1
Wongeela Luqaasii 23:34
KITAABA WOYYICHA
Yesuus ammoo, «Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane.
Összehasonlít
Fedezd fel: Wongeela Luqaasii 23:34
2
Wongeela Luqaasii 23:43
Yesuus deebisee, «Dhugumaan ani sitti hima, adhuma na woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta» jedheen.
Fedezd fel: Wongeela Luqaasii 23:43
3
Wongeela Luqaasii 23:42
Achiin duuba Yesuusiin, «Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabadhu!» jedhe.
Fedezd fel: Wongeela Luqaasii 23:42
4
Wongeela Luqaasii 23:46
Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!» jedhe. Inni kana jedhee du'e.
Fedezd fel: Wongeela Luqaasii 23:46
5
Wongeela Luqaasii 23:33
Addee «Buqqii Mata'aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane.
Fedezd fel: Wongeela Luqaasii 23:33
6
Wongeela Luqaasii 23:44-45-44-45
Orraa gara saatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga saatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e.
Fedezd fel: Wongeela Luqaasii 23:44-45-44-45
7
Wongeela Luqaasii 23:47
Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, «Namichi kun dhugumaan nama balcha'a» jedhee Waaqa galateeffate.
Fedezd fel: Wongeela Luqaasii 23:47
Kezdőoldal
Biblia
Olvasótervek
Videók