Yohana MATA DUBBII
MATA DUBBII
Kitaabi Yohana aka Yesoni dubbi Waaqa ta haga jiru jireenna jirtu, ta ammalle nama taate, nu woliini teete garsiisa. Akuma kitaabi jed'u, Odu Dansa tana wonti t'aafanifi aka nami isi soomu aka Yesoni baafama namaa kakhatanifi Ilma Waaqa d'ugefate, duuba d'ugefacha suni keesa jireenna argatu (20.31).
Eegi mata dubbi ta aka Yesoni dubbi Waaqa ta jiru jireenna garsiiftu, dubbini qara waan mama heddu Yesoni tolche ta wonti suni aka inni baafama namaa kakhatanifi Ilma Waaqa garsiifti. Duuba dubbi suni waan wonti mama suni garsiiftuti iti aana. Kitaaba kana keesa aka nami gari Yeso d'ugefate gula yae, ammo ka gari isa d'ugefachu dide himani. Boqota 13-17 aka Yesoni halkani isa qabani suni ergattu isaa maro duisa isaatiifi garaa jabeese d'eertu gula t'aafani. Boqoti eege aka Yeso qabani himataniifi ammalle aka isa fannisanifi aka inni awaala keesa kae ergattu isaati mullate hima. Yohanani jireenna Yeso keesa argatani ka haga jiru tau, ka ammalle nami Yeso aka inni karaafi d'ugaafi jireena d'ugefate ch'ufti argatu, guddo waan isaa jabeese t'aafe. Yohanani kitaaba kana keesa woma nami guddo beekhu ka aka bisaanifa, qit'afa, ifsaafa tissitufi hooliyefa zabibufi mid'aani isii fa akheekha tolfate, aka dubbi Waaqatiini diideesu.
Boqota waan kitaaba kana ke jira
1.1-18 Dubbi qaraa.
1.19-51 Yohana nama batisufi ergattu Yeso ta qaraa.
2.1—12.50 Huji Yeso.
13.1—19.42 Torbaani eege Yerusalemu keesafi d'aatu.
20 Kaisafi mullacha Aabbo.
21 Dubbi eege, mullacha d'ibi Galilaya keesa.
Kasalukuyang Napili:
Yohana MATA DUBBII: BOR
Haylayt
Ibahagi
Kopyahin
Gusto mo bang ma-save ang iyong mga hinaylayt sa lahat ng iyong device? Mag-sign up o mag-sign in
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.