Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 16
16
Worri Fariisotaa Malkata Gaafatan
(Mar. 8:11-13; Luq. 12:54-56)
1 #
Mat. 12:38; Luq. 11:16 Worri Fariisotaa fi worri Saduqootaa gara Yesuusii dhufanii, samii irraa malkata akka isaanitti mudhisu Isa kadhatan. 2Innillee ammoo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Hennaa lafti dhiye ‹Samiin waan addaatteertuuf, birraa ta'a› jettan. 3Obboroo, ‹Yoo samiin duumessaayee gurraachate, adha hin rooba› jettan, bifa sami'ii laaltanii attam akka ta'e himuu hin beettan. Malkata baraa attam akka ta'e himuu hin dandeettanii? 4#12:39; Luq. 11:29; Yoonaasii Raatticha 2:1; 3:4-5 Dhaloonni hamaanii fi seebaraan malkata barbaada; malkata raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus isaan dhiisee deeme. 5Darasoonni hennaa galaana gama ceeyan dhalee qabachuu irraanfatan. 6#Luq. 12:1; Qor. 1ffaa 5:6; Gal. 6:9 Yesuus, «Beekkadhaa'a! raacitii worra Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. 7Isaan, «Waan nu dhalee hin qabneef akkana jedha» woliin jedhan. 8Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Isin worra amantaa diqqo'oo maaf waan dhalee dhabuu keessanii woliin qaaxxan? 9#14:17-21; Mar. 6:34-44; Luq. 9:11-17; Yoh. 6:1-13 Haga ammaa hin hubannee? Xoroshoon shanii namoota kuma shaniif gayee hambaa gindoo meeqa akka kaaftan hin qaabattanii? 10#15:34-38; Mar. 8:1-9 Yookiin Xoroshoon torbaa namoota kuma afurii gayee hambaa gindoo#16:10 gindoo: kooboo meeqa akka kaaftan hin qaabattanii? 11raacitii Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa akka uf eeggattan ka jedhe waan xoroshoo attamii akka ta'e attamitti hin hubanne? 12Achiin maayessa isaan, Barumsa Fariisotaatii fi Saduqootaa malee, xoroshoo raacitii irraa akka uf eeggattan akka isaaniin hin jenne hennaa san qaabatan. 13Yesuus gara qachaa Filiphoos Qisaariyaa hennaa gaye, darasoota ufiitiin, «Namoonni Ilma Namaatiin eennu jedhan?» jedhee gaafate. 14#14:1-2; Mar. 6:14-15; Luq. 7:16; 9:7-8Isaan deebisanii, «Gariin, ‹Yohaannis Cuupha'a› worri kuuwwan, ‹Eeliyaas› kuwwan ammoo, ‹Ermiyaas› yookiin raattota durii keessaa tokko ta'a siin jedhan» jedhaniin. 15Inni deebisee, «Isin hoo eennu naan jettan?» isaaniin jedhe. 16#Yoh. 6:68-69 Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii #16:16 Kiristoosii: Masihii Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen. 17#17:5; Gal. 1:15-16 Yesuus deebisee akkana isaan jedhe, «Ilma Yoona'aa Simoon kana ka sii ibse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namni kana waan sii hin ibsineef ati ka eebbifamte. 18#Yoh. 1:42; Efe. 2:20; Isaayyaasii Raatticha 38:10 Ani akkana siin jedha, ati Pheexroos, dhagaa siida'aa kana irratti woldaa tiyya ta Kiristaanaa ijaara. Hunni du'aallee isii hin injifatu. 19#18:18; Yoh. 20:23 Ani Bantuu #16:19Bantuu: furtuu jeennata sami'ii sii kenna. Wonti ati lafarratti hiite maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Ka lafarratti ati hiittu maruu sami'ittillee hin hiikkama» jedhe 20#17:9; Mar. 9:9 Achiin maayii Yesuus Kiristoosiin akka ta'e eennuttillee akka hin himne, darasoota ufii jabeessee seere.
Yesuus Waan Rakkoo Ufiitii Fi Du'a Ufii Dubbate
(Mar. 8:31—9:1; Luq. 9:22-27)
21 #
12:40; 17:22-23; Yoh. 2:19 Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe. 22Pheexroos hojjatti achi isa baasee, «Gooftaa kiyya wonti kun horoma sirratti hin ta'in» jedhee teedeffatuu jalqabe. 23Inni ammoo gara galee Pheexroosiin, «Ati seexana asii deemi! Ati waan namaa malee, waan Rabbii waan hin yaanneef gufuu natti taateerta» jedheen. 24#10:38; Luq. 14:27 Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Na faanaa deemuu ka fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu» 25#10:39; Luq. 17:33; Yoh. 12:25 Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata. Naaf jedhee lubbuu ufii ka dhabu maruu hin argata. 26Namni bu'aa adunyaa tanaa maraa yoo argate, lubbuu ufii ammoo yoo balleeffate maal isaa godha? yookiin namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna? 27#25:31; Kitaaba Faarfanna'aa 62:12; Rom. 2:6 Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf. 28#10:23 Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa, namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe.
Селектирано:
Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 16: WLNT
Нагласи
Сподели
Копирај
Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.