1
Wongeela Yohaannis 1:12
Waadaa Haarawa
Haa ta'u malee worra ufitti fudhatanii fi maqaa isaa titti worra amanan maraaf, mirga ijoollee Waaqaa ta'u'u'uu isaaniif ni kenne.
Yenzanisa
Ongorora {{vhesi}}
2
Wongeela Yohaannis 1:1
Jalqaba dubbiin ni ture, dubbiin'llee Waaqa bira ni ture, dubbiin kun'llee Waaqa ni ture.
3
Wongeela Yohaannis 1:5
Ifin dukkanaan ni ifa, dukkanni'llee ifa hin injifattuun.
4
Wongeela Yohaannis 1:14
Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.
5
Wongeela Yohaannis 1:3-4
Wonitti marrinuu isaan ni uumame, waan uumame maraa keessaa'llee, wonitti tokko'llee isaa malee ka uumame hin jiru. Isaa keessa'llee jireennatu ture, jireenni kun'llee ifa namootaa ni ture.
6
Wongeela Yohaannis 1:29
Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana!
7
Wongeela Yohaannis 1:10-11
Inni'llee biyya lafaa keessa ni ture, biyyi lafaa'llee ka uumame isaan, biyyi lafaa garuu isa hin beekinneen. Gara worra isaa ni dhufe, worri isaa garuu ufitti isa hin fudhanne.
8
Wongeela Yohaannis 1:9
Nama maraaf ka ibisu ifin dhuga'aa gara biyya lafaa dhufa'aa jira ture.
9
Wongeela Yohaannis 1:17
Seeri karaa Muse'eetiin ni kenname, kennaan bilisaatii fi dhugaan garuu, karaa Yesus Kristosiin ni dhufe.
Pekutangira
Bhaibheri
Zvirongwa
Mavideo