Wongeela Yohaannisii 5

5
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
1Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe. 2Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa#5:2 seensuma gaaddisa qabu: soroo yookiin sissaabii qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin “Betzataa” jedhanti#5:2 woraabbiin durii gariin, “Betsayidaa” jedha. 3Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole'ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho'iisa bisaanii eegatiisaatti jiraniiyyu. 4Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu'ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho'eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu'e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.]#5:3-4 woraabbiin durii durii gariin yaada dalleya keessa jiru kana hin qabanu 5Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu. 6Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, “Fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
7Namichi dhibamaan sun, “Gootta'a, bisaan yennaa tacho'u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena” jedhee deebise.
8Yesuus, “Ka'i, itillee teeti fudhadhuu, deemi” jedheen. 9Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme.
Guyyaan wonni sun teete sanbata. 10Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, “Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga” jedhane.
11Inni deebisee, “Namicha na fayyisetti, ‘Itillee teeti fudhadhuu deemi!’ anaan jedhe” isaaniin jedhe.
12Isaan, “Namichi, ‘Itillee teeti fudhadhuu deemi!’ siin jedhe eennu inni?” jedhanee isa gaafatane.
13Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te'e hin beenne.
14Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, “Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin” jedheen.
15Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te'e, Yihudootatti hime. 16Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane. 17Yesuus, “Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba” isaaniin jedhe.
18Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
Baallii Ilmaa
19Maarre Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha. 20Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa. 21Akkuma Abbaan worra du'ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. 22Abbaan eennulle'etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; 23Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
24Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka ana ergele'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiruu tareera; isatti hin murantu. 25Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du'ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage'anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage'u jiru'uun le'a. 26Akkuma Abbaan madda jiru'uu te'e, Ilma ifiille madda jiru'uu akka te'u godheera. 27Inni Ilma Namaa waan te'eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera. 28Waan kana hin masoonfatina'a; yennaan worri du'e marti qooqoo isaa dhage'u hin dhutti; 29awwaala ifii keessaalle'ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatatiisaaf ka'an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka'an.
Yesuusiif Dhugaa Bayane
30“Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a.
31“Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga'aatitti hin fudhatamu. 32Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhiibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka. 33Isin ergantoota teessan gara Yohaanniisii ergitane; inni dhuga'aaf dhugaa baye. 34Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu. 35Yohaannis akka xassaa bobe'ee ifuu ti; isin yenna'aaf ifa isaatitti gammadu'uuf barbaaddane. 36Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya anaa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati. 37Abbaan kiyya ka ana ergeeyyuu dhugaa anaaf bayeera. Isin ijjumaa qooqoo isaa hin dhageenne yookiin fuula isaa ijjumaa hin dhaggine; #Mat 3:17; Mar 1:11; Luq 3:22 38ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne. 39Isin Baarreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan! 40Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu!
41“Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu. 42Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka. 43Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo ana hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan. 44Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam anatti dhugeeffatiisa dandeettan ree? 45Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyna'a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata. 46Adoo Muuse'etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf baarreeseef anatti hin dhugeeffattaniiyyu. 47Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan?

اکنون انتخاب شده:

Wongeela Yohaannisii 5: GAXNT

های‌لایت

به اشتراک گذاشتن

کپی

None

می خواهید نکات برجسته خود را در همه دستگاه های خود ذخیره کنید؟ برای ورودثبت نام کنید یا اگر ثبت نام کرده اید وارد شوید