Logo YouVersion
Ikona Hľadať

Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 7

7
Yesuusii Fi Ilmaan Haadhaa Isaa
1Achiin maayii Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa waan turaniif, Yihuudaa keessa deddebi'uu waan hin feeneef, Galiilaa keessa deddeema'aa ture. 2Ayyaanni Yihuudotaa ka daasee keessatti kabajjan dhiyaatee ture. 3Eeganaa Obboleeyyan, «Darasoonni teellee ammoo hujii ati hojjattu akka arganiif asii ka'iitii gara Yihuuda'aa deemi. 4Ka uf mudhisuu barbaadu ka dhossa'atti hojjatu waan hin jirreef, yoo waan kanniin gootu adunyaa tanatti uf mudhisi» jedhaniin. 5Obboleeyyan isaatuu isatti amananii waan hin jirreef.
6Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef, hennaan keessan ammoo yoo maraa ka tole. 7Adunyaan isin jibbuu hin dandeettu; ani ammoo waan hujiin isi'ii dhara ta'uu isi'itti raguuf ana na jibbiti. 8Isin gara ayyaana kanaa bayaa'a, ani ammoo hennaan kiyya waan hin raawwatamneef, gara ayyaana kanaa hin bayu.» 9Kana isaaniin jedhee Galiila'atti hafe.
Yesuus Ayyaana Daasii Keessatti Kabajjamu Irratti Argame
10Obboleeyyan isaa ammoo gara ayyaanaa haga bayaniin maayii hennaa san innillee akkasuma addaataa uduu hin taane dhokatee baye. 11Yihuudonnillee, «Inni eessa jira?» jedha'aa Ayyaana irratti soqa'aa turan.
12Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan. 13Haata'uu ammoo, Yihuudota waan sodaataniif eennullee waan isaa addaataa hin dubbatu.
14Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan, Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture. 15Yihuudonnillee, «Namni kun uduu hin baranne kitaabbilee attamitti beeka?» Jedha'aa maalalfatan. 16Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka na erge biraa malee, ana irraa mit. 17Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookiin ka ani ufi irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka. 18Ka ufirraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammoo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru. 19Muuseen seera isinii hin kenninee? Isin keessaa ammoo tokkochillee ka seera raawwatu hin jiru. Maaf na ajjeesuu barbaaddan? 20Baniin deebisee, «Jinnii qabda! Eentu si ajjeesuu barbaada?» jedhaniin. 21Yesuusillee akkana jedhe isaanii deebise, «Hujima tokko hojjadhee jennaan, isin maruu maalalfattan. 22Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan. 23#Yoh. 5:9 Namni Sambataan gadoome yoo seera Muusee hin dinee, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii? 24Fuula namaa laalaa murteessuu dhiisaa'a, murtii qajeelaa murteessaa'a.»
Yesuus Kiristoosii?
25Kanaafuu namoonni Yeruusaaleemii gari gariin akkana jedhan, «Ka ajjeesu'uuf soqa'aaran kanaamii? 26Kunoo addaataa dubbata'aara isaan ammoo isaan womaa hin jenne. Bulchoonni namni kun dhuga'aan Kiristoosiin akka ta'e beekinnuu? 27Nu ammoo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.» 28Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammoo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haata'uu ammoo inni na erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati. 29Laagaa isaa ol fudhatee ani isa biraa dhufe, inni waan na ergeef ani isa hin beeka» jedhe. 30Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haata'uu ammoo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe.
31Banii keessaa namoonni heddu waan itti amananiif, «Kiristoos hennaa dhufe, maalalee kun godhe caalaa godha?» jedhan.
Yesuusiin Qabsiisu'uuf Eedduu Itti Ergan
32Fariisonni baniin waan isaa akka guunguma'aaran dhagayan. Bulchaan gadootaatii fi Fariisonni isa qabu'uuf eedduu mana woyyu'uu itti ergan. 33#12:35; 13:33; 14:12; 16:28 Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka na ergee deema, na soxxan ammoo na hin argitan. 34#8:21; 13:36 Isin gara ani jiru dhufuu hin dandeettan» jedhe.
35 # 8:22; 12:20; Hu. Er. 6:1; Yaq. 1:1; Phex. 1ffaa 1:1 Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaawaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa? 36Innillee, ‹Na soxxan, ammoo na hin argitan, gara ani jirullee dhufuu hin dandeettan› jechi jedhu kun maali'i?» jedha'aa woliin qaaqan.
Yesuus Burqaa Jireennaa ti
37 # Seera Leewwotaa 23:36; Yoh. 4:10, 14; Mudh. Yoh. 22:17 Guyyaa guddaa gaafa dhuma ayyaana Yesuus dhaabatee, «Eennullee ka dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhuguu. 38#Isaayyaasii Raatticha 58:11; Hisqeelii Raatticha 47:1; Zakkaariyaasii Raatticha 14:8 ‹Ka anatti amanu akkuma kitaabni jedhe, bisaan laga jireennaatituu gara'aa burqa› » jedhee laagaa ol qabatee dubbate. 39#16:7; Hu. Er. 2:4; Qor. 2ffaa 3:17 Kana ammoo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfina ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.
Baniin Gargar Wol Fooye
40 # 6:14; Seera Keessa deebi'ii 18:15; Hu. Er. 3:22 Kanaafuu banii keessaa namoonni hedduu dubbii kana haga dhagayan, «Inni dhugamaan raaga» jedhan.
41 # 7:26, 52; 1:46; Hu. Er. 9:22 Kuuwwan ammoo, «Kiristoos» jedhan. Kuuwwan ammoo, «Kiristoos dhuga'aan Galiila'aa dhufaa? 42#Kitaaba Faarfanna'aa 89:3-4; 132:11; Mikkiyaasii Raatticha 5:2; Mat. 2:5-6 Akka Kiristoos fiixaa Daawitii keessaa dhalatuu fi akka inni Beeteliheemii qachaa Daawitiitii dhufu kitaabni hin dubbatuu?» jedhan. 43#9:16; 10:19 Achiin maayessa isa irraa ka sababaa isaatiif baniin wol fooye. 44Isaan keessaallee gari gariin qabuunii barbaadan. Haata'uu ammoo eennullee harkaan isa hin tundhe.
Amanuu Diduu Yihuudota Baallii Qabanii
45 # 7:32 Worri mana sagadaa eegan gara bulchoota gadootaatiif fi gara Fariisotaa hennaa deebi'anii dhufan, Isaan, «Maaf isa fiduu diddan?» isaaniin jedhan. 46#18:6; Mat. 7:28-29 Eedoonni mana sagadaa sun, «Eennullee akka nama kanaa horomaa hin dubbanne» jedhanii deebisaniif. 47#7:12; Mat. 27:63 Eeganaa Fariisonni, «Isinillee akkasuma dogoggortanii? 48#12:42; Qor. 1ffaa 1:26-28 Bulchoota yookiin Fariisota keessaa ka isatti amane jiraa? 49Baniin seera hin beenne kun, abaarama'a!» isaan jedhan. 50#3:1-2; 19:39 Isaan keessaa Niqoodimoos halkaniin firrisee gara isaa dhufee, 51#Seera Keessa deebi'ii 1:16-17; Hu. Er. 25:16 «Seerri keenna dura isa irraa uduu hin dhageenne maal akka godhe uduu hin beenne namatti murteessaa?» isaaniin jedhe. 52#1:46; 7:41 Isaanillee deebisanii, «Atillee akkasuma nama Galiila'aatii? Raanni namoota Galiilaa keessaa akka hin kaane qorii laali» jedhaniin. 53Achiin maayessa martinuu gara mana ufii deeman.

Zvýraznenie

Zdieľať

Kopírovať

None

Chceš mať svoje zvýraznenia uložené vo všetkých zariadeniach? Zaregistruj sa alebo sa prihlás