1
Seera Uumamaa 17:1
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii yeroo ta'etti Waaqayyo isatti mul'atee,<<Ani El-Shaadaayii dha>> [<<El-Shaadaayi>> jechuun <<Waaqayyo isa hundumaa danda'u>> jechuu dha];<<Balleessaa kan hin qabne ta'i, fuula koo dura deddeebi'i*!
Порівняти
Дослідити Seera Uumamaa 17:1
2
Seera Uumamaa 17:5
maqaan kee si'achi<<Abraam>> hin jedhamu, ani saba sonaan baay'eedhaaf abbaa waanan si godhuuf, maqaan kee<<Abrahaam>> in jedhama*; [<<Abrahaam>> jechuun <<Abbaa saba baay'ee>> jechuu dha]*.
Дослідити Seera Uumamaa 17:5
3
Seera Uumamaa 17:7
ani siif Waaqayyo ta'ee, si booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uufiif kakuu koo ofii koo fi si gidduutti, dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu bara baraa godhee, cimsee nan dhaaba.
Дослідити Seera Uumamaa 17:7
4
Seera Uumamaa 17:4
inni,<<Kunoo, kakuun ani sii wajjin gale, ati saba sonaan baay'eedhaaf abbaa akka taatuu dha
Дослідити Seera Uumamaa 17:4
5
Seera Uumamaa 17:19
Waaqayyo immoo deebisee,<<Waawuu, haadha manaa kee Saaraatu ilma siif da'a malee, atis maqaa isaa <<Yisihaq>> jettee in moggaafta; ani kakuu koo, akka kakuu isa booddeedhaan sanyii isaatiif bara baraan jiraatutti, isaa wajjin nan jabeessa*.
Дослідити Seera Uumamaa 17:19
6
Seera Uumamaa 17:8
Biyya ati amma galaa itti taate, biyya Kana'aan hundumaa siif, si booddeedhaanis sanyii keetiif, dhaala bara baraa godhee nan kenna; isaaniifis Waaqayyo nan ta'a>> jedhe*.
Дослідити Seera Uumamaa 17:8
7
Seera Uumamaa 17:17
Yommus Abrahaam fuula isaatiin gad in gombifame; garuu in kolfe; ofii isaas,<<Jaarsa waggaa dhibbaaf mucaan in dhalataafii>> Saaraan isheen waggaa sagaltamaa immoo mucaa in deessii?>> jedhee* gaafate.
Дослідити Seera Uumamaa 17:17
8
Seera Uumamaa 17:15
Waaqayyo ammas Abrahaamiin,<<Waa'ee haadha manaa kee Saaraayif immoo, maqaa ishee<<Saaraayi>> jettee hin waamin, maqaan ishee si'achi<<Saaraa>> haa jedhamu!
Дослідити Seera Uumamaa 17:15
9
Seera Uumamaa 17:11
Isin gogaa foon keessan haguuge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in ta'a*.
Дослідити Seera Uumamaa 17:11
10
Seera Uumamaa 17:21
Kakuu koo garuu Yisihaq isa Saaraan bara-eger yowwana siif deessu wajjin nan jabeessa>> jedheen.
Дослідити Seera Uumamaa 17:21
11
Seera Uumamaa 17:12-13
Dhaloota hundumaa keessatti dhiira ta'ee mana kee keessatti kan dhalatu, sanyii kee keessaa utuu hin ta'in kan isa orma irraa horiidhaan bitames, dhalatee guyyaa saddeetitti dhagna haa qabamu! Inni mana kee keessaa dhalates, inni horii keetiin bitames dhagna haa qabamu! Kakuun koo inni milikkinni isaa foon keessan irratti mul'atu kakuu bara baraa in ta'a.
Дослідити Seera Uumamaa 17:12-13
Головна
Біблія
Плани
Відео