Wongeela Yohaannisii 2
2
Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana'aa
1Guuyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. 2Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. 3Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, “Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte” Yesuusiin jette.
4Yesuus, “Aayyaa, waan huju anatti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne” jedhee deebise.
5Achiin duuba haati Yesuusii, “Waan inni isinitti himu godha'a” jettee tajaajiltootatti hinte.
6Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujatante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettaamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an. 7Yesuus tajaajiltootaan, “Okkotoota san bisaaniin guuta'a” jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. 8Achiin duuba inni isaaniin, “Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a” jedhe. Isaanille isaaf geessane. 9Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarree inni waajibicha waamee, 10“Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!” jedheen. 11Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane. 12Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane. #Mat 4:13
Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe
(Mat 21:12-13; Mar 11:15-17; Luq 19:45-46)
13Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe. 14Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge. 15Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittanneesse. 16Worra saphaliisa gurguratu saniin, “Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!” jedhee ajaje. 17Barattooti isaa, “Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi” jedhantee ta barreeffante san qaabatane.
18Yihudooti baallii qabanu, “Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?” jedhanee isa gaafatane.
19Yesuus, “Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa” jedhee deebise. #Mat 26:61; 27:40; Mar 14:58; 15:29
20Yihudooti baallii qabanu, “Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?” jedhanee isa gaafatane.
21Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti. 22Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreefama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.
Yesuus Yaada Namaa Mara Beeka
23Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane. 24Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addane. 25Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne.
Селектирано:
Wongeela Yohaannisii 2: GAXNT
Нагласи
Сподели
Копирај
Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.