Seera Uumamaa 43
43
Obbolaan Yoseef Benyaamiinii Wajjin Gibxitti Deebi'uu Isaanii
1Beelli amma iyyuu biyyicha irratti jabaatee ture. 2Midhaan isa biyya Gibxii fidan sana erga nyaatanii fixanii, abbaan isaanii,<<Deebi'aa dhaqaatii midhaan xinnoo ishee nuuf bitaa!>> jedheen. 3Yihudaan garuu,<<Namichi sun,<<Obbooleessi keessan isinii wajjin yoo dhufuu dhabaate deebitanii ija koo hin argitan!>> jedhee cimsee nu qixaaxxateera*; 4ati obboleessa keenya nu wajjin erguudhaaf qophoofteetta yoo ta'e, gad buunee midhaan siif in binna; 5ati isa erguudhaaf hin qophoofne yoo taate garuu, namichi sun,<<Obbooleessi keessan isinii wajjin yoo dhufuu dhabaate, deebitanii ija koo hin argitan>> waan nuun jedheef, nuyis gad hin buunu!>> ittiin jedhe.#3 42:15,34
6Yommus Israa'el,<<Isin maaliif akkas na miitan>> Obbooleessa kan biraa akka qabdanis maaliif namichatti himtan?>> jedhe. 7Isaan immoo deebisanii,<<Namichi cimsee waa'ee ofii keenyaa fi waa'ee maatii keenyaa nu gaafatee,<<Abbaan keessan amma iyyuu jiraa>> Obbooleessa kan biraa qabduu?>> nuun jedhe; egaa wanti nuyi isatti himne deebii gaaffii isaa kanaa ti; nu immoo inni,<<Obbooleessa keessan as fidaa!>> akka nuun jedhu karaa tokkoon illee beekuu dandeenyeerraa ree?>> jedhaniin*. 8Yihudaan kana irratti Israa'el abbaa isaatiin,<<Nuyi ofii keenyaa ati, ijoolleen keenyas jiraannee du'a akka oollutti, ati gurbicha anaa wajjin ergi, nus achumaan kaanee in adeemnaa! 9Ani isaaf nan darba, ati immoo ana harkaa isa barbaaduu in dandeessa; ani gara keetti deebisee isa fuula kee dura yoon dhaabuu dhabaadhe bara koo guutuu akkan si yakketti nan hafa; 10nuyi utuu hamma yowwanaatti lafa irra hin harkifne ta'e, silaa yoona si'a lama deebineerra>> jedhe.#7 42:7-13
11Yommus Israa'el abbaan isaanii,<<Erga akkas ta'ee immoo, wanta fo'amoo biyya kanatti argaman, haphee dibataa xinnoo ishee, damma xinnoo ishee, urgooftuu, qumbii, ija lawuzii, ija meexxiis korojoo keessan keessa kaa'aatii namichaaf harka-fuudhaa geessaaf*. 12Horiin inni deebi'ee afaan qalqala keessanii keessatti argames, tarii in dagatame ta'a, isa deebisaa geessaaf! Kanaaf horii harka lama fuudhaa dhaqaa*! 13Obbooleessa keessanis fuudhaatii ka'aa deebi'aa gara namicha sanaa dhaqaa! 14Waaqayyo inni hundumaa danda'u, namichi sun oo'a akka isinitti argisiisu, obboleessa keessan isa tokko, Benyaamiininis akka gad dhiisu isiniif haa godhu! Ani immoo ijoollee malee yoon hafes, ijoollee malee nan hafa!>> jedhe*.#11 Fak 18:16 12 42:27,35 14 42:36
15Ergasii namoonni sun harka-fuudhaa sana, horii harka lama, Benyaamiininis fuudhanii, ka'anii gara biyya Gibxiitti gad bu'an; dhaqaniis fuula Yoseef dura in dhaabatan. 16Yoseefis Benyaamiinin isaan biratti yommuu arge, namicha isa hojii mana isaa keessaa adeemsisuun,<<Jarreen kana gara manaatti geessi, isaan waareetti ana biraa waan nyaataniif, horii tokko qaliitii nyaanni akka qophaa'u godhi!>> jedhe. 17Namichis akkuma Yoseef itti hime godhee, namoota sana gara mana Yoseefitti in geesse. 18Namoonni sun garuu mana Yoseefitti waan geeffamaniif sodaatanii,<<Nuyi sababii horii isa yeroo duraa deebi'ee afaan qalqala keenyaa keessatti argame sanaaf asitti ol galfamne; inni nu rukutee nu mo'ee, harroota keenya qabatee, nuun immoo garboota isaa nu godhachuuf kana godhe>> jedhan*. 19Kanaaf isaan gara namicha hojii mana Yoseef adeemsisu sanaatti dhi'aatanii balbala manichaa duratti isaa wajjin dubbatan.#18 42:28
20Isaan yommus,<<Yaa gooftaa ko, nuyi si'a duraa midhaan bitachuudhaaf as gad buunee turre; 21iddoo buufataa yeroo geenye nuyi qalqala keenya hiiknee, adduma addaan horiin keenya guutummaatti afaan qalqalloo keessa akka ture argine; amma isa deebifnee fidneerra; 22horii kan biraas amma ittiin midhaan bitachuudhaaf fidnee dhufneerra; nama horicha sana afaan qalqalloo keenyaa keessa kaa'es nuyi hin beeknu>> jedhan. 23Inni immoo deebisee,<<Yaadni keessan nagaa haa qabaatu, hin sodaatinaas! Waaqayyo keessan, Waaqayyo isa kan abbaa keessaniitu badhaadhummaa hin beekamne qalqala keessa isiniif kaa'e! Horiin keessan sun na ga'eera>> jedhe; kana booddee Shimi'oonin gara isaaniitti gad baase*.#23 42:24
24Namichi hojii mana isaa keessaa adeemsisu sun jara mana Yoseefitti ol galchee, miilla isaanii akka dhiqataniif bishaan kenneef; harroota isaaniifis nyaata kenneef. 25Jarri immoo achii buddeena akka nyaatan waan dhaga'aniif, harka-fuudhaa yeroo inni waareetti galutti Yoseefiif dhi'eessuuf in qopheeffatan.
26Yeroo Yoseef manatti galetti, jarri harka-fuudhaa isa mana keessaa of biraa qaban sana isaaf dhi'eessanii, hamma lafa ga'anittis isaaf in qoomma'an. 27Inni nagaa isaan gaafatee,<<Abbaan keessan, jaarsichi inni isin waa'ee isaa anatti himtan nagaa dhaa>> Inni lubbuudhumaan jiraa?>> jedhe. 28Isaan immoo,<<Garbichi kee, abbaan keenya nagaa dha, fayyaa dhas!>> jedhaniin; ulfina isaatiifis baay'ee gad gugguufan*. 29Inni immoo ol ilaalee, obboleessa isaa Benyaamiinin, haadhoo isaa argee,<<Obbooleessi keessan inni quxisuun isin waa'ee isaa anatti himtan isa kanaa?>> jedhe; mucichaan immoo,<<Waaqayyo arjummaa isaa sitti haa argisiisu, ilma ko!>> jedhe.#28 37:7-9
30Yoseef yommus obboleessa isaa argee obsuu waan dadhabeef, ariifatee gad ba'ee, lafa itti boo'u barbaade; gara kutaa mana isaatiitti galee achitti boo'e. 31Kana booddee fuula isaa dhiqatee as ba'ee, of qabuudhaan,<<Nyaanni haa dhi'aatu!>> jedhe. 32Isaaf qophaatti, jaraafis qophaatti, dhi'eessaniif; warri Gibxii Ibrootaa wajjin nyaachuun xuraa'ummaa waan isaanitti fakkaatuuf, Gibxoota warra Yoseef biraa nyaataniif kophaatti in dhi'eessaniif*. 33Yommus jarri inni angafni akka angafummaa isaatti, inni quxisuun akka quxisummaa isaatti fuullee Yoseef tarreetti in taa'an; isaan dinqifatanii wal ilaalan. 34Yoseef maaddii isaa irraa adduma addaaf ga'aa isaa in kennisiiseef; ga'aan Benyaamiin garuu ga'aa warra kaaniitti harka shan in naanna'a ture; isaan akkasitti Yoseefii wajjin dhuganiis, isaanitti in ho'e.#32 39:6; 46:34; Bau 8:22
Currently Selected:
Seera Uumamaa 43: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.