammoo mootummaan Waaqaa akka dhi'aatte beekka'a!’ jedha'a. 12Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa saniitiin irra worra Sodoomiitiif kaso'o.
Qachoota Hin Dhugeeffanne
(Mat 11:20-24)
13Yesuus ede'ee, “Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu. 14Guyyaa mura'aa isin caalaa Xiroosii fi Sidooniif kasoo teeti. 15Qifirnahoom ati haga ol-gubba'aa ifi ol qabuu barbaaddaa? Maarre gara boolla qile'ee gad gatanta.
16“Ka isin dhage'u ana dhage'a; ka isin didu ana dida; ka ana didu ka ana erge dida” jedhe.
Worri Torbaatamii Lamaan Addee Dhaqanee Deebi'ane
17Worri torbaatamii lamaan gammada gudda'aan deebi'anee dhufanee, “Goottaa, yennaa nuuti maqaa keetiin ajajne durriisotille nu'uuf ajajamane” jedhaneen.
18Yesuus deebisee, “Seexanni akka balaqqeetti'ii ol-gubba'aa bu'uun dhagge. 19Ani akka isin dhudhuufa'aa fi makka#10:19 makka: gaadduu, qaajjibbuu irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu. 20Te'uu malee, maqaan keessan ol-gubba'atti waan barreeffameef gammada'a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina'a” isaaniin jedhe.
Yesuus Gammade
(Mat 11:25-27; 13:16, 17)
21Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, “Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef#10:21 worra wo hin beenneef: ijjoolle'eef waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde.
22“Abbaan kiyya waan mara dabarsee anatti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; ilma isaatii fi worra ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru” jedhe. #Yoh 3:35; 10:15 23Achiin duuba gara barattoota ifii garagalee qofii isaaniititti, “Ilti waan isin dhaggitanu dhaggitu ta eebbifante. 24Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isintti hima” jedheen.
Mammaassa Namicha Samaariya'aa
25Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, “Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?” jedhe. #Mat 22:35-40; Mar 12:28-34 26Yesuus deebisee, “Seera Muuse'ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbitee hiitta?” jedhe. 27Namichille, “Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaalladhu; ‘Akkuma ifi jaallattu ollaa keetille jaalladhu’ jedhe.
28Yesuus, “Sirri'itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta” jedhe.
29Beekkichi Seera Muuse'ee ammoo akka waan nama balchaa te'ee ifi mudhisiisa barbaadee, “Ollaan kiyya kam inni?” jedhee gaafate.
30Yesuus deebisee, “Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme. 31Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare. 32Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare. 33Nami Samaariya'aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef. 34Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyni'ii naqee hidheefi; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare. 35Guyyaa itti aanu diinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‘Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna’ jedheen” jedhe. 36Achiin duuba Yesuus, “Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?” jedheen. 37Beekaan Seera Muuse'ee, “Ka marareef” jedhee deebise.
Yesuus isaan, “Atille dhaqii, akkasuma tolchi” jedhe.
Yesuus Mana Maarta'aatii Fi Maariyaamiititti
38Yesuus barattoota ifii woliin ideemaatuma gara ollaa tokkoo yennaa dhufe, dubartiin Maartaa jedhantu takka mana ifiititti isa fudhate. 39Isiin obboleettii Maariyaam jedhantu takka qaddi; Maariyaamiin sun miila Yesuusii jala teettee dubbii isaa caqasiisatti jirtiiyyu. 40Maartaan ammoo hujiin mana keessaa waan itti heddatteef, gara isaa dhuttee, “Gootta'a, obboleettiin tiyya akka ani callaan hujuuf yennaa isiin qofuu na lakkittu cadhittee ilaalta? Akka isiin dhuttee na gargartuuf itti himi” jette. 41Goottaan deebisee “Maarta'a, Maarta'a! Ati waan hedduu yaadaa rakkata, 42ka barbaachisu ammoo waan tokkocha calla'a. Maariyaamiin waan dansaa filateerti, isii irralle'ee hin fudhatamu” isi'iin jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Luqaasii 10: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.