Wongeela Yohaannisii 1
1
Jecha Jiru'uu
1Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu. 2Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira. 3Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dadaa maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne. 4Isa keessa jiru'utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti. 5Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu.
6Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu. #Mat 3:1; Mar 1:4; Luq 3:1-2 7Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe. 8Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti. 9Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga'aa ti.
10Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne. 11Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne. 12Te'uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te'uuf midda#1:12 midda: haqa kenne. 13Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.
14Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
15Yohaannis, “ ‘Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala’ jedhee ka ani dubbadhe isa” jedhee iyyee dhugaa baye.
16Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne. 17Waaqi karaa Muuse'eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte. 18Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba'aa jirutti isa mudhise.
Dhugaa Bayiisa Yohaannisii Cuupha'aa
(Mat 3:1-12; Mar 1:1-8; Luq 3:1-18)
19Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, “Ati eennuu?” jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane.
20Yohaannis, “Ani Masiihii moti” jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne.
21Isaan, “Ati eennu ree? Ati Elyaasii” jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, “Waawwoo ani isaa moti” jedhee deebise. Isaan, “Ati Raagichaa ree” jedhanee gaafatane. Inni, “Waawwoo” jedhee deebise.
22Isaan, “Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?” jedhaneen.
23Yohaannis deebisee, “Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‘Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a’ jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti” jedhe.
24Ergantooti Fariisaayotaan ergamane, 25“Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te'in maaf cuuxxa ree?” jedhanee Yohaannis gaafatane.
26Yohaannis, “Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata. 27Inni ana duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku'uufille nama malee moti” jedhee deebise.
28Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya'atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete.
Hoolee Waaqaa
29Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, “Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu. 30Ka ani, ‘Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni ana caala’ ka ani jedhe isaa kana. 31Aninuu inni eennu akka te'u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa'eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe” jedhe.
32Yohaannis, “Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhagge” jedhee dhugaa baye. 33Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‘Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu'ee hafuun ati dhaggitu’ anaan jedheera. 34Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te'e isinitti hima” jedhe.
Barattoota Yesuusii Ta Jalqabaa
35Guyyaa itti aanu Yohaannis ammalle barattoota ifii lamaan woliin dhaabbatiisatti jiruun, 36yennaa Yesuus achiin dabaru dhaggee, “Kunoo, hooleen Waaqaa!” jedhe.
37Barattooti Yohaannisii lamaan dubbii Yohaannisii tana dhage'anee, Yesuus hordofane. 38Yesuus garagalee, isaan isa hordofanuun dhaggee, “Maan barbaaddan?” jedhee isaan gaafate.
Isaan ammoo, “Rabbii, eessa leeta?” jedhaneen; “Rabbii” jechuun, “Barsiisaa” jechu'u.
39Yesuus, “Kowa'aatii ilaala'a!” isaaniin jedhe. Maarre isaan dhaqanee addee Yesuus le'u dhagganee, guyyaa san isa bira oolane; yennaan sun saafoya gara sa'aatii kudhanii ti.
40Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti. 41Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, “Masiihii dhaggineerra” jedhee itti hime; “Masiihii” jechuun, “Kiristoos” jechu'u. 42Achiin duuba Indiryaas Simoon gara Yesuusii geesse.
Yesuus isa ilaalee, “Ati Simoonii ilma Yohaannisii ti; ammoo haganaa achi, ‘Keefaas’ jedhantee waamanta” jedheen; “Keefaas” jechuun afaan Giriikiitiin, “Pheexroos” jechu'u; Pheexroos jechuun, “Rassaa” jechu'u.
Yesuus Filiphoosii fi Naataanaa'el Waame
43Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, “Ana hordofi!” jedheen. 44Filiphoos akkuma Indiryaasiitii fi Pheexroosii, nama qachaa Betsayda'aa ti. 45Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, “Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineeera. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti” jedheen.
46Naataanaa'el, “Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?” jedhee Filiphoos gaafate.
Filiphoos, “Koyiitii ilaali!” jedhee deebise.
47Yesuus yennaa Naataanaa'el gara isaa dhufuun dhagge, “Kunoo, nami dhugumaan Israa'elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!” jedhee marroo isaa dubbate.
48Naataanaa'el, “Eessatti na beetta?” jedhee gaafate.
Yesuus, “Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru'uu jala jirtuunuu si dhagge” jedheen.
49Naataanaa'el, “Barsiisa'a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa'elii ti!” jedhee deebise.
50Yesuus, “Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita. 51Yesuus itti dabalee, “Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan” jedheen.
Kasalukuyang Napili:
Wongeela Yohaannisii 1: GAXNT
Haylayt
Ibahagi
Kopyahin
Gusto mo bang ma-save ang iyong mga hinaylayt sa lahat ng iyong device? Mag-sign up o mag-sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.