Wongeela Yohaannis 1
1
Dubbii Jireennaa
1Jalqaba dubbiin ni ture, dubbiin'llee Waaqa bira ni ture, dubbiin kun'llee Waaqa ni ture. 2Inni jalqaba Waaqa bira ni ture. 3Wonitti marrinuu isaan ni uumame, waan uumame maraa keessaa'llee, wonitti tokko'llee isaa malee ka uumame hin jiru. 4Isaa keessa'llee jireennatu ture, jireenni kun'llee ifa namootaa ni ture. 5Ifin dukkanaan ni ifa, dukkanni'llee ifa hin injifattuun.
6 #
Mat 3:1; Mar 1:4; Luq 3:1, 2. Waaqaan biraa ka ergame Yohaannis ka jedhamu nama tokko ni ture, 7ragummaa isaatiin naminni marrinuu akka amanuuf, waayee ifaatiif ragaa ta'ee ni dhufe. 8Inni waayee ifaatiif ragaa bayu'uuf dhufe malee, inni mataan isaa ifaa hin turre. 9Nama maraaf ka ibisu ifin dhuga'aa gara biyya lafaa dhufa'aa jira ture.
10Inni'llee biyya lafaa keessa ni ture, biyyi lafaa'llee ka uumame isaan, biyyi lafaa garuu isa hin beekinneen. 11Gara worra isaa ni dhufe, worri isaa garuu ufitti isa hin fudhanne. 12Haa ta'u malee worra ufitti fudhatanii fi maqaa isaa titti worra amanan maraaf, mirga ijoollee Waaqaa ta'u'u'uu isaaniif ni kenne. 13Isaan'llee Waaqa irraa ni dhalatan malee fiixaa namaa, jechuun'llee fedhii foonii irraa yookiin fedhii namaa irraa hin dhalanne.
14Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.
15Yohaannis'llee, «Ka ana duubaan dhufu sun ana duranatti ni jira waan tureef ana haalaan ni caala, ka jedhee isinitti hime kunoo kana» jedha'aa, ragaa ni baye.
16Kennaa bilisaa irraa nu marri keenna kennaa isaa ka bilisaa irraan kennaa bilisaa fudhannee jirra. 17Seeri karaa Muse'eetiin ni kenname, kennaan bilisaatii fi dhugaan garuu, karaa Yesus Kristosiin ni dhufe. 18Waaqa ka argeen gonkumaa eennu'llee hin jiru, haa ta'u malee Waaqa Abbaa bira ka jiru, Ilmi isaa tokkochi qoftti ni ibiseen.
Ragummaa Yohaannisii Cuupha'aa
(Mat 3:1-12; Mar 1:1-8; Luq 3:1-18)
19Namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa, Yerusaalemii qeesotaatii fi Leewota'llee gara Yohaannisii erganii, «Ati eennuu?» jedhanii yeroo isa gaafachiisanitti, ragummaan inni kenne akka itti aanee jiru, 20inni'llee, «Ani Masihii miti» jechu'uun ragaa baye malee, hin waakkanne.
21Isaan'llee, «Eegaa ati eennu? Eliyaasi moo?» jechu'uun ni gaafataniin.
Inni'llee, «Miti!» jechu'uun, isaanii ni deebise.
Isaan'llee, «Ni dhufa nabiyyichi jedhame si'i moo?» jedhaniin.
Inni'llee, «Miti!» jedhe.
22Isaan'llee, «Eegaa ati eennu? Namoota nu erganitti deebii akka himnnu waayee mataa keetiitiif maal jetta?» jedhaniin. 23Inni'llee, «Akkuma nabiyyichi Isaayaas dubbatetti,
ani ‹karaa Goofta'aa qajeelchaa!› jedha'aa,
gammoojji'itti qoonqqa nama iyyuuti» jedhe.
24Namoonni'llee ka ergaman Farsootaa biraayyi ture, 25Kanaaf, «Ati Masihii yookiin Eliyaasiin yookiin nabiyyicha ni dhufa jedhame eega hin ta'in eegaa, waayee maali'iif cuuphixa ree?» jechu'uun ni gaafataniin.
26Yohaannis'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ain ka cuuphamu bishaaniin, garuu ka isin hin beekinneen jidduu keessan dhaabatee jira. 27Inni'llee ana duubaan ka dhufu, ani hidhaanuma kophee isaatuu hiiku'uuf'llee ka gayee miti.»
28Kun'llee ka ta'e Yohaannis itti ni cuupha bakka ture laga Yoordaanosiitiin gamatti ka argamu, magaalaa Bitaaniya'aa titti.
Hoolaa Waaqaa
29Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana! 30‹ka ana duubaan dhufe sun anaan duranatti waan tureef, ana haalaan ni caala› ka isiniin jedhe kana. 31Ani mataan kiyyaa hin beekuun ture, garuu inni ummata Israa'eelii titti akka muldhatuuf, ani bishaaniin cuupha'aa ni dhufe.»
32Itti aanssee'llee Yohaannis akkana jechu'uun ragaa ni baye, «Hafuurri Qulqulluun akka handari'ii titti sami'ii yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ni arge, 33Ani mataan kiyyaa hin beekuun ture, garuu bishaaniin akka cuuphuuf ka ana erge, ‹Hafuurri Qulqulluun yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ka argitu, Hafuura Qulqullu'uun ka cuuphu isa› yoo jedhu natti himee jira. 34Ani'llee kana argee jira, kanaaf inni Ilma Waaqaa ta'uu isaa ragaa ni baya.»
Barattoota Yesusii Worra Jalqabaa
35Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis barattoota isaa lamaan woliin deebi'ee, achi dhaabatee jira ture, 36Yohaannis Yesusiin achiin yoo dabrru argee, «Kunoo, Hoolaan Waaqaa» ni jedhe.
37Barattoonni Yohaannisii lamaan Yohaannis kana yoo jedhu dhagayanii, Yesusiin ni horddofaniin. 38Yesus'llee ufi duuba garagalee isa yoo horddofan argeeti, «Maal barbaadan?» isaaniin jedhe.
Isaan'llee, «Rabbii! Eessa jiraatta?» ni jedhaniin. (Rabbii jechuun barsiisaa jechu'u.)
39Inni'llee, «Koota'aatii laalaa!» isaaniin jedhe. Kanaaf deemaniiti eessa akka jiraatu ni argan. Guyyaa sanitti isa woliin ni oolan, yero'oon'llee gara saa'aatii kudhanii ni ta'a ture.
40Dubbii Yohaannis dubbate dhagayanii barattoota Yesusiin horddofaniin keessaa tokko, obboleessa Simoon Phexirosii Indriyaasiin ni ture. 41Indriyaas jalqaba gara obboleessa isaa gara Simoonii dhaqeeti, «Masihii arganneenii jirra!» jedheen. (Masihii jechuun Kristos jechu'u.) 42Kanaan duubatti Indriyaas Simooniin, gara Yesusii ni fideen.
Yesus'llee guutatee laaleeniiti, «Ati ilma Yoana'aa Simoon! Ammaa achitti garuu, Keefaa ni jedhamta» jedheen. (Keefaa jechuun Phexiros yookiin dhagaa siidaa jechu'u.)
Yesus Filiphosii Fi Naatinaa'eliin Akka Waame
43Guyyaa itti aanutti'llee Yesus gara Galiila'aa deemu'uuf ni barbaade, Filiphosiin'llee argateeti, «Ana horddof!» jedheen. 44Filiphos'llee akkuma Indriyaasiitii fi akkuma Phexirosii, nama magaalaa Beetesayida'aa ni ture. 45Filiphos Naatinaa'eliin argatee, «Museen kitaaba seeraatiin, nabiyyoonni'llee kitaabban raagaatiin waayee isaa ka barreessaniif arganneenii jira, inni'llee ilma Yooseefii Yesusii Naazireetiiti» jedheen.
46Naatinaa'el garuu, «Naazireetiin keessaa wonitti mishaan gonkumaa argamu'uuf ni dandda'aa ree?» jedheen. Filiphos'llee, «Koottuutii laali» jedheen. 47Naatinaa'el gara isaa yeroo dhufu argee Yesus, «Kunoo! Daba ka hin qabnne nama Israa'eelii ka dhuga'aa!» jechu'uun, waayee isaa ni dubbate. 48Naatinaa'el'llee, «Eessatti ana beekitta?» jedheen. Yesus'llee, «Filiphos uduu si hin waamniin duranatti, muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira» jechu'uun, ni deebiseef. 49Yeroo sanitti Naatinaa'el, «Yaa Barsiisaa! Ati Ilma Waaqaati! Ati nugusa worra Israa'eeliiti!» jedhe.
50Yesus'llee akkana ni jedhe, «Ati ka amantte, ‹muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira› waan siin jedheef moo? Wonittoota kana caalan mara ufi durana ni argita. 51Dhugamaan isiniin ni jedha, samiin yoo banamttu, maleyikkoonni Waaqaa'llee Ilma Namaa irraan, yoo ol bayanii fi bu'an ni argitan.»
موجودہ انتخاب:
Wongeela Yohaannis 1: ArsiDNT
سرخی
شئیر
کاپی
کیا آپ جاہتے ہیں کہ آپ کی سرکیاں آپ کی devices پر محفوظ ہوں؟ Sign up or sign in