1
Seera Uumamaa 32:28
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Yommus namichi,<<Ati Waaqayyotti, namattis marmitee gad dhiisuu didde dhaabachuu dandeesseetta; kanaafis si'achi maqaan kee Israa'el haa jedhamu malee, Yaaqoob hin jedhamin!>> jedhe*; [<<Israa'el>> jechuun <<Waaqayyo wajjin wal'aansoo kan qabu>> jechuu dha].
Sammenlign
Utforsk Seera Uumamaa 32:28
2
Seera Uumamaa 32:26
Namichis, Yaaqoobiin <<Boruun baqaqeera, gad na dhiisi!>> jedhe; Yaaqoob immoo deebisee,<<Yoo ana eebbifte malee, ani gad si hin dhiisu>> jedhe.
Utforsk Seera Uumamaa 32:26
3
Seera Uumamaa 32:24
Inni lafa turetti deebi'ee achitti kophaa isaa hafe; namni tokkos hamma boruun baqaqutti Yaaqoobin wal'aansoo qabe.
Utforsk Seera Uumamaa 32:24
4
Seera Uumamaa 32:30
yommus Yaaqoob,<<Ani Waaqayyoon fuulleetti nan arge, garuu lubbuun koo ooleera>> jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa <<Pheeni'el>> jedhee moggaase*; [<<Pheeni'el>> jechuun,<<Fuula Waaqayyoo>> jechuu dha]*.
Utforsk Seera Uumamaa 32:30
5
Seera Uumamaa 32:25
Namichis Yaaqoobin akka hin dandeenye yommuu arge, walga'ii luka isaa jabeessee in qabe; Yaaqoobis amma iyyuu namicha wal'aansoo qabutti utuu jiruu cuuphiin isaa iddoodhaa kaate.
Utforsk Seera Uumamaa 32:25
6
Seera Uumamaa 32:27
Namichis,<<Maqaan kee eenyu?>> jedhee isa gaafate; innis deebisee,<<Maqaan koo Yaaqoob>> jedhe.
Utforsk Seera Uumamaa 32:27
7
Seera Uumamaa 32:29
Yaaqoobis namichaan,<<Hadaraa maqaa kee anatti himi!>> jedhe; namichis,<<Maqaa koo maaliif gaafatta?>> jedhee, yommusuma achitti isa eebbise*
Utforsk Seera Uumamaa 32:29
8
Seera Uumamaa 32:10
Gaarummaanii fi amanamummaan ati ana garbicha kee argisiifte kun hundinuu anatti in guddate; anoo yommuun ba'e ulee koo kana duwwaa qabadheen Yordaanos kana ce'e; amma garuu buufata lama guutuu nan ta'e*.
Utforsk Seera Uumamaa 32:10
9
Seera Uumamaa 32:32
Namichi foon sulluudaa isa walga'ii luka isaa irra jiru jabeessee qabee waan butucheef, namoonni Israa'el hamma har'aatti foon sulluudaa isa walga'ii lukaa irratti argamu hin nyaatan.
Utforsk Seera Uumamaa 32:32
10
Seera Uumamaa 32:9
Kanaaf Yaaqoob,<<Yaa Waaqayyo isa kan Abrahaam akaakayyuu koo tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq abbaa koo tii, yaa gooftaa ko, situ,<<Ati biyya keetti lammii keetti deebi'i, anis gaarii siifan godha>> naan jedhe.
Utforsk Seera Uumamaa 32:9
11
Seera Uumamaa 32:11
Amma immoo,<<Inni dhufee ana, haadhotii, ijoollees in rukuta>> jedhee waanan sodaadhuuf, ati harka obboleessa koo harka Esaawuu akka na oolchituuf sin kadhadha!
Utforsk Seera Uumamaa 32:11
Hjem
Bibel
Leseplaner
Videoer