1
Wongeela Yohaannis 10:10
Waadaa Haarawa
Hattuun ka dhufu hatu'uuf, qalu'uu fi balleessu'uuf qofa, ani garuu ka dhufee jireenna akka argatanii fi jireenna irraa hafe, akka qabaataniif.»
Yenzanisa
Ongorora {{vhesi}}
2
Wongeela Yohaannis 10:11
«Tissichi mishaan ana, tisseen mishaan lubbuu isaa waayee hoolota isaatiif dabarssee ni kenna.
3
Wongeela Yohaannis 10:27
Hoolonni tiyya qooniqqa kiyya ni dhagayan, ani'llee isaan ni beeka, isaan'llee ana ni horddofan.
4
Wongeela Yohaannis 10:28
Ani jireenna bara baraa isaaniif ni kenna, kanaaf gonkumaa hin badan, harka kiyyaa eennu'llee butee isaan hin fudhatu.
5
Wongeela Yohaannis 10:9
Balballi ana, ka karaa kiyyaan aseenu ni fayya, ni aseena, ni baya, bakka oolu'llee ni argata.
6
Wongeela Yohaannis 10:14
Tisseen mishaan ana, ani hoolota tiyya ni beeka, hoolonni tiyya'llee ana ni beekan.
7
Wongeela Yohaannis 10:29-30
Ka isaan anaaf kenne Abbaan kiyya, maraa ni caala. Harka Abbaa kiyyaatii isaan butee fudhachuu ka danda'u, eennu'llee hin jiru. Anii fi Waaqinni Abbaan tokko.»
8
Wongeela Yohaannis 10:15
Ani isaan ka beeku Waaqinni Abbaan akka ana beekuu fi akkuma bifa ani'llee Waaqa Abbaa beekuunitti, ani waayee hoolota kiyyaatiif lubbuu kiyya dabarssee ni kenna.
9
Wongeela Yohaannis 10:18
«Lubbuu kiyya fedhii kiyyaan ni kenna malee, ana irraa ka fudhatuun eennu'llee hin jiru, lubbuu kiyya Kennu'uu fi deebisee'llee fudhachu'uuf aangoo ni qaba, ajaja kana'llee ka fudhadhe Abbaa kiyya irraayyi.»
10
Wongeela Yohaannis 10:7
Kanaaf Yesus deebi'ee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, ani balbala hoolotaati.
11
Wongeela Yohaannis 10:12
Tisseen mindeeffamaa ta'e hoolonni ta isaa waan hin ta'iniif, yayyiin yoo dhufttu yeroo argutti hoolota dhiisee ni dheessa, yayyiin'llee hoolota irraa fudhatee isaan ni bittinneessa.
12
Wongeela Yohaannis 10:1
Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, gara karra gooruu hoolotaa uduu hin ta'in gara bira'aatiin naminni aseenu, hattu'uu fi shiftta'a.
Pekutangira
Bhaibheri
Zvirongwa
Mavideo