Лого на YouVersion
Икона за пребарување

Wongeela Luqaasii 13

13
Cubbuu Irraa Ka Hin Deebine Hin Bada
1Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane. 2Yesuus deebisee, “Worri Galiila'aa kun, worra Galiila'aa kaan mara caalaa cubbaaleyyii waan te'aneef akkas rakkatane isinitti fakkaataa? 3Waawoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi'uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan. 4Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaammeyyii isinitti fakkaataa? 5Waawo'o! Ani isinitti hima; isinille cubbuu teessan irraa yoo deebitane malee, isin martinuu akkuma isaanii hin baddan” isaaniin jedhe.
Mammaassa Muka Harru'uu Ka Midhaan Hin Buunnee
6Achiin duuba Yesuus mammaassa kana isaanitti mammaakee, “Namichi fichaa ifii keessatti muka harru'uu dhaabbateeru tokko jira. Inni midhaan isii irraa barbaadatiisaaf dhaqee womaa irraa dhabe. 7Maarre inni namicha fichaa isaa hujuun, ‘Ilaa, ani muka harru'uu kana irraa midhaan barbaadatiisaaf woggaa sadi dhufeera; ammoo haga ammaa womaa irraa hin dhagganne. Isii muri, maaf lafa balleessiti?’ jedhe. 8Namichi sun ammoo deebisee, ‘Gootta'a, me woggaa tanaaf lakkis; jala qotee kosii jalatti naqa. 9Bara dhufu midhaan yoo buutte dansa'a! Ammoo yoo buusuu dhadde hin murta!’ jedheen” jedhe.
Yesuus Guyyaa Sanbataa Dubartii Gugguutte Fayyise
10Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu. 11Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguusiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne. 12Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, “Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta” jedhe. 13Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte. 14Sooressi mana Waaqeffannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, “Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti” jedhe. 15Goottaan deebisee, “Isin kijiboole'e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha'aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne ennu? 16Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu'uu hin mallee ree?” jedheen. 17Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde.
Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii
(Mat 13:31-33; Mar 4:30-32)
18Achiin duuba Yesuus “Mootummaan Waaqaa maan fakkaatti? Maaniin isii wol fakkeessina?” jedhee gaafate. 19Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti” jedhe.
Mammaassa Uuko'oo
(Mat 13:33)
20Yesuus ammalle, “Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessa? 21Isiin akka uukoo dubartiin takka fuutee bullaa guddo'oon#13:21 bullaa guddo'oon: Kitaabi Afaan Grikii waan ittiin safaranu sadiin jedha mattee, uukoon sun isii mara bukeessituu fakkaa ti” jedhe.
Balbala Dhiphoo
(Mat 7:13-14, 21-23)
22Yesuus gara Yerusaalemii adoo dhaquu, qachootaa fi olloota keessatti kolbaa barsiisaa dabare. 23Nami tokko, “Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?” jedhee gaafate. 24Yesuus deebisee, “Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu. 25Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‘Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!’ jettanee hin waantan; ‘Inni ammoo deebisee, ‘Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku’ isiniin jedha. 26“Achiin duuba isin deebittanee, ‘Si woliin nyaannee unneera; karaa keenna irralle'etti barsiiteerta’ jettan. 27Inni ammoo, ‘Eessaa akka isin dhuttane ani hin beeku; isin dabaaleyyiin martinuu ila tiyya duraa deema'a!’ jedha. 28Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti booyaa ilkaan qartan. #Mat 22:13; 25:30 29Kolbaan gara aduun baatuu fi aduun seentuun, olii fi gadiin dhuttee mootummaa Waaqaa keessa teettee hin nyaatti. 30Worri amma duuba jiru, worra duraa hin te'a; worri amma dura jiru worra duubaa hin te'a” jedhe.
Heroodis Yesuus Ijjeesiisaaf Barbaade
31Yennaa san worra Fariisaayotaa keessaa namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, “Heroodis waan si ijjeesiisaaf barbaaduuf asii deemi, addee dhibii dhaqi!” jedhaneen. 32Yesuus deebisee, “Dhaqa'aatii jeedala#13:32 jeedala: ukkullo, geedala saniin, Ani adhaa fi boru durriisota hin baasa, worra dhibamaalle hin fayyisa, guyyaa sadeeso'ootitti hujii tiyya hin hobbaasa. 33Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeeffamuu hin malle” isaaniin jedhe.
Yesuus Yerusaalemiif Gadde
(Mat 23:37-39)
34“E! Yerusaalem, Yerusaalem! Ati raagota ka ijjeettu, ergantoota gara keeti ergante ka dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade, isin ammoo didattane. 35Ilaa, manni keessan ona hin te'a. Ani isinitti hima, ‘Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebiffame’ haga jettanutti deebitanee ana hin dhaggitanu” jedhe.

Селектирано:

Wongeela Luqaasii 13: GAXNT

Нагласи

Сподели

Копирај

None

Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се