Takka turtee haati manaa gooftaa isaa ija ishee Yoseef irra buufattee,<<Anaa wajjin ciisi!>> ittiin jette. Inni garuu didee, haadha manaa gooftaa isaa sanaan,<<Kunoo, gooftaan koo waan mana isaa keessa ana harka jiru hin beeku; wanta kan isaa ta'e hundumaa harka koo jala galcheera; mana kana keessa guddaan ana caalu hin jiru; si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha>> Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?>> jedhe*.