YouVersion Logo
Search Icon

Kitaaba Seera Dadaa 12

12
Waaqi Abraam Waame
1Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Biyya teeti, gosa teeti, maatii abbaa keetiille lakkisiitii, gara lafa ani sitti mudhisuu dhaqi.
2«Ani gosa guddoo si hin godha;
si hin eebbisa.
Gurra keeti hin guddisa;
worra dhibi'iifille eebba hin teeta.
3Ani worra si eebbisu hin eebbisa;
worra si abaaru hin abaara.
Kolbaan lafa irraa duudiin
karaa keetiin ta eebbifante hin teeti» jedhe.
4Maarre Abraam akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime deeme; Looxille isa woliin deeme. Abraam biyya Kaaraaniitii yennaa baye san, woggaan isaa torbaatamii shan. 5Abraam niitii ifii Saaraayii fi ilma obboleessa ifii Loox, waan qabanu maraa fi hojjattoota Kaaraanitti dhaggatanelle fudhatanee, gara lafa Kana'aanii deemiisaaf ka'ane. Isaan lafa Kana'aanii yennaa geyane, 6Abraam lafa san keessa dabaree, addee, «Sheekem» jedhantu, haga qilxaa woyyicha Moree deeme. Yennaa san worri Kana'aanotaa lafa san keessa jiraniiyyu. 7Yennaa san Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani lafa tana sanyii teetiif hin kenna» jedhe; Abraamille addee sanitti, Mootii Waan Maraa ka isatti mudhateef addee ciinca'aa ijaare. 8Achii ka'ee gara lafa koobittii ta Bet'el irraa gara baya adu'uutitti dhaggantuu dhaqe; dunkaanii ifiille Beti'el irraa gara seensa adu'uutitti, Aayin irraa gara baya adu'uutitti dhaabate; achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate. 9Achiin duuba, Abraam gara kibba Kana'aanii#12:9 Kibba Kana'aanii: Afaan Ibrootaatiin Negeb jedha. garuma duraa deeme.
Abraam Biyya Gibxi'ii Keessatti
10Biyya kibba Kana'aaniititti beelti hantuun waan buuteef, Abraam yennaa beelaa san achitti dabarsiisaaf, gara biyya Gibxi'ii gad bu'e. 11Inni Biyya Gibxi'ii seeniisaaf yennaa dhikaate, niitii ifii Saaraayiin, «Ani akka ati dubartii dansitti'ii hin beeka; 12Worri Gibxi'ii yennaa si dhagge, ‹Tun niitii isaa ti› jedhanee na hin ijjeesan; si ammoo hin lakkisan. 13Marroo teetiif akka naaf tolu, sababa keetiif akka jiraadhuuf, ‹Ani obboleettii isaa ti› jedhi» jedhe. 14Abraam biyya Gibxi'ii yennaa seene, worri Gibxi'ii niitiin isaa guddoo dansittii akka teete dhaggane. 15Qondaaltoti mootii Gibxi'ii yennaa isii dhaggane, dansummaa isi'ii mooticha Gibxi'iititti jajane. Gara mana mootichaalle isii geessane. 16Mootichille isi'iif jedhee Abraamitti tole; inni hoolee, loon, harree, gaalota, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii isaaf kenne.
17Ammoo sababa Saaraayii niitii Abraamiitiif, Mootiin Waan Maraa mootichaa fi kolbaa mana mootichaa keessa jirtutti dhukkuba hamaa buuse. 18Maarre mootichi biyya Gibxi'ii Abraam waamee, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Akka isiin niitii teeti teete maaf natti hin himin? 19Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette? Tanaaf ani niitii isii godhadhee fuudhe. Amma niitiin teeti kunoo ti; fudhadhuu deemi!» Jedheen. 20Mootichi marroo Abraamiitiif namoota ajajee, isaan niitii isaatii fi waan inni qabu mara woliin biyya Gibxiitii isa baasane.

Currently Selected:

Kitaaba Seera Dadaa 12: guj

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in