1
Wongeela Yohaannis 6:35
Waadaa Haarawa
Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Buddeenni jireennaa ana, gara kiyya ka dhufu gonkumaa hin beelayu, anatti ka amanu gonkumaa hin dheebotu
Yenzanisa
Ongorora {{vhesi}}
2
Wongeela Yohaannis 6:63
Jireenna ka kennu Hafuura Waaqaati, huminni namaa garuu womaafuu hin fayyadu, dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura, jireennaati'lle'e
3
Wongeela Yohaannis 6:27
Nyaata baduuf hin hojjatinaa, kana irra Waaqinni Abbaan chaaphaa mirkaneessee ka caaphesse, Ilmi Namaa ka isinii kennu, nyaata jireenna bara baraa ta'eef hojjadhaa.»
4
Wongeela Yohaannis 6:40
Ee! Fedhiin Abbaa kiyyaa Ilmaa ka laaluu fi isatti ka amanan marrinuu, jireenna bara baraa akka argataniif, ani'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasa.»
5
Wongeela Yohaannis 6:29
Yesus'llee, «Hujiin Waaqaa ammoo ka Waaqinni ergetti amanu'u» jechu'uun, isaanii ni deebise.
6
Wongeela Yohaannis 6:37
Ka Waaqinni Abbaan naaf kennu marrinuu gara kiyya ni dhufa, ka gara kiyya dhufu'llee gonkumaa gara alaa titti isa hin ari'uun.
7
Wongeela Yohaannis 6:68
Yeroo kanatti Simoon Phexiros akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Gara eennuu deemnnaa? Ati dubbii jireenna bara baraa ni qabdda.
8
Wongeela Yohaannis 6:51
Sami'ii ka bu'e buddeenni jireenna kennu ana, buddeena kana irraa ka nyaatu marrinuu bara baraaf ni jiraata, biyya lafaatiif' jireenna akka ta'u, buddeenni ani kennu foon kiyya.»
9
Wongeela Yohaannis 6:44
Waaqinni Abbaan ana erge ka ufitti harkiseen yoo ta'e malee, gara kiyya dhufu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, gara kiyya ka dhufu'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasan.
10
Wongeela Yohaannis 6:33
Buddeenni Waaqaa ka sami'ii bu'uu fi biyya lafaatiif jireenna ka kennu.»
11
Wongeela Yohaannis 6:48
Ani buddeenna jireennaati
12
Wongeela Yohaannis 6:11-12
Kanaan duubatti Yesus buddeena ol fuudhee galata eega dhiyeesseen duubatti, namoota taa'aniif ni qoode. Akkuma kana qurxxummiiwwan'llee isaanii ni qoode, marrinuu waan haga isaan barbaachisu ni argatan. Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti barattoota isaatiin, «Wonitti tokko'llee akka hin hin badinneef hanbbaa hafe'llee wolitti qabaa» isaaniin jedhe.
13
Wongeela Yohaannis 6:19-20
Barattoonni isaa'llee haga kiilomeetira shanii yookiin jahaa, bishaan dhayata'aa eega deemaniin duubatti, Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara hobolo'oo yoo dhiyaatu arganii, ni sodaatan. Inni garuu, «Anaa, hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe.
Pekutangira
Bhaibheri
Zvirongwa
Mavideo