YouVersion Logo
Search Icon

Lakkoobsa 3

3
Lewwota
1Yeroo Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti Museetti dubbatetti seenaan sanyii Aroonii fi Musee kanaa dha.
2Maqaan ilmaan Aroon: Naadaab hangafticha, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar. 3Kunneen maqaawwan ilmaan Aroon jechuunis luboota muudaman kanneen akka luboota taʼanii tajaajilaniif dibaman sanaa ti. 4Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo Gammoojjii Siinaa keessatti ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessanitti fuuluma isaa duratti duʼan. Isaan ilmaan tokko illee hin qaban ture. Kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar bara abbaan isaanii Aroon lubbuun jiraatetti luboota taʼanii tajaajilan.
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 6“Gosa Lewwii fidiitii akka isaan Aroon lubicha gargaaraniif isa dura dhaabi. 7Isaanis hojii dunkaana qulqulluu hojjechuudhaan waan isa irraa barbaadamuu fi waan waldaa hunda irraa barbaadamu fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa raawwatan. 8Isaan hojii dunkaana qulqulluu hojjetanii dirqama Israaʼelootaa guutuudhaan miʼa dunkaana wal gaʼii hunda haa eegan. 9Lewwota sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenni; isaan warra saba Israaʼel keessaa guutumaan guutuutti isatti kennamanii dha. 10Ati akka isaan luboota taʼanii tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa muudi; namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu garuu ajjeefamuu qaba.”
11 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 12“Kunoo ani Israaʼeloota keessaa qooda dhiira hangafa dubartoota Israaʼel hundaa Lewwota fudhadheera. Lewwonni kan koo ti; 13hangafti hundinuu kan kootii. Ani yeroo biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeesetti hangafa Israaʼel hunda jechuunis namas taʼu horii ofii kootiif addaan baafadheera. Isaan kan koo taʼan. Ani Waaqayyo.”
14 Waaqayyo Gammoojjii Siinaa keessatti Museedhaan akkana jedhe; 15“Lewwota maatii isaaniitii fi balbala isaaniitiin lakkaaʼi. Dhiira jiʼa tokkoo yookaan hammasii olii hunda lakkaaʼi.” 16Museen akkuma dubbiin Waaqayyoo isa ajajetti isaan lakkaaʼe.
17Kunneen maqaawwan ilmaan Lewwii ti:
Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
18Kunneen maqaawwan ilmaan Geershoonii ti:
Loobeenii fi Shimeʼii.
19Balbalawwan Qohaatotaa:
Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
20Balbalawwan Meraarotaa:
Mahilii fi Muusii.
Kunneen akkuma maatii isaaniitti balbalawwan Lewwotaa ti.
21Balbalawwan Liibnii fi Shimeʼii kan Geershoon turan; isaanis balbalawwan Geershoonotaa ti.
22Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 7,500 ture.
23Balbalawwan Geershoonotaa karaa lixa biiftuutiin dunkaana qulqulluu dugda duubaan qubatan.
24Hoogganaan balbalawwan Geershoonotaas Eliyaasaaf ilma Laaʼel ture.
25Itti gaafatamni Geershoononni dunkaana wal gaʼii keessatti qabanis dunkaana qulqulluu, dunkaanaa fi irra buusaa isaa, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru, 26golgaawwan oobdii, golgaa balbala dallaa kan dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru, funyoo fi tajaajila akkanaa kennu hunda eeguu ture.
27Balbalawwan Amraamotaa, Yizihaarotaa, Kebroonotaa fi Uziiʼeelotaa balbalawwan Qohaatii ti; isaanis balbalawwan Qohaatotaa turan.
28Baayʼinni dhiirota jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundaa 8,600 ture.
Qohaatonni iddoo qulqulluu sana eeguutti itti gaafatamtoota turan.
29Balbalawwan Qohaatotaa karaa kibba dunkaana qulqulluutiin qubatan.
30Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Qohaatotaas Eliisaafaan ilma Uziiʼeel ture.
31Isaanis taabota, minjaala, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, miʼa iddoo qulqulluu ittiin tajaajilan, golgaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda eeguutti itti gaafatamtoota turan.
32Hoogganaan Lewwotaa hangafti Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa ture. Innis warra itti gaafatamtoota eegumsa iddoo qulqulluu turan sana irratti dibame.
33Balbalawwan Mahelootaa fi Muusotaa kan Meraarii turan; isaanis balbalawwan Meraarotaa ti.
34Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 6,200 ture.
35Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Meraarotaas Zuriiʼel ilma Abiihaayilii ti;
isaanis karaa kaaba dunkaana qulqullummaatiin qubatan.
36Meraaronnis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubaawwan isaa, miillawwan isaa, miʼa isaa hundaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda, 37akkasumas utubaawwan oobdii sanatti naannaʼanii jiran, miillawwan isaanii, qofoo dunkaanaa fi funyoowwan isaa eeguuf muudaman.
38Museen, Aroonii fi ilmaan Aroon dunkaana qulqulluu irraa karaa baʼaa, qixa baʼa biiftuutiin fuula dunkaana wal gaʼii dura qubatan.
Isaanis iddoo Israaʼelootaa buʼanii iddoo qulqulluu eeguutti itti gaafatamtoota turan.
Namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu haa ajjeefamu.
39Lewwonni lakkaaʼaman hundi kanneen Musee fi Aroon ajaja Waaqayyootiin akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼan, dhiironni jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundi 22,000 turan.
40 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Dhiirota Israaʼel hangafoota kanneen jiʼa tokkootii fi hammasii olii hunda lakkaaʼii maqaa isaanii barreessi. 41Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota naa fudhadhu; qooda ilmaan hangafa horii Israaʼelootaa hundaas horii Lewwotaa naa fudhadhu. Ani Waaqayyo.”
42Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti hangafoota Israaʼel hunda lakkaaʼe. 43Dhiironni hangafoonni jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen maqaa maqaan barreeffaman hundii 22,273 turan.
44 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 45“Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota fudhadhu; qooda horii Israaʼelootaas horii Lewwotaa fudhadhu. Lewwonni kan koo ti. Ani Waaqayyo. 46Israaʼeloota hangafoota 273 kanneen baayʼina Lewwotaa caalan furuuf, 47tokkoo tokkoo isaaniitiif akkuma madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii shan shan fuudhi; saqiliin tokko geeraa digdama. 48Maallaqa Israaʼeloota dabalaman furuuf fuudhame sanas Aroonii fi ilmaan isaatti kenni.”
49Museen maallaqa sana Israaʼeloota lakkoobsaan warra Lewwotaan furamaniin ol taʼan sana irraa fuudhe. 50Innis akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti meetii saqilii 1,365 ulfaattu Israaʼeloota hangafa irraa fuudhe. 51Museenis akkuma dubbii Waaqayyootti, akkuma Waaqni Musee ajajetti maallaqa furii sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenne.

Currently Selected:

Lakkoobsa 3: HAH

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in