Лого на YouVersion
Икона за пребарување

Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 17

17
Bifti Yesuusii Jijjiirame
(Mar. 9:2-13; Luq. 9:28-36)
1 # 26:37; Mar. 5:37; 13:3 Guyyaa jahaan maayessa, Yesuus Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisiin hojja isaanii qabatee, gara gaara dheera'aatitti ol isaan baase. 2#Phex. 2ffaa 1:16-18 Innillee afoo isaaniititti jijjiirame, fulli isaallee akka adu'uu ife, uffanni isaallee adii weeccaa ta'e. 3Hennama san dimmaa Muuseenii fi Eeliyaas Yesuusiin woliin uduu dubbatan argan. 4Achiin maayessa Pheexroosillee deebisee, Yesuusiin akkana jedhe, «Gooftaa kiyya, as jiraachuun nuuf misha'a. Yoo fedha kee ta'e asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen. 5#Mat. 3:17; 12:18; Mar. 1:11; Luq. 3:22 Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe. 6Darasoonni isaallee guddisanii sodaatanii waan turaniif kana dhagayanii nayanii afoo isaatitti gad kufan. 7Yesuusillee gara isaanii dhiyaatee, harkaan isaan tuttuqee, «Ka'aa, jabaadhaa'a hin sodaatinaa'a» isaaniin jedhe. 8Isaanillee ol jedhanii yoo laalan Yesuusiin malee, nama tokkollee hin argine. 9Hennaa gaaraa gadi bu'an «Yesuus, Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere. 10#Milkiyaasii Raatticha 4:5-6 Darasoonni isaallee, «Eegasuu barsiisoonni Seera Muuse'ee duraan dursee Eeliyaas dhufuu barbaarchisa maali'iif jedhan ree?» jedhanii isa gaafatan. 11Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eeliyaasi waan maraa hule'etti deebisu'uuf firrisee hin dhufa. 12#11:14; 14:9, 10 Haata'uu ammo, Ani akkana isiniin jedha; Eeliyaas duraanuu dhufeera, namoonni isa hin beenne, akkuma fedha isaanii isa godhan. Maarre Ilmi Namaallee harka isaaniititti hin rakkata» isaaniin jedhe. 13#Luq. 1:17 Hennaa san darasoonni akka Yesuus waan Yohaannisii cuupha'aa isaanitti hime qaabatan. 14Gara gumi'ii hennaa deebi'an, namichi tokko dhufee, Yesuusiin afo'otti jilbiinfatee, «Gooftaa'a, mucaa kiyya naa fayyisi. 15Inni dhukkuba gaggabdo'oo waan qabuuf guddisee rakkata'aara. Hennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti kufa. 16Ani gara darasoota keetii isa fide, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedheen. 17Yesuus deebisee, «Isin dhaloota daba'aa fi worra hin amanne nana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya fidaa'a!» jedhe. 18Yesuus jinnii san teedeffatee, jinniinillee mucaa keessaa baase; mucaanillee hennama san irraa jalqabee fayye.
19Achiin maayessa darasoonni isaa hojja ufii gara Yesuusii dhufanii, «Nu jinnii maali'iif baasuu dadhabne?» jedhaniin. 20#21:21; Mar. 11:23; Luq. 17:6; Qor. 1ffaa 13:2 Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Sababaa amantaan keessan diqqaateef malee, ani dhugamaan isiniin jedhaa, amantii diqqoo haga gumaa sanaafici'ii uduu qabaattanii, gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettan, innillee hin deema; Wonti isiniif hin danda'amne hin jiru. 21Jinniin akkanaa kun kadha'aa fi soomaan malee hin bayu» isaaniin jedhe.
Yesuus Ammallee Waan Du'aa Fi Du'aa Ka'uu Ufii Dubbate
(Mar. 9:30-32; Luq. 9:43-45)
22Hennaa Galiilaa keessa deddeebi'an, Yesuus, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama, 23isaanillee isa ajjeesan, guyyaa Sadaffa'aa du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanillee guddisanii gaddan.
Waan Kaffaltii Gibira Mana Woyyu'uu
24 # Seera Bawu'uu 30:13; 38:26 Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa Qifirnaahoomiin gayan, worri gibira mana woyyu'uu guuran gara Pheexroosii dhufanii, «Barsiisaan keessan gibira mana woyyu'uu hin kaffaluu?» jedhaniin.
25Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee uduu isatti hin dubbanne, Yesuus dursee, «Simoon, maal si fakkaata? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennuun irraa guuran? Nama biyya ufii irraa moo nama biyya biraa irraa guuran?» jedhee isa gaafate.
26Pheexroos deebisee, «Nama biyya biraa irraa guuran» jedheen.
Yesuus deebisee, «Namni biyya isaanii bilisa ta'a kaa! 27#Rom. 14:13; Qor. 1ffaa 8:9, 13 Haata'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante birrii keessatti argitaa, birrii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen.

Нагласи

Сподели

Копирај

None

Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се