Wongeela Luqaas 20
20
Yesus Angoo Maali'iitiin Akka Hojjatuu Gaafii Isaaf Dhiyaatee
(Mat 21:23; Mar 11:27-33)
1Guyyaa tokko Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti argamee, ummata ni barsiisaa fi wongeela'llee ni lallaba yeroo turetti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, jaarsotiin'llee gara isaa ni dhufan, 2Isaan'llee, «Jedhi mee nutti himi, wonittoota kanniin ka raawwattu angoo maali'iitiin? Yookiin kanniin akka raawwatuuf angoo ka siif kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin. 3Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Ani'llee gaafii tokko isin ni gaafadha, jedhaa mee naaf deebisaa, 4cuuphaan Yohaannisii Waaqa irraa ture moo yookiin nama irraayyi?»
5Isan'llee akkana jechu'uun ufii isaaniitii woliin ni haasayan, «Waaqa irraayyi yoo jennee, ‹eegaa maali'iif itti amanuu diddan ree?› nuun ni jedha, 6‹nama irraayyi› yoo jenne ammoo, ummanni marrinuu nabiyyummaa Yohaannisii titti waan amananiif, dhaga'aan nu woqaran.»
7Kanaaf, «Eessaa akka ta'e hin beekinnu!» jechu'uun, ni deebisaniif.
8Yesus'llee, «Eegasuu ani'llee angoo maali'iitiin wonittota kanniin akka raawwadhu, isinitti hin himu!» isaaniin jedhe.
Fakkeenna Qotee Bulttoota Biqilttuu Woyinni'ii
(Mat 21:33-46; Mar 12:1-12)
9Itti aansee'llee Yesus fakkeenna kana ummatatti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, qotee bulttootaaf'llee kireesseeti gara biyya bira'aa ni deeme, uduu hin deebi'in'llee yeroo baayi'eef ni ture. 10Yeroo woyinniin daraaretti'llee abbaan biqilttu'uu firii woyinni'ii gayee isaa akka isaa fuudhuuf, tajaajilaa tokko gara qotee bulttootaa ni erge, qotee bulttoonni garuu tajaajilaa isaa dhaananii harka isaa duwwaa ni deebisaniin. 11Akkuma kanaan tajaajilaa bira'aa'llee yoo ergu isaa'llee ni dhaananiin, salphisaniinii'llee harka duwwaa ni deebisaniin, 12deebi'ee'llee tajaajilaa sadaffaa yoo ergu isa'llee dhaananii, madeessaniiniit, baasanii ni gataniin. 13Kanaan duubatti abbaan biqilttuu woyinni'ii, ‹eegaa maal haa raawwadhu? Ilma kiyya ka jaaladhu ni erga, isa yookiin ni kabajaniin ta'aa!› jedhe. 14Garuu qotee bulttoonni yeroo isa arganitti ufii isaaniitii akkana woliin jedhan, ‹kun dhaalaa isaati, kootaa isa haa ajjeefinnuu! Qabiyyeen isaa'llee nu'uuf ni ta'a!› 15Kanaaf ilma isaa bakka biqilttuu woyinniitiin alatti baasanii, ni ajjeesaniin. Eegaa, abbaan biqiltuu woyinni'ii qonnaan bulttoota kanniin irratti, maal ka raawwatu sitti fakkaata ree? 16Abbaan biqiltuu woyinni'ii mataan isaatuu ni dhufa, qonnaan bulttoota'llee ni ajjeesa, biqiltuu woyinnii'llee qonnaan bulttoota bira'aatiif ni kenna.»
Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti, «Kun gonkumaa hin ta'in!» jedhan.
17Yesus garuu gara isaanii laalee akkana ni jedhe,
«Eegaa, ‹dhagaan kaabddonni tuffatan, mataa cabssataa ni ta'e›
jedhamee ka barreeffame maal muldhisa? 18Dhagaa san irratti ka kufu marrinuu ni caba, naminni dhagaan irratti kufu garuu, ni bututa» jedhe.
Waayee Gibira Kafalu'uutiif Gaafii Dhiyaate
(Mat 22:15-22; Mar 12:13-17)
19Barsiisonni seeraatii fi itti gaafatamoonni qeesotaa fakkeenna kana isaan irratti akka dubbate beekanii, yeroo sanitti isa qabu'uuf barbaadanii turan, garuu ummata ni sodaatan.
20Kanaaf Yesusiin qabu'uuf yeroo mijaayaa ni eeggatan ture. Aangoo bulcha'aatii fi qaama murti'iitiif'llee dabarssanii isa kunnu'uuf, jecha yakkaa isa irraa argachu'uuf ni barbaadan ture, kanaaf namoota fayyaaleyyii fakkaatanii, toowattoota haasayaan isa qaban itti ni erigan. 21Toowattoonni'llee gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Yaa barsiisaa! Wonitti ati dubbattuu fi barsiifttu'llee dhugaa ta'uu isaa ni beekinna, karaa Waaqaa dhuga'aan barsiiftta malee, eennuuf'llee hin dalttu. 22Mee nutti himi! Akkaataa bu'ura seera keennaa titti nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun eeyyamamee jira moo yookiin hin eeyamaminne?»
23Yesus garuu daba isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, 24«Mee qarshii isaa natti muldhisaa, qarshii kana irratti ka bocamee bifaa fi maqaan irratti barreeffame, ka eennuuti?»
Isaan'llee, «Ka nugusa Rooma'aati» ni jedhaniin.
25Yesus'llee, «Eegasuu ka nugusichaa nugusaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna!» isaaniin jedhe.
26Isaan'llee ummata duranatti haasaya isaatiin isa qabu'uuf hin dandeenne, kanaaf deebii isaatiin maalalffatanii, ni caldhisan.
Waayee Du'aa Ka'iinssa Worra Du'anii
(Mat 22:23-33; Mar 12:18-27)
27 #
HuE 23:8. «Worri du'an hin ka'an» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhiyaatanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin, 28«Yaa barsiisaa! Museen akkana jechu'uun nuuf barreessee jira, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa dubarttii san fuudhee, ka du'ee fiixaa bakka haa buusuuf.› 29Obboleeyyan torbatu jira ture, hangafnni isaan maraa haadha worraa fuudhee finna uduu hin argatin ni du'e. 30Obboleessi itti aanu dubarttii san ni fuudhe, 31Sadaffaan'llee ni fuudheen, akkaataa kanaan duubatti torbanuu isii fuudhaniiti, ijoollee uduu hin uumatin ni du'an. 32Maraan duubatti dubarttiinuu ni duute. 33Torbanuu tartiibaan isii fuudhaniinii jiraniitii eegaa yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?»
34Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Namoonni biyya lafa kanaa ni fuudhan wolitti'llee hin fuusisan'llee. 35Du'aa ka'anii biyya dhufu keessa jiraachuun namoonni isaaniin male garuu, hin fuudhan, wolitti'llee hin fuusisan. 36Akka maleeyikkootaa waan ta'aniif hin du'an, du'aa'llee waan ka'aniif isaan Ijoollee Waaqaati. 37Waayee du'aa ka'iinssa worra du'anii garuu, Museen waayee ibidda ximmirro'oo seenaa dubbate keessatti Goofta'aan, ‹Waaqinni Abrahaamii, Waaqa Yishaaqii, Waaqa Yaaqoobii› Jedhee, waameenii jira. 38Kanaaf Waaqinni Waaqa jiraattotaati malee, Waaqa worra du'aaniitii miti, marrinuu isaaf lubbu'uun ni jiraatan» jedhe.
39Barsiisota seeraa keessaa tokko tokko, «Yaa barsiisaa! Mishaa dubbattee jirta!» jedhan. 40Achii asitti'llee ka Yesusii gaafii dhiyeessu'uuf ugge, eennu'llee hin jiru.
Gaafii Waayee Masihiitiif Dhiyaate
(Mat 22:41-46; Mar 12:35-37)
41Kanaan duubatti'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Attamitti Masihichiin ilma Daawiit isaan jedhaniin? 42Daawiiti mataan isaatuu bee kitaaba faarffanna'aa keessatti,
43‹Gooftaa Gooftaan kiyyaaf,
diinota kee miila kee jala haga siif taasisutti,
mirga kiyyaan taa'i ni jedheen› ni jedha.
44Eega Daawiiti mataan isaatuu Gooftaa jedhee eega waameen, eegaa Masihichi Daawiitiif attamitti ilma ta'u'uuf, danda'a ree?»
Yesus Barsiisota Seeraa Irraa Ufi Eeggachiisuu Isaa
(Mat 23:1-36; Mar 12:38-40)
45Ummanni marrinuu uduma isa dhageefata'aa jiran, Yesus barattoota isaatiin akkana ni jdhe, 46«Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gaba'aa titti nagaya kabajaa fudhachuu, bakka woligayi'ii titti'llee barcumaa ulfinnaa, bakka afeerri'itti'llee bakkee kabajaa worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa. 47Isaan'llee fakkeessu'uuf kadhannaa dheeraa dhiyeessaniin sababata'aa, dubarttoota abbootiin worraa isaanii iraa du'an ni saaman, kanaaf murtiin caalaa ta'e isaan ni argataan» jedhe.
موجودہ انتخاب:
Wongeela Luqaas 20: ArsiDNT
سرخی
شئیر
کاپی
کیا آپ جاہتے ہیں کہ آپ کی سرکیاں آپ کی devices پر محفوظ ہوں؟ Sign up or sign in