Logo ng YouVersion
Hanapin ang Icon

Wongeela Luqaasii 22

22
Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane
(Mat 26:1-5, 14-16; Mar 14:1-2, 10-11; Yoh 11:45-53)
1Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaateertiiyyu. 2Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane.
3Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene. 4Maarre Yihudaan dhaqee mootota hayyootaatii fi qondaaltota#22:4 qondaaltota: dura aantota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif keennu mari'ate. 5Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane. 6Marre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif keenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e.
Qophii Sagalee Jila Irra Dabaramaa
(Mat 26:17-30; Mar 14:12-21; Yoh 13:21-30)
7Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye. 8Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, “Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!” jedhee erge. 9Isaan, “Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?” jedhanee isa gafatane. 10Inni deebisee, “Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a. 11Abbaa manaatiin, ‘Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan’ jedha'a. 12Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!” jedheen. 13Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteeruun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
Irbaata Gootta'aa
(Mat 26:26-30; Mar 14:22-26; 1Qor 11:23-25)
14Sa'aatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e. 15Inni isaaniin, “Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera. 16Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu” jedhe.
17Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, “Ho'aa, qoodama'a! 18Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyini'ii#22:18 midhaan woyini'ii: yookiin daadhii midhaan woyini'ii iraa qophootte irraa hin unu” jedhe. 19Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, “Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!” jedhaa isaanitti kenne. 20Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, “Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya. 21Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira! 22Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!” jedhe. 23Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane.
Mormii Marroo Eentu Caala'aa
(Mat 18:1-5; 20:24-28; Mar 9:33-37; 10:41-45; Luq 9:46-50)
24Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate. 25Yesuus isaaniin, “Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mooyan; bulchitooti isaaniille, ‘Bu'aa buuttuu kolba'aa’ ifiin jedhan. 26Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti.#Mat 25--27; Mar 10:42-44 27Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti. #Yoh 13:12-15 28Isin worra rakkinna kiyya keessatti ana woliin turtane. 29Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa. 30Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan” jedhe. #Mat 19:28
Mormatiisa Pheexroosii Yesuus Duraan Dursee Hime
(Mat 26:30-35; Mar 14:26-31; Yoh 13:36-38)
31Yesuus, “Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera. 32Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!” jedhe.
33Pheexroos ammoo, “Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoyeera” jedhe. 34Yesuus deebisee, “Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee ana hin mormatta” jedheen.
Korojoo, Subbaa Fi Goraadee
35Achiin duuba Yesuus, “Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?” jedhee barattoota ifii gaafate. #Mat 10:9-10; Mar 6:8-9; Luq 9:3; 10:4
Isaan deebisanee, ‘Womaa hin dhidhanne!” jedhane. 36Yesuus isaaniin, “Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami goraadee hin qanne woyaa ifii gurguree goraadee bitatuu ti. 37Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‘Yakkaameyyii woliin laakkowame’ ka jedhu, ana irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti” jedhe. 38Barattooti, “Ilaa, Gootta'a, goraadeen lamaan as jira” jedhane.
Jennaan inni deebisee, “Hin geya!” jedhe.
Yesuus Gaara Ejersaa Irratti Daadimate
(Mat 26:26-46; Mar 14:32-42)
39Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane. 40Addee san yennaa geye, isaaniin, “Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha'a!” jedhe.
41Achiin duuba haga qolansaa dhaka'aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee, 42“Abba'a, yoo fedha keeti te'e, muduunuu rakkinnaa tana ana irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te'in, akka fedha keetii te'uu ti!” jedhee daadimate. 43Achiin duuba ergamaan ol-gubba'aa mudhatee isa jajjabbeesse. 44Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe. 45Daadimata irraa ka'ee gara barattootaa yennaa deebi'ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge. 46Inni isaaniin, “Maaf rattan? Akka ataabe'etti hin galle ka'aatii daadimadha'a!” jedhe.
Yesuus Qabame
(Mat 26:47; Mar 14:43-50; Yoh 18:3-11)
47Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate. 48Yesuus ammoo, “Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedheen.
49Worri Yesuus woliin jiranu waan te'aaru yennaa dhaggane, “Gootta'a, gorade'een dhoonnuu?” jedhane. 50Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda'aa dhowee, gurra middaa irraa kute. 51Yesuus ammoo, “Lakkisa'a! Tun hin dabalamin” jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52Achiin duuba Yesuus mootota hayyootaa, qondaltota eedduu Galma Waaqaatii fi manguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, “Akka ani alagala'aa goraade'ee fi ulee-jirma qabattanee ana qabiisaaf dhuttanee? 53Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin ana hin qanne. Amma ammoo, sa'aatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu” jedhe.
Pheexroos Yesuus Mormate
(Mat 26:57-58, 69-75; Mar 14:53, 54, 66-72; Yoh 18:12-18, 25-27)
54Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe. 55Yennaa isaan dalleya wodhakka'atti ibidda gabbissanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e. 56Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, “Namichi kunille isa woliin jiraayyu” jette. 57Inni ammoo, “Intaa, ani isa hin beeku” jedhee mormate. 58Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, “Ati isaan keessaa tokko” jedhe.
Pheexroos ammoo, “Namicha, anaa moti!” jedhe.
59Gara sa'aatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, “Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu” jedhee itti jabeesse. 60Pheexroos ammoo, “Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!” jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite.
61Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, “Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin ana hin mormatta” jedhe qaabbatee, 62gad bayee laaleffatee booye.
Yesuusitti Taphatanee Dhaanane
(Mat 26:67-68; Mar 14:65)
63Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane. 64Ila isaa hidhanee, “Eentu si dhowe? Raagi me!” jedhaa isa gaafatane. 65Waan hedduu jedhaa isa arrassane.
Yesuus Kora Murti'ii Duratti Dhikaate
(Mat 26:59-66; Mar 14:55-64; Yoh 18:19-26)
66Yennaa latti bariite maanguddooti kolba'aa, moototi hayyootaatii fi barsiisooti Seera Muse'ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti'ii duratti dhikeessane. 67Isaan, “Masiihiin si'ii? Nutti himi!” jedhane. Inni ammoo, “Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu; 68yoo ani isin gaafadhelle anaaf hin deebittanu. 69Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande'uutitti hin tee'a” jedheen.
70Isaan martinuu, “Ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhane.
Inni deebisee, “Te'uu kiyya isinuu jettane” jedhe.
71Jennaan isaan, “Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?” jedhane.

Kasalukuyang Napili:

Wongeela Luqaasii 22: GAXNT

Haylayt

Ibahagi

Kopyahin

None

Gusto mo bang ma-save ang iyong mga hinaylayt sa lahat ng iyong device? Mag-sign up o mag-sign in