Logo YouVersion
Ikona Hľadať

Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 10

10
Fakkeenna Waan Tissee Hoolotaa
1 # Hisqeelii Raatticha 34:1-10 «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka gooruu hoolotaa balbalaan hin seenne, ka karra biraatiin bayu ammoo inni hattu'uu fi saamtu'u. 2Ka balbalaan seenu ammoo tissee hoolotaati ka balbala eegullee hin banaaf. 3#Kitaaba Faarfanna'aa 95:7; Isaayyaasii Raatticha 43:1 Hoolonnillee laagaa isaa hin dhagayan, innillee hoolota ufii maqaa isaaniitiin waamee, isaan fudhata. 4#10:27 Hoolota ufii haga baaseen maayessa afoo isaanii deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif faana isaa deeman. 5Kaawwan irraa dheessan malee, faanaa hin deeman waan laagaa isaanii hin beenneef.»
6 # 16:25 Yesuusillee fakkeenna kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni itti hime hin qalbifanne.
Yesuus Tissee Misha'a
7Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ani balbala hoolotaa ti. 8#Mat. 7:15; Ermiyaasii Raatticha 23:1-2 Ka anaan dura dhufan maruu hattootaa fi saamtota. Haata'uu ammoo hoolonni isaan hin dhageenne. 9#14:6; Kitaaba Faarfanna'aa 118:20 Balbalti ana. Ka na keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya, inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata 10#Luq. 15:4-7; Kitaaba Faarfanna'aa 23:1 Hattuun hatu'uuf, qalu'uuf, balleessu'uuf malee, waan biraatiif hin dhuftu. Ani jireenna isaanii ta'u'uuf akka isaanii baayi'atuuf dhufe.»
11 # Isaayyaasii Raatticha 40:11; Hisqeelii Raatticha 34:11-31; 37:24; Yoh. 15:13; Yoh. 1ffaa 3:16; Ibr. 13:20; Mudh. Yoh. 7:17 «Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna. 12#Hu. Er. 20:29; Zakkaariyaasii Raatticha 11:16-17 Tisseen hoolonni ta isaa hin taane qaxaraman ammoo yayyiin hennaa dhufu yoo arge hoolota dhiisee dheessa; yayyiinillee hin fudhata, hoolotallee adda tamsaasa. 13Inni Qaxaramaa waan ta'eef, hoolonnillee waan garaa isa hin nyaanneef, ka qaxarame sun hin dheessa, 14-15#10:27; Xim. 2ffaa 2:19 Tisseen mishaan ana. Aabba akkuma na beeku akkuma anillee Aabbaan beeku, Ani hoolota tiyya hin beeka. Hoolonni tiyyallee na beekan. Lubbuu tiyyallee hoolota tiyyaaf dabarsee kenna. 16#Isaayyaasii Raatticha 56:8; Hisqeelii Raatticha 34:23; 37:24; Yoh. 11:52; Efe. 2:14-18; Phex. 1ffaa 2:25 Ani hoolota Gooruu kana keessaa hin taane, hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammoo as fidutu na irra jira. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko.
17 # Isaayyaasii Raatticha 53:10; Filph. 2:8-9 Ani lubbuu tiyyallee akkasuma deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf Aabba na jaalata. 18#5:26; 14:31 Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee, eennullee na irraa hin fudhatu, jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.»
19 # 7:43; 9:16 Eeganaa sababaa dubbii kanaatiif Yihuudota wodhakka'atti gargar wol fooyan. 20#7:20; 8:48; Mar. 3:21-22 Isaan keessaallee namoonni hedduu, «Inni jinnii uf keessaa qaba! maraateera! Isin maaf isa caqaftan?» jedhan. 21#9:30-33 Kuuwwan ammoo, «Kun dubbii nama jinnii qabuu tii miti! Jinniin ija ballootaa banuu danda'aa?» jedhan.
Yesuus Tuffatame
22Yeruusaalemitti ayyaana mana woyyu'uu haarawoomsu'uutitu jira, hennaan sunillee ganna. 23#Hu. Er. 3:11; 5:12 Yesuusillee mana woyyuu balbala Salamoonii afoo deddeebi'a'aa ture. 24#8:25; Luq. 22:66-67 Yihuudonni isa marsanii, «Haga yoomii mamii keessa nu tursiifta? Ati yoo Kiristoosiin taate ifa godhii nutti himi» jedhaniin.
25 # 4:26; 9:37; 5:36; 10:38 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani isinitti hime. Isin ammoo hin amantan hujiin ani maqaa abbaa kiyyaatiin hojjadhu kun waan kiyya raga. 26#8:45, 47 Haata'uu ammoo akkuma isinitti hime isin waan hoolota tiyya keessaa hin taaneef hin amantan. 27#10:3-4; 18:37 Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan anilee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman. 28#5:24; 17:2, 12; 18:9 Anillee jireenna bara baraa isaanii kenna, baraa haga bara baraallee hin badan, harka kiyya keessaa eennullee isaan hin baasu. 29Abbaan kiyya ka naa kenne maraa caala, harka Abbaa kiyyaatii eennullee isaan baasuu hin danda'u.
30 # 17:21-22 Anii fi Aabba tokko.»
31 # 8:59; 11:8 Achiin maayessa Yihuudonnillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan. 32#Mar. 7:37 Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatanii?» isaaniin jedhe.
33 # 5:18; Seera Leewwotaa 24:16; Mat. 9:3; 26:65 Yihuudonnillee, «Hujii misha'aaf si hin dhoofnu waan arraba keetiitiif, ati nama taatee waan Rabbiin uf gooteef» jedhanii deebisaniif. 34#Kitaaba Faarfanna'aa 82:6 #Kitaaba Faarfanna'aa 82:6 Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, ‹Isin waaqolee tolfama'a› ka jedhe «Seera keessanitti akkuma barreeffamee mitii? 35Kitaabni diiggamuu waan hin dandeenneef, worra dubbiin Rabbii dhufeef sanniiniin kitaabni woyyuun, ‹Isin waaqota› yoo isaaniin jedhe, 36#5:17-23 ‹Ani Ilma Rabbii ti› waan jedheef, isin ka Aabba woyyoomsee gara adunya'aa erge, ‹Rabbiin arrabsita› jettaniinii? 37#5:36; 10:25 Ani yoo hujii abbaa kiyyaa hin goone na hin amaninaa'a. 38#14:9-11; 15:24 Yoo godhe ammoo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Abbaan akka ana keessa, anillee akka Abbaa keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan, hujii isaa amanaa'a.»
39 # 7:30; 8:59; Luq. 4:30 Eeganaa ammalee deebi'anii isa qabuu barbaadan, inni ammoo isaan jalaa miliqe.
40 # 1:28 Gara hulee Yohaannis duratti cuupha'aa ture Yoordaanosiin gamaa deebi'ee deemee achi bubbule. 41#3:27-30 Namoonni hedduu gara isaa dhufanii, «Yohaannisi malkata tokkollee hin goone, haata'uu ammoo Yohaannis waan nama kanaa wonti dubbate maruu dhuga'a» jedhan. 42#2:23; 7:31; 11:45 Achitti namoonni hedduu isatti amanan.

Zvýraznenie

Zdieľať

Kopírovať

None

Chceš mať svoje zvýraznenia uložené vo všetkých zariadeniach? Zaregistruj sa alebo sa prihlás