1
Seera Uumamaa 4:7
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree>> Wanta gaarii hin hojjettu yoo ta'e garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!>> jedhe.
Lee anya n'etiti ihe abụọ
Nyochaa Seera Uumamaa 4:7
2
Seera Uumamaa 4:26
Sheetiifis ilmi in dhalate, innis maqaa isaa <<Enosh>> jedhee moggaase; bara sana namoonni Waaqayyoon maqaadhaan waammachuu jalqaban*.
Nyochaa Seera Uumamaa 4:26
3
Seera Uumamaa 4:9
Waaqayyo yommus,<<Abeel obboleessi kee eessa jira?>> jedhee Qaayinin gaafate; inni immoo deebisee,<<Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?>> jedhe.
Nyochaa Seera Uumamaa 4:9
4
Seera Uumamaa 4:10
Kana irratti Waaqayyo,<<Wanti ati goote kun maali>> Dhiigni obboleessaa keetii lafaa natti in iyyata*.
Nyochaa Seera Uumamaa 4:10
5
Seera Uumamaa 4:15
Kana irratti Waaqayyo,<<Akkas miti, nama Qaayinin ajjeese irraa gumaan dachaa torbaa in barbaadama!>> jedheen; kana booddee Waaqayyo, namni Qaayinin arge rukutee akka hin ajjeefneef, milikkita itti godhe*.
Nyochaa Seera Uumamaa 4:15
Ebe Mmepe Nke Mbụ Nke Ngwá
Akwụkwọ Nsọ
Atụmatụ Ihe Ogụgụ Gasị
Vidiyo Gasị