YouVersion Logo
Search Icon

Lakkoobsa 2

2
Gosa Gosaan Qubachuu Isaanii
1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe: 2“Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa faajjii ofii isaanii jalatti faajjii maatii isaa wajjin dunkaana irraa xinnuma fagaatee naannoo dunkaana wal gaʼii haa qubatu.”
3Gama baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin:
kutaawwan qubata Yihuudaa faajjii isaanii jala haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Yihuudaa Nahishoon ilma Amiinaadaabii ti. 4Lakkoobsi kutaa isaas namoota 74,600.
5Gosti Yisaakor isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Yisaakor Naatnaaʼel ilma Zuuwaar ture. 6Lakkoobsi kutaa isaas namoota 54,400.
7Gosti Zebuuloon kanatti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Zebuuloon Eliiyaab ilma Heeloonii ti. 8Lakkoobsi kutaa isaas namoota 57,400.
9Namoonni qubata Yihuudaatti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 186,400 turan. Isaanis duraan dursanii qajeelu.
10Gama kibbaatiin:
kutaawwan qubata Ruubeen faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Ruubeen Eliizuur ilma Shedeeʼuurii ti. 11Lakkoobsi kutaa isaas namoota 46,500.
12Gosti Simiʼoon isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan gosa Simiʼoon Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayii ti. 13Lakkoobsi kutaa isaas namoota 59,300.
14Gosti Gaad isaanitti haa aanu. Hoogganaan gosa Gaad Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeelii ti. 15Lakkoobsi kutaa isaas namoota 45,650.
16Namoonni qubata Ruubeenitti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 151,450 turan. Isaan kunneenis warra duraatti aananii deemu.
17Ergasiis dunkaanni wal gaʼiitii fi qubanni Lewwotaa qubatawwan gidduu haa deeman. Isaanis akkuma toora qubata isaaniitti tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii eeggatanii faajjii isaanii jala haa deeman.
18Gama dhiʼaatiin gareen qubata Efreem faajjii isaanii jalaan haa qubatan.
Hoogganaan ilmaan Efreem Eliishaamaa ilma Amiihuudii ti. 19Lakkoobsi kutaa isaas namoota 40,500:
20Gosti Minaasee isaanitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Minaasee Gamaaliʼeel ilma Phedaasuurii ti. 21Lakkoobsi kutaa isaas namoota 32,200.
22Gosti Beniyaam itti haa aanu. Hoogganaan ilmaan Beniyaam Abiidaan ilma Gaadeyoonii ti. 23Lakkoobsi kutaa isaas namoota 35,400:
24Namoonni qubata Efreemitti lakkaaʼaman hundis kutaa kutaa isaaniitti 108,100 turan. Isaan kunneen immoo kutaa sadaffaa taʼanii deeman.
25Gama kaabaatiin kutaawwan qubata Daan faajjii isaanii jalaan haa qubatan.
Hoogganaan gosa Daan Ahiiʼezer ilma Amiishadaayii ti. 26Lakkoobsi kutaa isaas namoota 62,700.
27Gosti Aasheer isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Aseer Fagiʼeel ilma Okraanii ti. 28Lakkoobsi kutaa isaas namoota 41,500:
29Gosti Niftaalemitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Niftaalem Ahiiraa ilma Eenaanii ti. 30Lakkoobsi kutaa isaas namoota 53,400:
31Namoonni qubata Daaniitti lakkaaʼaman hundis 157,600 turan. Isaanis dhuma irratti faajjii isaanii jalaan haa deeman.
32Namoonni kunneen saba Israaʼel warra akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼamanii dha. Lakkoobsi warra qubata keessaa kanneen kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaman hundaa 603,550. 33Lewwonni garuu akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
34Akkasiin Israaʼeloonni waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjetan; isaanis haaluma kanaan faajjii isaanii jala haa qubatan; haaluma kanaanis tokkoon tokkoon isaanii balbalaa fi maatii isaanii wajjin baʼanii haa deeman.

Currently Selected:

Lakkoobsa 2: HAH

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in