YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 11

11
Yesuus Marroo Daadimataa Barsiise
(Mat 6:9-13; 7:7-11)
1Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, “Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi” jedhe.
2Yesuus isaaniin, “Yennaa daadimattanu tana jedha'a:
‘Abbaa keenna, [ka ol-gubbaa jirtu:]
Maqaan keeti woyyoomu;
Mootummaan teeti dhuttu.
[Fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete,
lafa irralle'etti teetuu.]
3Sagalee nuu barbaachittu
guyyuma guyya'aan nuu kenni.
4Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu,
cubbuu teenna nuu araarami;
[hantuu irraa nu eegi malee],
ataabe'etti nu hin galchin!’ ” jedhe#11:4 woraabbiin durii gariin, hima yookiin yaada laakkossa 2-4 keessatti daalleya keessa jiru mara hin qabu.
5Achiin duuba Yesuus ede'ee “Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‘Lansa kiyya, daabboo xaltaa sadi naa liqeessi. 6Lansi kiyya karaa deemaa ammuma tana natti goree waan itti kennu dhabeera’ yoo jedheen, 7lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‘Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u’ hin jedhaa? 8Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna” jedhe. 9Maarre ani isiniin jedha: kadhadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isinii hin bananti. 10Ka kadhatu maraa hin fudhata; ka barbaadu maraa hin dhaggata; ka dhodhowu maraaf balbalti hin bananti. 11Isin keessaa abbaa ka te'e, ilmi isaa [daabboo yoo kadhate dhakaa ka kennuuf eennu?]#11:11 woraabbiin gariin yaada dalleya keessa jiru kana hin qabu Qurxummii yoo kadhate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? 12Yookiin yoo inni quuphaa kadhate qaajjibbuu hin kennaafii? 13Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa kadhatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!” jedhe.
Yesuusii Fi Bi'el Zebul
(Mat 12:22-30; Mar 3:20-27)
14Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane. 15Namooti gariin ammoo, “Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha dirriisotaatiin durriisota baasa” jedhane.
16Worri dhibiin Yesuus haga ilaaliisaaf barbaadanee, beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka isaanitti mudhisu gaafatan. #Mat 12:38; 16:1; Mar 8:11 17Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, “Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama. 18Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ifi qodde, mootummaan isaa attamiin dhaabbatuu dandeetti? Waan isin anaan, “Inni hunna Bi'el Zebuliitiin durriisota baasa jettaneef” jedhe. 19Yoo ani hunna Bi'el Zebuliitiin isaan baase, ijoolleen#11:19 ijoolleen: hordofattooti teessan eennuun baasan? Tanaaf ijoolleen teessanuu isinitti murti. 20Yoo ani hunna Waaqaatiin durriisota ka baasu te'ee, akka mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteertu beeka'a.
21Nami jabaan tokko, meya woraanaa mara hidhatee, mana ifii yennaa eeggatu, qabeenni isaa marti hin eegamaaf. 22Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda. 23Eennulle ka golii tiyya hin te'in ana morma; eennulle ka ana woliin wolitti hin qanne hin bittanneessa” jedheen.
Bayee Deebi'iisa Ayyaana Hama'aa
(Mat 12:43-45)
24Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bawu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf, lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a; addee barbaadatee yoo dhagguu dhabe, ‘Mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a’ jedha. 25Yennaa deebi'u, manni haxowamee qulqullayeeruun dhagga. 26Achiin duuba ayyaanoota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a.
Eebba Dhuga'aa
27Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubaartiin takka qoonqoo ol qabattee, “Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote#11:27 Gadammessi si ba'atee fi harmi ati hoote: haati si deettee hoositte ka badhaadhane” jette. 28Inni ammoo deebisee, “Worri jecha Waaqaa dhage'ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!” jedhe.
Kolbaan Beessisa Gaafatte
(Mat 12:38-42; Mar 8:12)
29Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, “Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf. 30Raagichi Yoonaas kolbaa Nanawwe'eetiif beessisa akka te'e ilmi namaalle dhaloota adhaa kanaaf beessisa hin te'a. 31Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira. 32Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee isinitti hin murti; kolbaan Nanawwe'ee lallaba Yoonaasii dhageettee cubbuu irraa deebiteerti. Kunoo ka Yoonaas caalu as jira.
Ifa Nafaa
(Mat 5:15; 6:22, 23)
33“Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya. 34Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te'a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te'a. 35Tanaaf ifi si keessa jiru akka hin dukkanoonne ifi eegadhu. 36Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a” jedhe.
Yesuus, Fariisaayotaa Fi Barsiisota Seera Muuse'ee Komate
37Yesuus yennaa dubbatee ka'e, Fariisaayichi tokko sagalee nyaatiisaaf gara mana ifii isa waame; maarre inni nyaatiisaaf gara mana isaa dhaqee tee'e. 38Fariisaayichi sun Yesuus adoo harka hin dhiqatin nyaataaf akka tee'e yennaa dhagge maalalfate. 39Maarre Goottaan isaan, “Isin Fariisaayoti muduunuu itti untanuu fi qorii itti nyaattanu gubbaa qulleessitan, keessi keessan ammoo joljolumma'aa fi hammeennaan guutameera. 40Gowwoole'e! Waaqi gubbaa dade keessa hin dannee? 41Ammoo waan muduunu'uu fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kenna'a, wonni duudiille isiniif hin qulqulloonti.
42Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee#11:42 sugattee: sukuttee irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle. 43Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaallattan. 44Isin irreensa#11:44 irreensa: hirreessa beessisa hin qanne ka namooti adoo hin beekin irra deemanu waan fakkaattanuuf isiniif aanne'e!” jedhe.
45Beekaan Seera Muuse'ee tokko, “Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu'ulle arrasaarta” jedheen. 46Yesuus deebisee, “Isin beekkolee Seera Muuse'eetiif aanne'e! Isin ba'aa ulfaattuu dudda kolba'aatitti feetan, ifii ammoo quballe'een hin tuxxanu. 47Isin raagota abbootiin teessan ijjeetteef irreensa waan ijaartanuuf, isiniif aanne'e! 48Isin waan abbootiin teessan hujjetti wolii galtane; isaan raagota ijjeessanee, isin irreensa isaanii ijaartanee mirkaneesitane. 49Marroo tanaaf beekkunsi Waaqaa, “Ani raagotaa fi ergantoota isaanitti erga; isaan garii hin ijjeessan kaan hin ari'an” jedha. 50Maarre haga latti dadanteen jalqabee dhiiga raagota maraa ka jigeef dhalooti kun hin gaafatama. 51Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'atii fi Galma Waaqaatitti ijjeessanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama. 52Isin beekkoleen Seera Muuse'ee, furtuu balbala beekkunsaa kolbaa duraa waan futaneertanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin seenne, worra seeniisaaf barbaadulle hin dhooggitan.
53Yesuus yennaa achii deeme, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti guddoo moromanee, gaaffii marroo waan heddu'uu isa gafatanee, 54dubbii inni dubbatuun isa qabiisaaf gaadane.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 11: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in