Лого на YouVersion
Икона за пребарување

Wongeela Yohaannisii 11

11
Du'a Alaazarii
1Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le'u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maartaan le'anu. 2Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti. 3Obboleettoti Alaazarii: “Gootta'a, nami ati jaalattu dhibameera” jedhanee Yesuusitti ergane.
4Yesuus yennaa tana dhage'e, “Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du'ee akka hafuufii moti” jedhe.
5Yesuus Maartaa, obboleettii isi'ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu. 6Akka Alaazar dhibame dhage'ulle, addee jiru san guyyaa lama oole. 7Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, “Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha” jedhe.
8Barattooti isaan, “Barsiisa'a, dhiyoo tana Yihudooti dhaka'aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?” jedhaneen.
9Yesuus deebisee, “Guyyaan tokko sa'aatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya'aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu. 10Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata” jedhe. 11Yesuus tana jedheen duuba dabalee, “Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa” jedhe.
12Barattooti isaa deebisanee, “Gootta'a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya” jedhane.
13Yesuus akka Alaazar du'eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane. 14Maarre Yesuus ifa tolchee, “Alaazar du'eera; 15ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka'aa gara isaa dhandhaa!” isaaniin jedhe.
16Toomasiin Didimoos#11:16 Didmoos: Didmoos jechuun lakkicha jechu'u jedhamu barattoota dhibi'iin, “Kowaa mee nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!” jedhe.
Yesuus Du'aa Ka'iisaa Fi Jiru'u
17Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te'e dhagge. 18Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetrii sadii fagaatti; 19Yihudooti hedduun maarta'aa fi Maariyaam marroo du'a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran.
20Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte. 21Maartaan Yesuusiin, “Gootta'a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'uuyyu! 22Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka” jette. 23Yesuus, isi'iin, “Obboleessi keeti du'aa hin ka'a” jedhe.
24Maartaan deebittee, “Guyyaa muumme'ee yennaa du'aa ka'iisaa, akka inni du'aa ka'u ani hin beeka” jette.
25Yesuus, “Du'aa ka'iisaa fi jiruun ana. Ka anatti dhugeeffatu, du'ulle jiru'uun hin le'a; 26Ka jiru'uun le'uu fi anatti dhugeeffatu marti hin du'u. Ati kana hin dhugeeffattaa?” isi'iin jedhe.
27Isiin, “Ee Gootta'a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha” jetteen.
Yesuus Booye
28Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, “Barsiisaan as jira, si'ille waamiisatti jira” jetteen. 29Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe. 30Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu. 31Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka'ane.
32Maariyaamiin addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, “Gootta'a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'u” jetteen.
33Yesuus booyiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka booyiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee, 34“Eessatti awwaaltane?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Gootta'a, koyii ilaali” jedhanee deebisane.
35Yesuus booye. 36Yihudooti, “Attam akka inni isa jaalate ilaala'a!” jette. 37Isaan keessaa gariin ammoo, “Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande'uuyyuu?” jedhane.
Yesuus Alaazar Du'aa Kaase
38Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru. 39Yesuus, “Dhakaa irraa kaasa'a!” jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, “Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!” jetteen.
40Yesuus isi'iin, “Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?” jedhe. 41Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, “Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha. 42Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe” jedhe. 43Tana jedheen duuba, Yesuus, “Alaazar, as bayi!” jedhee qoonqoo guddo'oon waame. 44Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, “Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii” isaaniin jedhe.
Yesuus Ijjeesiisaaf Itti Malane
45Yihudoota gara Maariyaamii dhufaneeranu keessaa hedduun waan Yesuus huje dhagganee, isatti dhugeeffatane. 46Isaan keessaa gariin ammoo gara Fariisaayotaa dhaqanee waan Yesuus huje itti himane. 47Maarre moototi hayyootatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, “Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona? 48Akkanumaan yoo isa lakkinne, nami maraa isatti hin dhugeeffata; worri Rooma'aalle dhufee Galma Waaqaa keennaa fi kolbaa teenna hin balleessa” jedhane. 49Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, “Isin ijjumaa wo hin beettanu; 50kolbaan duudiin badu'uu mannaa, nami tokko kolba'aaf du'uun isiniif woyya; isin ijjumaa tana hin hubattannuu?” isaaniin jedhe. 51Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage. 52Isaan qofaaf adoo hin te'in, kolbaa Waaqaa ta bittinnootte maralle wolitti rariisaaf du'a.
53Guyyaa sanii jalqabanee Yihudooti baallii qabanu Yesuus ijjeesiisaaf mala dhowane. 54Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efireem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule.
55Yennaan Jila Irra Dabarama Yihudootaa dhikaateertiiyyu; biyya keessaa namooti hedduun jilaan dura akka aadaa dhugeeffannaa isaaniititti ifi qulqulleesu'uuf gara Yerusaalemii ol bayane. 56Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, “Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?” jedhanee wol gaafatane. 57Moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran.

Селектирано:

Wongeela Yohaannisii 11: GAXNT

Нагласи

Сподели

Копирај

None

Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се