Лого на YouVersion
Икона за пребарување

Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 18

18
Ka Caalu Eennu
(Mar. 9:33-37; Luq. 9:46-48)
1 # Luq. 22:24 Hennaa san darasoonni isaa gara Yesuusii dhufanii, «Jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu eennuun ta'inna laata?» jedhaniin. 2Inni daa'ima tokko waamee, afoo isaanii dhaabsisee akkana jedhe. 3#19:14; Mar. 10:15; Luq. 18:17 «Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan. 4Eennullee ka akka daa'ima kanaa ka gad uf qabu jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu ta'a. 5#10:40; Luq. 10:16; Yoh. 13:20 Eennullee daa'ima akkasii ka maqaa kiyyaan simatu maruu na simata.
Nama Ataabuu Irraa Uf Eeggachiise
(Mar. 9:42-48; Luq. 17:1-2)
6Worra natti amanan didiqqaa kanniin keessaa tokko ka gufachiisu maruu, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee gara qilee galaanaatitti gatamuu isaa woyyaa. 7Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e! 8Harki kee yookiin lutti tee yoo ka si gufachiiftu taate, uf irraa kutii gati. Harka lamaan yookiin luka lamaan qabaattee gara asaaba bara baraatitti gatamu'uu mannaa, Hokkolaa yookiin duundumaa taatee gara jireennaa galuu sii woyya. 9Ijji tee yoo si gufachiifte, uf keessaa baasii gati, ija lamaan qabaattee gara ibidda asaabaatitti gatamu'uu mannaa, ija takkattii qabaattee jeennata galuu sii woyya.
Mammaaka Waan Hoolaa Baddee
(Luq. 15:3-7)
10 # Hu. Er. 12:11; Ibr. 1:14 Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [ 11#9:13; Luq. 19:10 Ilmi Namaa worra bade fayyisu'uuf dhufe.]#18:11 woraabbiin durii gariin laakkofsa 11 hin qaban 12#Hisqeelii Raatticha 34:11-12; Phex. 1ffaa 2:25 Maal isinitti fakkaata? Namni tokko uduu hoolota dhibbaa qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo jalaa badde, sagaltamii sagal gaara irratti dhiisee ta badde san hin soquu? 13Ani dhugamaan isiniin jedha, inni yoo argate, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada. 14Akkasuma didiqqaa kanniin keessaa tokko akka badu fedhii Abbaa keessan ka Sami'iitii miti.
Nama Yakke Maal Godhuu Barbaachisa
(Luq. 17:3)
15 # Seera Leewwotaa 19:17; Luq. 17:3; Gal. 6:1 «Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka #18:15yakka: balleessaa isaa itti himi. Inni yoo si dhagaye, obboleessa kee godhadhu. 16#Seera Keessa deebi'ii 19:15; Qor. 2ffaa 13:1; Xim. 1ffaa 5:19 Inni yoo si hin dhageenne ammoo, murtiin maruu ragaa nama lamaatiin yookiin sadihiitiin waan mirkanaayuuf, deebi'iitii nama tokko yookiin nama lamaa qabadhuu bira dhaqi. 17#Qor. 1ffaa 5:13; Tas. 2ffaa 3:6; Tit. 3:10 Inni yoo isaanillee dhagayuu dide, Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin.
18 # 16:19; Yoh. 20:23 «Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti isin lafarratti hiitan maruu, sami'ittillee ka hidhame ta'a. Wonti isin lafarratti hiittan maruu sami'ittillee hin hiikkama. 19#7:7; 21:22; Mar. 11:24; Yoh. 16:23-24; Yaq. 1:5; Yoh. 1ffaa 5:14-15 Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha. 20#28:20; Luq. 24:36; Yoh. 14:23 Hulee namoonni lama yookiin sadihii taa'anii maqaa kiyyaan hennaa wolgayanitti ani isaan woliin jira» jedhe.
Waan Wolii Araaramu'uu
21Achiin maayessa Pheexroosi gara Yesuusii dhiyaatee, «Gooftaa'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, hennaa meeqa dhiisaaf? hennaa torbaa?» jedheen. 22#Luq. 17:3-4; Efe. 4:32; Seera Uumamaa 4:24 Yesuus deebisee, «Ani haga hennaa torbaatamii torbaa malee, hennaa torbaa callaa siin hin jedhu» jedheen. 23«Waan kanaaf jeennanni sami'ii mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatu'uuf barbaade tokko fakkaatti. 24Inni hennaa herreguu jalqabe, nama inni gatii Miliyoona hedduu irraa qabu tokko itti fidan. 25Innillee waan kafalu dhabnaan, gooftaan isaa inni haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kafalamu ajaje. 26Maarre hojjataan sun luka isaa jalatti kufee, ‹Naa obsi, anillee waan maraa sii kaffala› jedhee kadhate. 27#Luq. 7:42 Gooftaan hojjataa sanii gaddee, gatii isaallee dhiiseefii, akka deemuuf gad isa dhiise. 28Haata'uu ammoo hojjataan sun, achii bayee, hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kanfali› jedhee, hudhee isa qabe. 29Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kanfalaa› jedhee isa kadhate. 30Inni ammoo hin barbaanne; kanaafuu qabee haga gatii kanfaluufiif mana hidha'aatitti hiisiseen. 31Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddaniiti dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan. 32Achiin maayessa gooftaan isaanii isa waamsisee, ‹Ati hojjataa hamaa'a! Waan na kadhatteef gatii san maraa sii dhiise. 33#7:2; Luq. 6:36-38; Qol. 3:13; Yaq. 2:13; Yoh. 1ffaa 4:11 Akka ani sii dhiise hojjataa hiriyyaa kee ta'e sanii hin dhiiftuu?› jedheen. 34#5:25-26; Luq. 12:58-59 Gooftaan isaallee aaree, haga gatii isa irra jiru maraa kafaluuf worra isa rakkisutti dabarsee kenne.
35 # 6:15; Mar. 11:25 Maarre isin keessaa tokko tokko obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate, Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.

Нагласи

Сподели

Копирај

None

Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се